Dhimma ijoo ta'etti seeni

Rakkina Nu Irra Gaʼuuf kan Itti Gaafatamu Waaqayyo Dhaa?

Rakkina Nu Irra Gaʼuuf kan Itti Gaafatamu Waaqayyo Dhaa?

Deebii Kitaaba Qulqulluu

 Deebiin Kitaaba Qulqulluu lakki kan jedhu dha! Rakkinni namoota irra akka gaʼu kaayyoo Waaqayyoo hin turre. Haa taʼu malee, hiriyoonni gaaʼelaa jalqabaa bulchiinsa Waaqayyoo irratti fincila kaasuudhaan, gaarii fi hamaa ilaalchisee ulaagaa mataa isanii hordofuu filataniiru. Waaqayyo irraa kan fagaatan siʼa taʼu, buʼaa hojii isaanii argataniiru.

 Harʼa filannoo gadheen isaan godhan dhiibbaa nu irratti gochaa jira. Rakkina ilmaan namootaa kan fide matumaa Waaqayyo miti.

 Kitaabni Qulqulluun akkana jedha: “Namni tokko yommuu qoramu, ‘Waaqayyotu na qoraa jira’ hin jedhin. Sababiin isaas Waaqayyo wantoota hamaadhaan qoramuu hin dandaʼu; inni ofuma isaatiis nama tokko illee hin qoru.” (Yaaqoob 1:13) Rakkinni, namoota Waaqayyo duratti fudhatama qaban illee dabalatee eenyu irra iyyuu gaʼuu ni dandaʼa.