Dhimma ijoo ta'etti seeni

Waaqayyo Sillaasee Dhaa?

Waaqayyo Sillaasee Dhaa?

Deebii Kitaaba Qulqulluu

 Dhaabbileen amantii hedduun Waaqayyo Sillaasee akka taʼe barsiisu. Haa taʼu malee, kitaabni Encyclopædia Britannica jedhamu maal akka jedhe ilaali: “Jechi Sillaasee jedhus ta’e, barumsisaa Kakuu Haaraa keessatti hin argamu . . . Barumsi kun jaarraawwan hedduu keessatti falmii guddaa booda suutuma suuta babalʼachaa dhufe.”

 Waaqayyo, matumaa kutaa sillaasee akka taʼetti hin ibsamne. Caqasoota Kitaaba Qulqulluu armaan gadii ilaali:

 “Waaqayyo gooftaan keenya Waaqayyo isa tokkicha.”—Keessa Deebii 6:4.

 “Maqaan kee ‘Isa Jiraataa’ akka taʼe, ati kophaa kee guutummaa biyya lafaa irratti gooftaa isa hundumaa gararraa jiru taʼuu kees haa beekan.”—Faarfannaa 83:18.

 “Jireenya bara baraa argachuu akka dandaʼaniif, si isa Waaqa dhugaa tokkicha taatee fi Yesuus Kiristoos isa ati ergite sana beekuu qabu.”—Yohaannis 17:3.

 “Waaqayyo garuu tokko.”—Galaatiyaa 3:20, Macaafa Qulqulluu Afaan Oromoo hiika Bara 1997.

 Dhaabbileen amantii Kiristiyaanaa hedduun Waaqayyo kutaa Sillaasee ti kan jedhan maaliifi?