Dhimma ijoo ta'etti seeni

Waaqayyoon Beekuu Kan Dandeessu Akkamitti?

Waaqayyoon Beekuu Kan Dandeessu Akkamitti?

Deebii Kitaaba Qulqulluu

 Waaʼee Waaqayyoo barachuu fi isa gammachiisuuf carraaqqii gochuudhaan Waaqayyoon beekuu dandeessa. Akkas goonaan Waaqayyos ‘sitti ni dhihaata.’ (Yaaqoob 4:8) Kitaabni Qulqulluun, “Inni tokkoon tokkoon keenya irraa fagoo miti” jechuudhaan nuuf mirkaneessa.”—Hojii Ergamootaa 17:27.

 Karaa itti Waaqayyoon beekuu dandeʼnyu

 Kitaaba Qulqulluu dubbisi

  •  Wanta Kitaabni Qulqulluun jedhu: ‘Kitaabonni Qulqulluun hundi geggeessaa hafuura Waaqayyootiin barreeffame.’—2 Ximotewos 3:16.

  •  Hiika isaa: Waaqayyo Abbaa barruu Kitaaba Qulqulluu ti. Waaqayyo yaada isaa sammuu barreessitoota Kitaaba Qulqulluu keessa kaaʼuudhaan Kitaaba Qulqulluu barreessise. Waaqayyo karaa kitaaba adda taʼe kanaan kaayyoo nuuf qabu ifa godheera. Kana malees jaalala isaa, haqa isaa, gara laafina isaa fi amalawwan isaa garagaraa nuuf ibseera.—Baʼuu 34:6; Keessa Deebii 32:4.

  •  Wanta gochuu dandeessu: Guyyaa guyyaadhaan Kitaaba Qulqulluu dubbisi. (Iyaasuu 1:8) Achiis, ‘Kun waaʼee eenyummaa Waaqayyoo maal na barsiisa?” jettee of gaafachuudhaan wanta dubbiste irratti xiinxali.—Faarfannaa 77:12.

     Fakkeenyaaf Ermiyaas 29:11 erga dubbistee booda akkas jedhii of gaafadhu: ‘Waaqayyo kan inni naaf hawwu nagaa moo badiisa dha? Waaqayyo haaloo kan qabatu dha moo jireenya gammachiisaa akkan qabaadhu barbaada?’

 Uumama qalbiidhaan ilaalaa

  •  Wanta Kitaabni Qulqulluun jedhu: “Amalawwan [Waaqayyoo] warri ijaan hin argamne, uumama addunyaatii jalqabee ifatti mulʼatu; sababiin isaas, humna isaa isa bara baraa fi Waaqummaa isaa wantoota uumaman irraa ifatti hubachuun ni dandaʼama.”—Roomaa 1:20.

  •  Hiika isaa: Akkuma fakkiin tokko waaʼee nama fakkicha kaase sanaa wanta dubbatu hedduu qabu, maashiniin wal xaxaa taʼe tokkos waaʼee nama maashinicha qopheesse sanaa wanta nu hubachiisu qaba, wantoonni Waaqayyo uumes waaʼee amalawwan isaa garaagaraa nu hubachiisu. Fakkeenyaaf, dandeettii sammuun namaa qabuu fi wal xaxaa taʼuun isaa ogummaa Waaqayyo qabu; humni aduu fi urjiileen kaan qaban immoo humna isaa argisiisu.—Faarfannaa 104:24; Isaayaas 40:26.

  •  Wanta gochuu dandeessu: Yeroo ramaduudhaan uumama ilaaluu fi waaʼee uumamaa barachuuf yaali. Yeroo kanatti akkas jedhii of gaafadhu, ‘Diizaayinii ajaaʼibsiisaan uumama keessatti mulʼatu waaʼee Waaqayyoo maal ibsa?’ a Uumamni waaʼee Uumaa keenyaa wantoota hunda akka nutti hin himne beekamaa dha. Waaqayyo Kitaaba Qulqulluu kan nuuf kennes kanaafi dha.

 Maqaa Waaqayyootti fayyadami

  •  Wanta Kitaabni Qulqulluun jedhu: “Maqaa koo waan beekeefis isa nan eega. Inni na waammata, anis deebii isaaf nan kenna.”—Faarfannaa 91:14, 15.

  •  Hiika isaa: Maqaan Waaqayyoo Yihowaa dha. Inni warra maqaa isaa beekanii fi kabajaan itti fayyadamaniif xiyyeeffannaa guddaa kenna. b (Faarfannaa 83:18; Miilkiyaas 3:16) Waaqayyo maqaa isaa nutti himuudhaan eenyummaa isaa nu beeksiseera. “Ani Yihowaa dha. Maqaan koos isa kana” jedheera.—Isaayaas 42:8.

  •  Wanta gochuu dandeessu: Waaʼee Yihowaa yommuu dubbattu maqaa isaatti fayyadami.

 Kadhannaadhaan Yihowaa haasofsiisi

  •  Wanta Kitaabni Qulqulluun jedhu: “Yihowaan warra isa waammatan hundumaatti, . . . dhihoo dha.”—Faarfannaa 145:18.

  •  Hiika isaa: Yihowaan namoota amantiidhaan isa kadhatanitti ni dhihaata. Kadhannaan kutaa waaqeffannaa yommuu taʼu kabaja guddaa Waaqayyoof qabnus kan argisiisu dha.

  •  Wanta gochuu dandeessu: Yeroo hunda Waaqayyotti kadhannaa dhiheessi. (1 Tasalonqee 5:17) Dhiphina fi miira kee baasii itti himi.—Faarfannaa 62:8. c

 Amantii Waaqayyo irratti qabdu guddifadhu

  •  Wanta Kitaabni Qulqulluun jedhu: “Amantii malee akka gaariitti Waaqa gammachiisuun hin dandaʼamu.”—Ibroota 11:6.

  •  Hiika isaa: Waaqayyotti dhihaachuuf isatti amanuu qabna. Kitaabni Qulqulluun akka ibsutti amantii qabaachuu jechuun Waaqayyo akka jiru amanuu jechuu qofa miti. Amanannaa isa irratti qabaachuu fi abdii kenne akka raawwatu akkasumas ulaagaalee inni baase faayidaa akka qaban guutummaatti fudhachuu dabalata. Nama tokko wajjin michummaa gaarii qabaachuuf isa amanun baayʼee barbaachisaa dha.

  •  Wanta gochuu dandeessu: Amantiin dhugaan beekumsa irratti kan hundaaʼe dha. (Roomaa 10:17) Kanaafuu Kitaaba Qulqulluu qoʼachuudhaan Waaqayyo kan amanamu taʼuu isaa fi gorsawwan isaa faayidaa kan qaban taʼuu isaanii mirkaneeffadhu. Dhugaa Baatonni Yihowaa Kitaaba Qulqulluu si qayyabsiisuuf qophaaʼoo dha. d

 Wanta Waaqayyoon gammachiisu raawwadhu

  •  Wanta Kitaabni Qulqulluun jedhu: “Waaqayyoon jaallachuu jechuun ajajawwan isaa eeguu dha.”—1 Yohaannis 5:3.

  •  Hiika isaa: Yihowaan namoota ajajawwan isaa eeguuf wanta isaaniif dandaʼame hunda gochuudhaan akka isa jaallatan argisiisanitti dhihoo dha.

  •  Wanta gochuu dandeessu: Kitaaba Qulqulluu yeroo qoʼattu wanta Waaqayyo jaallatuu fi hin jaallanne hubadhu. Achiis, ‘Uumaa koo gammachiisuuf sirreeffamawwan kamfaa gochuun qaba?’ jedhii of gaafadhu.—1 Tasalonqee 4:1.

 Gorsa Waaqayyoo sii kennu hojiirra oolchuudhaan gaarummaa isaa dhadhami

  •  Wanta Kitaabni Qulqulluun jedhu: “Yihowaan gaarii taʼuu isaa dhandhamaa ilaalaa.”—Faarfannaa 34:8.

  •  Hiika isaa: Waaqayyo gaarii taʼuu isaa jireenya kee irraa akka ilaaltu si afeereera. Jaalalaa fi gargaarsa Waaqayyoo jireenya kee irraa yommuu argitu caalaatti isatti dhihaachuuf kakaata.

  •  Wanta gochuu dandeessu: Kitaaba Qulqulluu yeroo qoʼattu gorsa Waaqayyo kennu hojii irra oolchuu fi gorsa isaatiif ajajamuun faayidaa inni qabu arguuf carraaqqii godhi. (Isaayaas 48:17, 18) Muuxannoo namoota gargaarsa Waaqayyootiin rakkoowwan moʼan, jireenya isaaniis taʼe kan maatii isaanii fooyyessan akkasumas gammachuu dhugaa argatanii hubadhu. e

 Waaqayyoon beekuu ilaalchisee ilaalcha dogoggoraa jiru

 Ilaalcha dogoggoraa: Waaqayyo humna guddaa fi aboo waan qabuuf nutti dhihaachuu hin barbaadu.

 Dhugaa jiru: Waaqayyo humnaa fi aboo kam irra caalu qabaatu iyyuu isatti akka dhihaannu nu afeereera. Kitaabni Qulqulluun dhiirotaa fi dubartoota amanamoo michoota Waaqayyoo taʼan hedduu qabateera.—Hojii Ergamootaa 13:22; Yaaqoob 2:23.

 Ilaalcha dogoggoraa: Waaqayyo iccitii waan taʼeef isa beekuu hin dandeenyu.

 Dhugaa jiru: Waaqayyoo wajjin haala wal qabateen wantoota tokko tokko hubachuun ulfaataa akka taʼe beekamaa dha. Fakkeenyaaf Waaqayyo Hafuura ijaan hin argamne akka taʼe amanuun nutti ulfaachuu dandaʼa. Taʼus Waaqayyoon beekuu ni dandeenya. Kitaabni Qulqulluun jireenya bara baraa argachuuf Waaqayyoon beekuu akka qabnu dubbata. (Yohaannis 17:3) Kitaabni Qulqulluun waaʼee Uumaa keenyaa, waaʼee amalawwan isaa, kaayyoo inni ilmaan namootaa fi lafaaf qabu akkasumas waaʼee ulaagaalee isaa karaa nuuf galuu dandaʼuun nutti hima. (Isaayaas 45:18, 19; 1 Ximotewos 2:4) Kana malees akkuma olitti ibsame Kitaabni Qulqulluun maqaa Waaqayyoo nutti hima. (Faarfannaa 83:18) Kanaafuu maqaa Waaqayyoo beekuu qofa utuu hin taʼin isatti dhihaachuus ni dandeenya.—Yaaqoob 4:8.

a Fakkeenyaaf ogummaan Waaqayyoo uumama irraa akka mulʼatu mata duree “Qaamni Kana Tolche Jiraa?” jedhu ilaali.

b Namoonni hedduun maqaan Yihowaa hiika “Akka Taʼu Godha” jedhu akka qabu beeku. Waaqayyo maqaa isaa nu beeksisuun isaa ‘Fedhii fi kaayyoon koo dhugaa akka taʼe nan godha. Yeroo hunda wantan dubbadhe nan raawwadha.’akka jedhetti kan ilaalamu dha:

d Odeeffannoo dabalataa argachuuf viidiyoo Qayyabannaan Macaafa Qulqulluu Akkamitti Geggeeffama? jedhu ilaali.