Dhimma ijoo ta'etti seeni

Yesuus Namuma Gaarii Qofa Turee?

Yesuus Namuma Gaarii Qofa Turee?

Deebii Kitaaba Qulqulluu

 Yesuus namuma gaarii qofa hin turre. Jalqabaa kaasee, nama seenaa ilmaan namootaa keessatti dhiibbaa guddaa geessisu taʼuu isaa argisiisee dha. Mee wanta namoonni seenaa fi barreessitoonni beekamoon isa ilaalchisee yaada armaan gaditti dubbatan ilaali:

 “Yesuus inni biyya Naazreet . . . nama seenaa keessatti iddoo guddaa qabu dha.”—H. G. Weelsi, barreessaa seenaa Ingilizii.

 “Jireenyi [Yesuus] jireenya namoota addunyaa kana irratti dhibbaa geessisan kam irra iyyuu kan caalu dha; buʼaan isaas caalaatti dabalaa jira.”—Keeneez Iskoot Laatuuret, barreessaa fi nama seenaa Ameerikaa.

 Kitaabni Qulqulluun Yesuus namoota gaarii lafa irra jiraatan hunda irra iyyuu dhiibbaa guddaa kan geessise maaliif akka taʼe ni ibsa. Yesuus duuka buutota isaa baayʼee isatti dhihaatan waaʼee eenyummaa isaa yeroo isaan gaafatetti, isaan keessa tokko akkana jedhee deebiseera: “Ati Kiristoos, Ilma Waaqayyo isa jiraataa ti.”—Maatewos 16:16.