Dhimma ijoo ta'etti seeni

GARGAARSA MAATIIDHAAF TAʼU | GAAʼELA

Hojii Bakka Hojiitti Dhiisuun kan Dandaʼamu Akkamitti?

Hojii Bakka Hojiitti Dhiisuun kan Dandaʼamu Akkamitti?

 Bara teknooloojiin guddate kanatti, namni si hojjechiisu, warri si faana hojjetan ykn maamiltoonni kee yeroo barbaadan kamitti iyyuu si argachuu akka qaban isaanitti dhagaʼama taʼa; kun immoo hojii kee fi gaaʼela dabalatee jireenya dhuunfaa kee kan biraa gidduu garaa garummaan akka hin jiraanne ykn wanta caalaatti barbaachisaa taʼeef dursa kennuun ulfaataa akka sitti taʼu gochuu dandaʼa.

 Wanta beekuu qabdu

  •   Teknooloojiin, yeroo hiriyaa gaaʼelaa kee wajjin dabarsuu qabdu hojiidhaan akka dabarsitu gochuu dandaʼa. Kanaafuu, bilbilli ykn ergaan barreeffamaa hojii ilaalchisee saʼaatii hojiitiin ala yoo dhufe, wanti sun wanta hatattamaan hojjetamuu qabu fakkaachuu dandaʼa.

     “Hojii ilaalchisee ergaan yeroo isiniif ergamuu fi bilbilli yeroo isiniif bilbilamu, hiriyaa gaaʼelaa keessan irratti odoo hin taʼin wantoota sana irratti xiyyeeffattu; kanaafuu akkuma barretti hojii booda gara manaa dhufanii maatii ofii wajjin yeroo dabarsuun yeroo ammaatti waan dandaʼamu hin fakkaatu.”—Jaaneet.

  •   Hojii keetiifis taʼe maatii keetiif yeroo sirrii taʼe kennuuf dursa fudhachuu qabda. Karoora hin baafattu taanaan, yeroo hiriyaa gaaʼelaa keetiif kennuu qabdu hojiidhaaf oolchuu dandeessa.

     “‘Rakkoo hin qabu inni na hubata. Dhiifama naa godha. Isa wajjin booda yeroo nan dabarsa’ jettanii waan yaaddaniif, yeroo baayʼee, dura hiriyaa gaaʼelaa keessan dagattu.”—Hoolii.

 Qabxiiwwan hojii kee sochiiwwan kaan irraa gargar baasuuf si gargaaran

  •   Gaaʼela keetiif dursa kenni. Kitaabni Qulqulluun, “Wanta Waaqayyo walitti hidhe namni kam iyyuu gargar hin baasin” jedha. (Maatewos 19:6) Hiriyaa gaaʼelaa kee irraa namni kam iyyuu ‘gargar akka si baasu’ akkuma hin heyyamne, hojiinis gargar akka si baasu matumaa heyyamuu hin qabdu.

     “Maamiltoonni tokko tokko waanuma qarshii isiniif kaffalaniif yeroo isaan barbaachistan hundumaatti isin argachuu akka qaban isaanitti dhagaʼama. Gaaʼelli koo dursuu akka qabu waanan beekuuf, guyyaan hojii hin hojjennetti na argachuun akka hin dandaʼamnee fi utuun baayʼee hin turin akkan isaan argadhun itti hima.”—Maarqos.

     ‘Hojii koo caalaa gaaʼela kootiif bakka guddaa akkan kennu gocha kootiin nan argisiisaa?’ jedhaa of gaafadhaa.

  •   Yeroo barbaachisutti hojii sii kennamu fudhachuu didi. Kitaabni Qulqulluun, “Yommuu gad of deebisan ogummaatu dhufa” jedha. (Fakkeenya 11:2) Kan gad of deebistu yoo taʼe, hojii kee hirʼisuu ykn hojii tokko tokko namni kan biraan akka hojjetu gochuun gaarii akka siif taʼu hubatta.

     “Ani hojjetaa ujummoo bishaanii ti; kanaafuu namni tokko gargaarsi koo hatattamaan kan isa barbaachisu yoo taʼe dhiphinaan guutama. Yeroo inni barbaadetti isaaf hojjechuu hin dandaʼu taanaan nama isaaf hojjechuu dandaʼu kan biraan itti hima.—Kiristoofar.

     “Hojii tokko hojjechuuf walii galuun koo hiriyaan gaaʼelaa koo akka dhiifame akka isatti dhagaʼamu kan godhu yoo taʼe, hojii sana nan dhiisaa? Hiriyaan gaaʼelaa koo akkas gochuuf fedhii akkan qabu itti dhagaʼamaa?

  •   Yeroo waliin dabarsitan qabaadhaa. Kitaabni Qulqulluun, “Wanti hundinuu yeroo qaba” jedha. (Lallaba 3:1) Keessumaa yeroo hojiin isinitti baayʼatu hiriyaa gaaʼelaa keessan wajjin yeroo dabarsuuf karoora baafachuunii fi hojii irra oolchuun barbaachisaa dha.

     “Yeroo baayʼee, yommuu hojiin nutti baayʼatu waan tokko irratti, jechuunis irbaata nyaachuus taʼe qarqara galaanaa deemuu, yeroo addaan hin cinne waliin dabarsuuf walii galla.”—Dibooraa.

     ‘Hiriyaa gaaʼelaa kootiif xiyyeeffannaa hin hihhiramne yeroon itti kennuu dandaʼu nan ramadaa? Hiriyaan gaaʼelaa koo kana ilaalchisee maal jedha?’ jedhaa of gaafadhaa.

  •   Moobaayilii keessan cufaa. Kitaabni Qulqulluun, ‘Wantoota caalaatti barbaachisoo taʼan adda baasaa beekaa’ jedha. (Filiphisiyus 1:10) Bilbila ykn ergaa barreeffamaa bakka hojiitii dhufuun yaadni kee akka hin hihhiramnetti yeroo tokko tokko meeshaa elektirooniksii kee ni dhaamsitaa?

     “Hojii koo saʼaatii isaatti dhaabuuf carraaqqii nan godha. Sana booda, moobaayilii kiyya irraa sagalee ergaan dhufuu isaa na beeksisu nan cufa.”—Jeramii.

     “Tarii hogganaan koo ykn maamilli tokko na barbaaduu dandaʼu jedhee yaaduudhaan bilbila koo banaa gochuuf dirqamni akka ana irra jiru natti dhagaʼamaa? Hiriyaan gaaʼelaa koo gaaffii kanaaf deebii akkamii kenna?’ jedhaa of gaafadhaa.

  •    Yeroo tokko tokko tole jedhi. Kitaabni Qulqulluun, “Tole kan jettan taʼuun keessan . . . kan beekame haa taʼu” jedha. (Filiphisiyus 4:5) Dhugaa dubbachuuf, yeroo tokko tokko yeroo hiriyaa gaaʼelaa kee wajjin dabarsuu dandeessu hojii irratti dabarsuun barbaachisaa taʼuu dandaʼa. Fakkeenyaaf, haalli hojii hiriyaa gaaʼelaa keessanii saʼaatii dabalataa hojjechuu kan gaafatu taʼuu dandaʼa. Hiriyaa gaaʼelaa keessan irraa wanta humnaa ol taʼe hin eeginaa.

     Abbaan manaa koo hojii xinnoo tokko qaba; yeroo baayʼee saʼaatii hojiitiin ala wanti hatattamaan hojjechuu qabu jira. Kun darbee darbee kan na aarsu taʼus, yeroo waliin dabarsinu baayʼee waan qabnuuf homaa miti.”—Beevarlii.

     ‘Hiriyaa gaaʼelaa kiyya irraa wanta humnaa ol taʼe eeguu dhiisuudhaan, hojiin akka itti baayʼatu hubachuu koo nan argisiisaa? Hiriyaan gaaʼelaa kiyya waaʼee kanaa maal jedha?

 Qajeelfama marii

 Dura gaaffiiwwan kanaa gadii kopha kophaa taatanii ilaaluu dandeessu. Sana booda deebiiwwan keessan irratti waliin mariʼadhaa.

  •   Hiriyaan gaaʼelaa kee, hojii kee gara manaattis fiddee akka dhuftu itti dhagaʼamaa? Taanaan, ati kana irratti walii galtaa?

  •   Xiyyeeffannaa hojii kee fi jireenya kee kaaniif kennitu irratti madaallii kee eeguuf, karaawwan kamfaʼiin fooyyaʼiinsa gochuu akka dandeessu sitti dhagaʼama?

  •   Hiriyaan gaaʼelaa kee hojii isaa bakkuma hojiitti dhiisuu akka hin dandeenye sitti dhagaʼamee beekaa? Taanaan yeroo kana gochuu itti dadhabe kamfaa yaadatta?

  •   Hojii fi sochii jireenyaa kaaniif ilaalcha madaalamaa qabaachuu wajjin haala wal qabateen hiriyaan gaaʼelaa kee jijjiirama akkamii akka godhu barbaadda?