Dhimma ijoo ta'etti seeni

GARGAARSA MAATIIDHAAF TAʼU | IJOOLLEE GUDDISUU

Intalli Keessan Of Ajjeesuu Yoo Barbaadde Maal Gochuu Qabdu?

Intalli Keessan Of Ajjeesuu Yoo Barbaadde Maal Gochuu Qabdu?

 Waggoota dhihoodhaa asitti biyyoota tokko tokko keessatti baayʼinni ijoollee of ajjeesanii garmalee dabalaa dhufeera. Kun taʼuu kan dandaʼe maaliifi? Intalli keessan of ajjeesuu yaadaa jirtii?

Mata duree kana keessatti

 Dhimmi ijoollee fi of ajjeesuu jedhu warra yaaddessuu kan qabu maaliifi?

 Bara 2009 hanga 2019​tti, Yuunaayitid Isteetis keessatti baayʼinni barattoota sadarkaa lammaffaa mallattoo dhukkuba dhiphinaa akka qaban argisiisu dhibbeentaa 40n dabaleera. Yeroo kanatti lakkoofsi ijoollee of ajjeesaniis dabaleera. a

 “Dargaggoonni yeroo harʼaa rakkoowwan adda taʼantu isaan mudata . . . Rakkoowwan kun fayyaa sammuu isaaniirratti dhiibbaa guddaa geessiseera.”—Veevek Haaleeger Murzee, U.S. Surgeon General.

 Qajeelfama Kitaaba Qulqulluu: “Hafuurri cabe . . . humna namaa laaffisa.”—Fakkeenya 17:22.

 Intalli keessan balaa kanaaf akka saaxilamte beekuu kan dandeessan akkamitti?

 Sababiiwwan kanaa gadii ilaalaa.

  •   Haalawwan. Intalli keessan haala gaddisiisaa, jechuunis jibba, gargar baʼuu, wanta taʼe tokko irra gaʼuu dadhabuu ykn nama jaallatu duʼaan dhabdeettii? Taanaan haalli kun hamma isin yaaddan caalaa miidhaa guddaa ishiirraan b geessisuu dandaʼaa?

  •   Amala. Intalli keessan hiriyoota ykn maatii ishii wajjin yeroo dabarsuu dhiisteettii? Sochiiwwan kanaan dura irratti hirmaachuu jaallattu turteef amma fedhii hin qabduu? Wantoota baayʼee jaallattu namaaf kennaa jirtii?

  •   Dubbii. Intalli keessan waaʼee duʼaa dubbachuu jaallattii? Yookiin yaada kanneen akka, “Utuun duʼee” jedhu dubbattii? Baʼaa isinitti taʼuu akka hin barbaanne gootee dubbattii?

     Yeroo tokko tokko, ijoolleen “utuu itti hin yaadin” dubbachuu akka dandaʼan beekamaadha. (Iyyoob 6:3) Kaan garuu gargaarsa argachuuf dubbachaa jiru taʼa. Kanaafuu yaada intalli keessan duʼa ilaalchisee dubbattu kamiyyuu akka laayyootti hin ilaalinaa.

 Intalli keessan waaʼee of ajjeesuu yaadaa jirti taanaan, “Yoom ykn akkamitti akka of ajjeestu irratti yaaddeettaa?” jedhaa gaafadhaa. Deebiin ishiin kennitu dhimmichi hangam ariifachiisaa akka taʼe argisiisuu dandaʼa.

 “Warra waan taaneef, deebii ijoolleen keenya deebisan waan nu sodaachisuuf gaaffii isaan gaafachuu hin barbaannu taʼa. Haa taʼu malee, wanti isaan dubbatan wanta isaanitti dhagaʼamu taanaan, beekuun keenya baayʼee barbaachisaadha.”—Saandiraa.

 Qajeelfama Kitaaba Qulqulluu: “Yaanni garaa namaa keessa jiru akka bishaan gad fagoo ti, namni hubataan garuu achi keessaa waraabee ni baasa.”—Fakkeenya 20:5.

 Intalli keessan waaʼee of ajjeesuu yaadaa jirti taanaan maal gochuu dandeessu?

  •   Wanta intala keessan yaaddessuu fi miira ishii obsaan hubachuuf yaalaa. Hunda dura, amanamummaa argisiisteef ishii galateeffadhaa. Achiis akkana jechuu dandeessu: “Wanta si mudatee fi miira sitti dhagaʼame beekuun barbaada. Mee wanta sirra gaʼe natti himi.” Yookiin “Miirri kun akka sitti dhagaʼamu kan godhe maalidha?”

     Intalli keessan deebii yeroo isiniif kennitu obsaan dhaggeeffadhaa. Wanta miira ishii akka laayyootti akka ilaaltan ykn saffisaan furmaata akka hin barbaanne isin dhowwu gochuu irraa of qusadhaa.

     Qajeelfama Kitaaba Qulqulluu: “Dhaggeeffachuuf ariifataa, dubbachuuf suuta jedhaa [taʼaa].”—Yaaqoob 1:19.

  •   Nageenya ishii eeguuf karoora baafadhaa. Intalli keessan wantoota armaan gadii adda akka baafattuu fi akka barreeffattu gargaaraa.

     Mallattoowwan akeekkachiisaa. Of ajjeesuuf murteessuu ishii dura maal gochaa ykn waaʼee maalii yaadaa turte?

     Sochiiwwan gargaaran. Sochiiwwan baayʼee ishii gargaaranii fi dhiphina ishiitti dhagaʼamu hirʼisuu fi waaʼee of ajjeesuu yaaduu akka dhiistu godhan maalfaʼi?

     Namoota gargaaran. Intalli keessan yeroo gargaarsa barbaaddutti kallattii deggersa irraa argattu hedduu qabdii? Kunis isiniin, gaʼeessa itti amanamtu, ogeessa yaalii fayyaa sammuu ykn namoota waaʼee of ajjeesuu ilaalchisee gorsa kennuudhaan leenjiʼan kan dabalatu taʼuu dandaʼa.

    Nageenya ishii eeguuf karoora baasaa

     Qajeelfama Kitaaba Qulqulluu: “Karoorri nama dhimmee hojjetuu gara milkaaʼinaatti geessa.”—Fakkeenya 21:5.

  •   Dammaqinaan hordofaa. Intalli keessan miirri gaariin ishiitti dhagaʼamuu erga jalqabee booda illee haalicha dammaqinaan hordofaa.

     “Ilmi koo kana booda waaʼee of ajjeesuu akka hin yaanne yeroo natti himetti rakkinni isaa furmaata akka argate natti dhagaʼamee ture. Kun dogoggora guddaa ture. Namni tokko rakkinni kan biraan isa mudachuu waan dandaʼuuf haallisaa utuu hin beekamin akkuma tasaa waaʼee of ajjeesuu deebiʼee yaaduu dandaʼa.”—Daaniʼel.

     Ijoollee keessan umurii waggoota kurnanii keessatti argaman miirawwan namatti dhagaʼaman yeroodhaaf qofa kan turan akka taʼan akka hubatan gargaaraa. Kitaabni Ze Hool Biraayiin Chaayild jedhamu “Miirawwan akkuma haala qilleensaati” jedheera. “Bokkaan dhugumaan kan jirudha; haa taʼu malee, yandoo keessa dhaabbachaa roobaa akka hin jirretti yaaduun gowwummaadha. Aduun matumaa deebitee akka hin baane goonee yaaduunis gowwummaadha.”

  •   Ishiidhaaf mirkaneessaa: Gargaarsaaf akka isinitti amanamtu waan godhuuf akka ishii jaallattan itti himaa. Kana malees, “Rakkina kana akka mootuuf wanta naaf dandaʼame hunda siifan godha” ishiidhaan jechuu dandeessu.

     Qajeelfama Kitaaba Qulqulluu: “Michuu dhugaan yeroo hundumaa jaalala argisiisa, inni obboleessa yeroo dhiphinaatiif dhalate dha.”—Fakkeenya 17:17.

a Namoonni dhukkuba dhiphinaa qaban hundi of ajjeesuu barbaadu jechuu miti. Haa taʼu malee, namoonni of ajjeesan hedduun isaanii yeroo of ajjeesanitti baayʼee dhiphachaa kan turanidha.

b Mata dureen kun waaʼee ijoollee durbaa kan dubbatu taʼus, qajeelfamni isaa ijoollee dhiiraafis ni hojjeta.