Dhimma ijoo ta'etti seeni

Dhugaa Baatonni Yihowaa Waaqeffannaa Isaanii Keessatti Fannootti Maaliif Hin Fayyadaman?

Dhugaa Baatonni Yihowaa Waaqeffannaa Isaanii Keessatti Fannootti Maaliif Hin Fayyadaman?

 Namoonni hedduun fannoon mallattoo Kiristiyaanummaa akka taʼe amanu. Dhugaa Baatonni Yihowaa Kiristiyaanota taanus, waaqeffannaa keenya keessatti fannootti hin fayyadamnu. Maaliif?

 Sababiin inni tokko Macaafni Qulqulluun Yesus muka irratti akka fannifame ibsa malee, fannoo irratti akka fannifame hin dubbatu. Dabalataanis, Macaafni Qulqulluun Kiristiyaanonni ‘waaqayyolii tolfamaniif sagaduu irraa akka fagaatan’ akeekkachiisa cimaa kan kennu siʼa taʼu, kun immoo fannoo waaqeffannaa keessatti fayyadamuu kan dabalatu dha.—1 Qorontos 10:14; 1 Yohannis 5:21.

 Yesus ifatti, “Jaalala yoo waliif qabaattan, kanaan namoonni hundinuu akka isin bartoota koo taatan in beeku” jedheera. (Yohannis 13:34, 35) Yesus duuka buutota isaa adda baasee wanti beeksisu fannoo ykn mallattoo kan biraa utuu hin taʼin, jaalala fedhii ofii aarsaa gochuudhaan argisiifamu akka taʼe ibseera.