Dhimma ijoo ta'etti seeni

Manaa Gara Manaatti Tajaajiluudhaan Fayyina Argachuuf Yaaltuu?

Manaa Gara Manaatti Tajaajiluudhaan Fayyina Argachuuf Yaaltuu?

 Lakki. Manaa gara manaatti utuu wal irraa hin kutin kan tajaajillu taʼus, hojii akkasii hojjechuudhaan fayyina arganna jennee hin amannu. (Efesoon 2:8) Maaliif?

 Fakkeenya kana ilaali: Mee akka namni gargaarsa kennu tokko nama iddoo murtaaʼe tokkotti saʼaatii jedhametti argame tokkoof kennaa gati jabeessa akka kennu waadaa galetti yaadi. Waadaa namni kun gale kan amantu taanaan, qajeelfama inni kenne ni hordoftaa? Akka hordoftu hin shakkisiisu! Tarii hiriyoonnii fi maatiin kee carraa kanatti akka fayyadamaniif itti himta taʼa. Qajeelfama inni kenne waan hordofteef qofa kennicha hin argattu. Sababni isaas kennaa kana kan argattu qajeelfamicha waan hordoftuuf qofa utuu hin taʼin, namichi kun sii kennuu waan barbaadeefi dha.

 Haaluma wal fakkaatuun, Dhugaa Baatonni Yihowaas abdii jireenya bara baraa Waaqayyo waadaa gale kan argatan namoota isaaf abboomaman hunda akka taʼan amanu. (Roomaa 6:23) Namoonni kaan abdii Waaqayyo kenne irraa faayidaa argatu jennee waan abdannuuf, waaʼee amantii keenyaa isaanitti himna. Haataʼu malee, waan tajaajila keenya irratti hirmaannuuf fayyina arganna jennee hin amannu. (Roomaa 1:17; 3:28) Namni hojii isaatiin eebba akkasii Waaqayyo irraa argachuu dandaʼu tokko illee hin jiru. “Waaqayyo hojii nuyi qajeelummaadhaan hojjenneef utuu hin taʼin, akka araara isaatiitti . . . nu fayyise.”—Tiitoos 3:5.