Dhimma ijoo ta'etti seeni

Dhugaa Baatonni Yihowaa Godaantota Qabaman Waan Gargaaraniif Waraqaa Galataa Argatan

Dhugaa Baatonni Yihowaa Godaantota Qabaman Waan Gargaaraniif Waraqaa Galataa Argatan

Dhugaa Baatonni Yihowaa Awustiraaliyaa keessatti argaman sagal, namoota qabamanii bakka godaantonni yeroodhaaf keessa turan keessa jiraniif “gargaarsa addaa” waan godhaniif waraqaa galataa argatan. Dhugaa Baatonni kun waraqaa galataa kana kan argatan Dhaabbata Derbii, Westarn Awustiraaliyaatti argamuu fi godaantonni yommuu qabaman yeroodhaaf akka keessa turan godhaman irraa ti. a

Dhugaa Baatonni kun, muuxannoo isaanii dhaggeeffachuu fi ergaa jajjabinaa fi abdii qabate itti himuuf namoota kana bira torban torbaniin deemaa turan. Kiristoofer Riidook inni qondaalaa dhaabbata amantii fi aadaa wal qunnamsiisu taʼe, “Yeroo muraasa gidduutti namoota isaan deemanii gaafatan irratti jijjiirama guddaatu argame” jedheera. Erga isaan deemanii isaan gaafatanii booda, namoonni sun Dhugaa Baatonni Yihowaa “namoota fayyaa isaaniitiif yaadan akka taʼan waan hubataniif” amalli isaanii akka jijjiiramus dubbataniiru.

Obbo Riidook itti dabaluudhaan Dhugaa Baatota kanaaf waraqaa galataa kan kennan maaliif akka taʼe yommuu ibsan, “jireenyi namoota itti gaafatamummaa keenya jala jiranii akka fooyyaʼu waan godhaniif isaan galateeffachuu barbaanneeti” jechuudhaan dubbataniiru. Akkasumas, “maatii isaanii, gumii isaanii fi amantii isaanii akka dinqisiifannu ibsuu barbaanneeti” jedhaniiru.

a Dhaabbaticha keessa dhiirota 1,500tu ture.