Dhimma ijoo ta'etti seeni

Galmawwan Mootummaa Kuma Tokkoo Fi Dabalaa Adeeman

Galmawwan Mootummaa Kuma Tokkoo Fi Dabalaa Adeeman

Hagayya 2013tti qophiin addaa ijaarsaaf godhame Galmi Mootummaa kumni tokkoffaan akka ijaaramu erga taasisee booda, baayʼinni Dhugaa Baatota Yihowaa Filippiinsi keessa jiraatanii dabaleera. Akkuma biyyoota kaan keessatti godhamu gumiiwwan Filippiinsi keessatti argaman, Galma Mootummaa dhaabbataa ijaarrachuuf gargaarsa yoo argatan malee qarshii fi muuxannoo hin qaban. Gumiiwwan tokko tokko waggoota hedduudhaaf mana dhuunfaa fi mana xiqqoo leemmana irraa hojjetame keessatti walitti qabamaa turaniiru.

Lakkoofsi Dhugaa Baatota Yihowaa Filippiinsii fi biyyoota kaanii dabaluun isaa Galmi Mootummaan dabalataa akka barbaachisu godheera. Kanaafuu, bara 1999tti Qaamni Olaanaa Dhugaa Baatota Yihowaa biyyoota Galma Mootummaa ijaarrachuu hin dandeenyetti Galma Mootummaa ijaaruuf qophii godhe. Qophii kana keessatti Dhugaa Baatonni Galmi ijaaramuuf hamma dandaʼan buusii godhu; achiis qarshiin biyyoota kan biroo irraa ergamu itti isaaniif dabalama. Gumiiwwan Galma Mootummaa yommuu ijaarratan namoonni leenjiʼan gareedhaan gurmaaʼanii isaan gargaaru. Qophiin addaa akkasii kun Sadaasa 2001tti, Filippiinsi keessatti jalqabe.

Galmi Mootummaa kumni tokkoffaan gumii Maarilaaʼoo Bulaakaaniif kan ijaarame yommuu taʼu, Ilumenaadoo inni miseensa gumii kanaa taʼe akkas jedheera: “Jaalala obbolummaa Kiristiyaanotaa arguu dandaʼeera. Dhiirota, dubartoota, ijoollee fi maanguddoota fedhiidhaan of dhiheessan hedduutu ture. Aduu nama waxalu keessa waliin hojjenneerra. Guyyaa guutuu hojjechuun keenya kan nu dadhabsiise taʼus, waliin taanee wanta hojjenne yommuu ilaallu baayʼee gammanneerra.”

Carraaqqii namoonni fedhiidhaan hojjetan kun godhan namoota Dhugaa Baatota hin taanes dinqisiiseera. Abbaan konkolaataa dhagaa fi cirracha gara iddoo sanaatti geessaa turee akkas jedheera: “Isin akkuma goondaa baayʼattu! Hundumtuu gargaarsa kenna. Wanta akkasii matumaa argee hin beeku.”

Galma Mootummaa ijaaramee xumurame

Namoonni fedhiidhaan hojjetan kun galmicha torban jaʼa utuu hin guutin hojjetanii xumuraniiru. Miseensonni gumichaa Galma Mootummaa sana dafanii ijaaruudhaan hojii barbaachisaa irratti, jechuunis waaʼee Mootummaa Waaqayyoo lallabuu irratti guutummaatti hirmaachuu dandaʼaniiru.​—Maatewos 24:14.

Eelen, isheen miseensa gumii Galmi ijaarameefii taate akkas jetteetti: “Galmi keenya inni duraanii kan nu hin geenye waan tureef baayʼeen keenya bakkee teenya turre. Galmi Mootummaa inni haaraan kun bareedaa fi mijataa waan taʼeef qajeelfamaa fi jajjabina gumii irraa argamu irraa caalaatti faayidaa argachuuf nu gargaara.”