Dhimma ijoo ta'etti seeni

Fedhiidhaan Of Dhiheessaniiru—Giyaanaa

Fedhiidhaan Of Dhiheessaniiru—Giyaanaa

 “Gammachuu iddoo babalʼistoonni caalaatti barbaachisan dhaqanii tajaajiluu irraa argamu jechaan ibsuun hin dandaʼamu!” Kana kan dubbate Jooshuwaa isa Yunaayitid Isteetis keessa jiraatuu fi yeroo muraasaaf Giyaanaa keessatti tajaajile dha. Dhugaa Baatonni biyya Kibba Ameerikaa firii gaariin itti argamu kana keessatti tajaajilan hedduunis akkuma isaa gammachuu argataniiru. a Obboloonni iddoo babalʼistoonni caalaatti barbaachisan dhaqanii tajaajilan kun barumsa hojii irra ooluu dandaʼu akkamii nu barsiisu? Isinis akkana gochuuf fedhii qabdu taanaan, barumsi kun biyya kan biraatti tajaajiluuf kan isin qopheessu akkamitti?

Maaltu Isaan Kakaase?

Liineel

 Obboleessi Liineel jedhamu gara Giyaanaa deemuu isaa dura biyya isaa Yunaayitid Isteetis keessatti naannoo tajaajilaa baayʼinaan hin hojjetamne keessatti tajaajileera. Akkana jedheera: “Obboloonnii fi obboleettonni 20 taanu baadiyyaa fagoo taʼee fi Dhiha Varjiiniyaatti argamu tokko dhaqnee akka tajaajillu ramadamne. Torban lamaaf achitti lallabuun koo fi michoota koo wajjin yeroo gaarii dabarsuun koo jireenya koo irratti jijjiirama fideera! Amma hamman dandaʼe guutummaatti Yihowaa tajaajiluuf caalaatti murtoo godheera.”

Eriikaa fi Gaarzi

 Hiriyoonni gaaʼelaa Gaarzii fi Eriikaa jedhaman biyya kan biraa dhaqanii tajaajiluu ilaalchisee akka gaariitti erga itti yaadanii booda, Giyaanaatti tajaajiluu filataniiru. Maaliif? Eriikaan, “Abbaan manaa koo fi ani hiriyoota gaaʼelaa gara biyya sanaa dhaqan tokko beekna. Hinaaffaa fi jaalalli wanta hojjechaa turaniif qaban nutis achi akka dhaqnu nu kakaaseera” jetteetti. Eriikaa fi Gaarzi “ramaddii gammachiisaa” akka taʼe dubbatan kanaan waggaa sadii dabarsaniiru. Gaarzi, “Biyya kan biraatti tajaajiluun maal akka fakkaatu dhandhamneerra, gaarii akka taʼes argineerra” jedheera. Boodas innii fi haati manaa isaa Mana Barumsaa Giiliyaad kan galan siʼa taʼu, yeroo ammaatti Booliiviyaa keessatti tajaajilaa jiru.

Obboloonni biyya kan biraatti tajaajilan yeroo baayʼee Kitaaba Qulqulluu irratti namootaa wajjin marii gaarii godhu

Kan Qophaaʼan Akkamitti?

 Dhugaawwan buʼuuraa Kitaaba Qulqulluu jireenya keenya salphaa akka goonu nu jajjabeessu. (Ibroota 13:5) Jireenya keenya keessatti murtoowwan guguddaa yommuu goonu baasii keenya akka shallagnus jajjabeeffamneerra. (Luqaas 14:26-33) Kun immoo murtoo biyya kan biraa deemuuf goonus akka dabalatu beekamaa dha! Gaarzi akkana jechuudhaan barreesseera: “Anii fi Eriikaan gara Giyaanaa deemuu keenya dura jireenya keenya salphaa gochuun nu barbaachisee ture. Kunis daldala keenya, mana keenya, akkasumas wantoota hin barbaachisnee fi mana keessa jiran hundumaa gurguruu kan dabalatu ture. Kana gochuun waggoota muraasa nutti fudhateera. Hamma sanatti, kaayyoo keenya sammuutti qabachuu fi waggaa waggaadhaan gara biyya sanaatti deddeebiʼuudhaan fedhii Giyaanaatti tajaajiluuf qabnu eegnee jiraanneerra.”

Shineedii fi Pool

 Wanti itti yaadamuu qabu kan biraan galii keenya dha. Biyyoota tokko tokko keessatti obboloonni iddoo babalʼistoonni caalaatti barbaachisan dhaqanii tajaajilan seerri biyya sanaa ni heyyama taanaan biyya kan biraatti hojii hojjechuu ni dandaʼu. Obboloonni tokko tokko kompiitaratti fayyadamuudhaan fagoo taaʼanii hojii biyya isaanii keessatti hojjechaa turan hojjetu. Warri kaan immoo achitti hojjechuuf jecha yeroo muraasaaf gara biyya isaaniitti deebiʼuu filatu. Hiriyoonni gaaʼelaa Poolii fi Shineed jedhaman tokko hojii hojjechuuf waggaatti al tokko gara Aayerlaanditti ni deebiʼu turan. Barsiifanni isaanii kun gammachuudhaan waggoota 18f Giyaanaa keessatti akka tajaajilan isaan gargaareera; kun immoo intalli isaanii erga dhalattee booda waggoota torbaaf tajaajiluu kan dabalatu ture.

Kiristoofarii fi Loriisaa

 Faarfannaan 37:5, “Karaa kee Waaqayyotti kennadhu, isa amanadhu! Innis siif in raawwata” jedha. Kiristoofarii fi Loriisaan warri Yunaayitid Isteetis keessa jiraatan galma biyya kan biraa deemanii tajaajiluuf qaban ilaalchisee yeroo hunda ni kadhatu turan. Kana malees, yeroo waaqeffannaa maatii isaaniitti adeemsa isaanii milkeessuuf wanta gochuu qaban ilaalchisee buʼaa fi kasaaraa isaa ni galmeessu. Qooqnis isaaniif dhimma guddaa waan tureef, Giyaanaa ishii biyya afaan biyyoolessaa ishii Ingiliffa taʼe dhaquuf filatan.

 Achiis dhugaa buʼuuraa Fakkeenya 15:22 irratti argamuu fi “Mareen hin jiru yoo taʼe, wanti yaadame fiixaan hin baʼu; warri gorsa kennan yoo baayʼatan garuu, fiixaan in baʼa” jedhu hojii irra oolchuuf tarkaanfii fudhatan. Qophaaʼoo taʼuu isaanii fi muuxannoo isaanii caqasuudhaan, waajjira damee hojii Giyaanaa b keessatti hojjetamu ol aantummaadhaan toʼatuuf xalayaa barreessan. Kana malees, waaʼee tajaajila yaalii fayyaa, haala qilleensaa fi aadaa biyya sanaa ni gaafatan. Waajjirri damees gaaffiiwwan isaanii kan deebise siʼa taʼu, qaama jaarsolii bakka isaan yeroo booda dhaqan sanatti argamanii wajjin akka wal qunnaman godhe.

 Liineel inni jalqaba irratti caqasame yeroo ammaatti Giyaanaa keessatti ilaaltuu ol aanaa aanaa taʼee tajaajilaa jira. Innis achi deemuu isaa dura dhugaa buʼuuraa Fakkeenya 15:22 irratti argamu hojii irra oolche. Akkana jedheera: “Qarshii adeemsaaf na barbaachisu walitti qabachuu malees, obboloota biyya kan biraatti tajaajilanii turanii wajjin nan mariʼadhe. Dhimma kana maatii koo, jaarsolii gumii kootti argamanii fi ilaaltuu ol aanaa aanaa keenyaa wajjin nan mariʼadhe. Bakka babalʼistoonni caalaatti barbaachisan dhaqanii tajaajiluu ilaalchisee wantan barreeffamoota keenya irratti argadhe hundumaa nan dubbise.”

Joseefii fi Kiristiinaa

 Namoonni biyya kan biraa dhaqanii tajaajiluu barbaadan hedduun jalqaba achi dhaqanii ilaaluuf murteessuun isaanii gaarii dha. Hiriyoonni gaaʼelaa Joseefii fi Kiristiinaa jedhaman akkana jedhaniiru: “Jalqaba yeroo gara Giyaanaa deemnetti jiʼa sadiif achi turre. Haalli isaa maal akka fakkaatu ilaaluuf kun yeroo gaʼaa ture. Achiis gara manaatti deebinee qophii barbaachisu erga goonee booda gara biyya sanaa dhaqne.”

Naannichatti Baruu kan Dandaʼan Akkamitti?

Jooshuwaa

 Obboloonni iddoo babalʼistoonni caalaatti barbaachisan dhaqanii tajaajiluu barbaadan biyya kan biraatti akka gaariitti Waaqayyoon tajaajiluuf fedhii isaanii aarsaa gochuu, akkasumas haalaa fi aadaa biyya sanaatti baruuf fedhii qabaachuu qabu. Fakkeenyaaf obboloonni naannoowwan qorraa taʼan irraa gara naannoowwan gammoojjii dhaqan yeroo baayʼee manni isaanii ilbiisota adda addaatiin akka guutame arguu dandaʼu. Jooshuwaan inni olitti caqasame akkana jedheera: “Ilbiisota akkana baayʼatan argee hin beeku. Warri Giyaanaatti argaman hundi warra kaan caalaa guddaa fakkaatu! Yeroo booda garuu ittan bare. Kana malees, yeroo hunda mana keenya qulqulleessuudhaan akka gaariitti ilbiisota hirʼisuun akka dandaʼamu nan hubadhe. Kunis miʼawwan nyaataa dhiquu, balfaa gatuu fi yeroo hunda mana ofii qulqulleessuu dabalata.”

 Jireenya biyya kan biraatti baruun nyaata hin beekne nyaachuu fi qopheessuu barachuus kan dabalatu taʼuu dandaʼa. Jooshuwaan akkana jedheera: “Anii fi hiriyaan koo obboloonnii fi obboleettonni nyaata biyya sanaa bilcheessuu akka nu barsiisan gaafanne. Nyaata haaraa tokko bilcheessuu erga barannee booda, obboloonni gumii tokko tokko akka nuu wajjin nyaatan affeerra turre. Kun karaa gammachiisaa obboloota beekuu fi isaanii wajjin michummaa uumuuf nu gargaaru keessaa tokko ture.”

Poolii fi Kaatliin

 Aadaa naannoo sanaatti baruu ilaalchisee Poolii fi Kaatliin akkana jedhaniiru: “Ulaagaawwan naamusaa haaraa fi akkaataa uffannaa naannoo gammoojjii taʼetti fudhatama qabu wajjin wal baruun wanta kanaan dura nu mudatee hin beekne ture. Kanaafuu, dhugaawwan buʼuuraa Kitaaba Qulqulluu utuu hin cabsin jijjiirama tokko tokko gochuuf gad of qabuun nu barbaachisee ture. Aadaa naannoo sanaatti baruun keenya caalaatti gumichatti nu dhiheesseera, tajaajila keenya irrattis dhiibbaa gaarii godheera.”

Faayidaa kan Argatan Akkamitti?

 Joseefii fi Kiristiinaan akkana jechuudhaan miira namoota hedduutti dhagaʼamu ibsaniiru: “Qorumsawwanii fi rakkoowwan nu mudatan caalaa eebbawwan hedduu arganneerra. Wanta haaraa fi rakkisaa nutti taʼe tokko gochuun keenya wanta dursa kenninuuf irratti sirreeffama akka goonu nu gargaareera. Wantoota barbaachisoo akka taʼan goonee yaadaa turre tokko tokko yeroo ammaatti barbaachisoo akka taʼan goonee hin yaadnu. Muuxannoon arganne hundi Yihowaadhaaf wanta gochuu dandeenyu hunda gochuu keenya akka itti fufnu nu kakaaseera. Yeroo ammaatti wanta qabnutti gammannee jiraachaa jirra.”

 Eriikaan ishiin olitti caqasamte akkana jetteetti: “Iddoo babalʼistoonni caalaatti barbaachisan dhaqnee tajaajiluun keenya anii fi abbaan manaa koo Yihowaatti amanamuu jechuun maal jechuu akka taʼe caalaatti akka barannu carraa nuuf baneera. Haala kanaan dura arginee hin beekneen gargaarsa isaa arganneerra. Akkasumas waliin taanee muuxannoowwan haaraa taʼan argachuun keenya caalaatti walitti nu dhiheesseera.”

a Seenaa Dhugaa Baatota Yihowaa Giyaanaa keessatti argamanii Kitaaba Waggaa Dhugaa Baatota Yihowaa (Ingiliffa) bara 2005 irraa argachuun ni dandaʼama.

b Waajjirri damee Tirinidaadii fi Tobeegoo hojii achitti hojjetamu ol aantummaadhaan toʼata.