Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

ADDUNYAA TASGABBII HIN QABNE

3 Hariiroo Namoota Wajjin Qabduuf Of Eeggadhu

3 Hariiroo Namoota Wajjin Qabduuf Of Eeggadhu

BARBAACHISAA KAN TAʼE MAALIIFI?

Namoonni hedduun addunyaa tasgabbii hin qabne kanaan kan kaʼe waan dhiphataniif, utuu itti hin yaadin hariiroo namoota wajjin qaban dagatu.

  • Namoonni michoota isaaniirraa of fageessu.

  • Hiriyoonni gaaʼelaa karaa sirrii hin taaneen wal qabu.

  • Warri wanta ijoollee isaanii yaaddessuuf xiyyeeffannaa hin kennan.

Wanta Beekuu Qabdu

  • Keessumaa yeroo rakkisaatti karaa qaamaas taʼe karaa sammuu fayya buleessa taʼuuf michoonni si barbaachisu.

  • Dhiphinni addunyaan tasgabbii dhabuu isaatiin kan kaʼe sitti dhagaʼamu karaa ati hin eegneen jireenya maatii keerratti dhiibbaa gochuu dandaʼa.

  • Gabaasawwan oduu nama dhiphisan utuu ati hin hubatin ijoolleen kee akka yaaddaʼan gochuu dandaʼu.

Wanta Amma Gochuu Dandeessu

Kitaabni Qulqulluun akkana jedha: “Michuu dhugaan yeroo hundumaa jaalala argisiisa, inni obboleessa yeroo dhiphinaatiif dhalate dha.”—Fakkeenya 17:17.

Michoonni keenya nu gargaaruu fi gorsa gaarii nuuf kennuu dandaʼu. Michoota jaalala qabeeyyii taʼan akkasii qabaachuun keenya jabina rakkina guyyaa guyyaadhaan nu mudatu dandamachuuf nu barbaachisu nuuf argamsiisa.