Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Jaalala Argisiisaa

Jaalala Argisiisaa

Rakkina Jiru

Miirri jibba halaalaa dafee hin badu. Akkuma vaayirasii irraa guutummaatti fayyuuf yeroo fi carraaqqii gaafatu, jibba halaalaa balleessuunis yeroo fi carraaqqii gaafata. Jibba halaalaa of keessaa baasuuf maal gochuu dandeessa?

Qajeelfama Kitaaba Qulqulluu

“Jaalala uffadhaa; sababiin isaas jaalalli mudaa kan hin qabne godhee tokkummaadhaan nama walitti hidha.”—QOLOSAAYIS 3:14.

Maal jechuu dha? Warra kaaniif wanta gaarii gochuun namoota walitti dhiheessa. Warra kaanitti caalaatti yommuu jaalala argisiistu, jibbi halaalaa qabdu xiqqaachaa deema. Namoota jaallachuu barachuun kee, miira dogoggoraa isaaniif qabdu moʼuuf si gargaara.

Wanta Gochuu Dandeessu

Namoota garee ati ilaalcha dogoggoraa isaaniif qabdu keessaa taʼaniif, karaawwan jaalala argisiisuu itti dandeessu tokko tokko yaadi. Kana gochuuf dirqama waan guddaa gochuu hin qabdu. Kanneen armaan gadii keessaa tokko ykn isaa ol gochuuf yaali:

Gocha jaalalaa xixinnoo yommuu gootu hundatti, jibba halaalaa dhiisaa deemta

  • Nama miseensa saba sanaa taʼe tokkoof, balbala banuu ykn geejjiba uummataatiin yommuu deemtu teessuma isaaf gadhiisuudhaan amala gaarii itti argisiisi.

  • Afaan kee akka gaariitti kan hin dandeenye yoo taʼan illee, wanta muraasa isaan haasofsiisuuf yaali.

  • Wanta ati hin hubanne yoo raawwatan obsa qabaadhu.

  • Waaʼee rakkina isaanii yoo dubbatan isaaniif gaddi.