Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

MACAAFNI QULQULLUUN MAAL JEDHA

Gadi Fageenyaan Yaaduu

Gadi Fageenyaan Yaaduu

Gadi fageenyaan yaaduu jechuun maal jechuudha?

“Hojiin kee hundinuu yaada koo keessa jira, waaʼee wanta ati hojjettees nan yaada.”—Faarfannaa 77:12.

NAMOONNI MAAL JEDHU?

Gadi fageenyaan yaaduu garaagaraatu jira; baayʼeensaa amantii warra bahaa wajjin kan walqabatedha. Barreessaan tokko dhimma kana ilaalchisee, “Wanta tokko sirriitti hubachuudhaaf sammuun keenya duwwaa taʼuu qaba” jedheera. Yaadni kun jecha ykn fakkii tokkorratti yeroo xiyyeeffannu sammuu keenya duwwaa gochuun, keessi keenya nagaa akka qabaatuufi sirriitti akka yaadnu godha ilaalcha jedhuu wajjin kan walsimudha.

MACAAFNI QULQULLUUN MAAL JEDHA?

Macaafni Qulqulluun gadi fageenyaan yaaduudhaaf iddoo guddaa kenna. (Iyaasuu 1:8) Gadi fageessanii yaaduun Macaafni Qulqulluun jajjabeessu, sammuu ofii duwwaa gochuufi jecha ykn hima tokko tokko irra deddeebiʼanii dubbachuu kan gaafatu miti. Yeroo tokko tokko gochi akkasii maantiraa jedhamee waamama. Gadi fageessanii yaaduun Macaafa Qulqulluu keessatti ibsame, yaadawwan gaarii kan akka amaloota, seera buʼuuraafi uumama Waaqayyoorratti yaaduu kan dabalatudha. Namni Waaqayyoo tokko, “Wanti ati goote hundinuus yaada koo keessa jira; hojii harka kees irra-deddeebiʼee itti nan yaada” jechuudhaan kadhateera. (Faarfannaa 143:5) Namni kun, “Lafa ciisicha kootti sin yaadadha, yeroon ilaalaa bulus waaʼee kee nan yaada” jedheera.—Faarfannaa 63:6.

Gadi fageenyaan yaaduun si fayyaduu kan dandaʼu akkamitti?

“Namni qajeelaan deebii kennuu isaa dura irratti in yaada.”—Fakkeenya 15:28.

MACAAFNI QULQULLUUN MAAL JEDHA?

Gadi fageessanii yaaduun gaarii taʼe eenyummaa keenya nuu fooyyessa, miira keenya akka toʼannuufi hamilee cimaa akka qabaannus nu gargaara; kunis dubbiin keenyas taʼe amalli keenya hubannaarratti kan hundaaʼe akka taʼu godha. (Fakkeenya 16:23) Gadi fageenyaan yaaduun akkasii, jireenya gammachuufi eebba qabu nuu argamsiisa. Nama waaʼee Waaqayyoo gadi fageenyaan yaadu ilaalchisee, Faarfannaan 1:3 akkas jedha: “Inni akka muka isa bishaan yaaʼaa qarqara dhaabamee, yeroo yeroo isaatti ija kennuu, baalli isaas gogee hin harcaanee ti; wanti inni hojjetu hundinuus wal in qixxaataaf.”

Gadi fageenyaan yaaduun hubannaafi dandeettii yaadachuu keenya fooyyeffachuufis nu gargaara. Fakkeenyaaf, waaʼee uumama tokkoo ykn mataduree Macaafa Qulqulluu tokkoo yeroo qoʼannu, dhugaa nama gammachiisu hedduu baranna. Yeroo dhugaawwan baranne kanarratti gadi fageenyaan yaadnummoo, walitti dhufeenya dhugaawwan kun waliisaanii wajjin, akkasumas wanta nuti kanaan dura beeknuu wajjin qaban ni hubanna. Akkuma namni mana ijaaru tokko meeshaa dheedhii garaagaraatti fayyadamee gamoo bareedaa ijaaru, gadi fageenyaan yaaduunis dhugaawwan beeknu walitti qabnee bifa akka qabsiisnu nu gargaara.

Wanta gadi fageenyaan irratti yaadnu filachuu qabnaa?

“Garaan namaa waan hundumaa irra jalʼaa dha, namnis isa qajeelchuu hin dandaʼu; egaa eenyutu isa beekuu dandaʼa ree?”—Ermiyaas 17:9.

MACAAFNI QULQULLUUN MAAL JEDHA?

“Yaadni hamaan hundinuu keessa yaada garaa namootaatii in baʼa; isaan immoo, halalummaa, hanna, nama ajjeechaa, ejjummaa, sassata, hammina, haxxummaa, gad dhiisa, weennoo, nama salphisuu, of tuulummaa, dagattummaa.” (Maarqos 7:21, 22) Eeyyee, akkuma ibiddaa wanta gadi fageenyaan irratti yaadnus toʼachuu qabna! Kun taʼuu baannaan, yaadni sirrii hin taane, hawwii gadheen keessa keenyatti akka guddatu godha; kunimmoo toʼannaa keenyaa ala taʼee gocha gadheetti nu geessuu dandaʼa.—Yaaqoob 1:14, 15.

Kanaaf, Macaafni Qulqulluun ‘waanuma dhugaa taʼe, ulfina qabu, qajeelaatti lakkaaʼamu, waanuma qulqulluu taʼe, waanuma jaallatamaa, waanuma gurratti tolu, waanuma gaarii taʼe, waanuma galata qaburratti’ gadi fageenyaan akka yaadnu nu jajjabeessa. (Filiphisiiyus 4:8, 9) Wantoota gaarii taʼan akkasiirratti yeroo yaadnu, amala gaarii, dubbii ulfina qabuufi namoota kaanii wajjin walitti dhufeenya jaalalarratti hundaaʼe ni qabaanna.—Qolosaayis 4:6.