Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Tajaajilli Keessan Akka Fiixeensaa Tii?

Tajaajilli Keessan Akka Fiixeensaa Tii?

TAJAAJILLI keenya barbaachisaa fi gatii guddaa kan qabu dha. Haa taʼu malee, namoonni lallabamuuf hundi kana hin hubatan. Namoonni ergaa Kitaaba Qulqulluutiif fedhii yoo qabaatan illee, Dubbii Waaqayyoo nu wajjin qoʼachuun barbaachiisaa taʼuu isaa yeroo hunda hin hubatan.

Haalli Gaavanis akkas ture; walgaʼiiwwan gumii irratti argamuu kan jalqabe taʼus, afeerraa Kitaaba Qulqulluu akka qoʼatu isaaf dhihaate hin fudhanne. Akkana jedhee dubbateera: “Beekumsi Kitaaba Qulqulluu ani qabu xiqqoo ture; wallaalummaan koo akka beekamus hin barbaadne. Akkan hin gowwoomfamne nan sodaadhan ture; akkasumas dirqama keessa galuu hin barbaadun ture.” Maal sitti fakkaata? Gaavan nama gatii hin qabne dhaa? Lakki! Barumsawwan Kitaaba Qulqulluu nama tokko irratti dhiibbaa gaarii geessisuu akka dandaʼan ilaali. Yihowaan saba isaa duriitiin, “Dubbachuun koos akka fixeensaa gad haa buʼu, . . . akka tiifuus marga irratti gad haa buʼu” jedhee ture. (Kes. 31:19, 30; 32:2) Amaloonni fixeensi qabu tajaajila irratti namoota hunda gargaaruu kan dandeenyu akkamitti akka taʼe akka gaariitti argisiisu.—1 Xim. 2:3, 4.

TAJAAJILLI, FIXEENSAA WAJJIN KAN WAL FAKKAATU AKKAMITTI?

Fixeensi suuta jiisa. Fixeensi, hurki qilleensa keessatti kuufamee jiru suuta suutaan gara copha bishaaniitti yeroo jijjiiramu uumama. Yihowaan, saba isaatti gaarummaadhaan, suuta jedhee fi karaa akka isaaniif yaadu argisiisuun waan dubbatuuf, dubbiin isaa ‘akkuma fixeensaatti gad buʼa’ ture. Nutis ilaalcha nama kaanii kabajuudhaan Yihowaa fakkaachuu dandeenya. Warri kaan ofuma isaaniitii irratti yaadanii murtoo mataa isaanii akka godhan isaan jajjabeessina. Akka namootaaf yaadnu yeroo argisiisnu, dubbiin keenya kan dhagaʼamu yeroo taʼu, tajaajilli keenyas buʼa qabeessa taʼa.

Fixeensi ni haaromsa. Akkaataa itti fedhii warra kaanii guddisnu irratti kan xiinxallu yoo taʼe, tajaajilli keenya warra kaan haaromsa. Gaavan inni olitti caqasame, Kitaaba Qulqulluu akka qoʼatu namni dhiibbaa isa irratti godhe hin jiru ture. Kanaa mannaa, Kiriis inni jalqaba irratti Gaavaniin argate, waaʼee Kitaaba Qulqulluu mariʼachuun Gaavanitti akka tolu gochuuf mala gara garaa barbaada ture. Kiriis, Kitaabni Qulqulluun ergaa barbaachisaa akka qabatee fi kitaaba kana qoruun isaa barumsa walgaʼiiwwan irratti dhihaatu caalaatti hubachuuf akka isa gargaaru Gaavanitti hime. Achiis Kiriis, Kitaabni Qulqulluun dhugaa taʼuu isaa kan isa amansiise, raajii achi keessatti argamu akka taʼe isaaf ibse. Kun immoo waaʼee raawwii raajii kanaa balʼinaan mariʼachuuf isaan dandeessiseera. Mariin kun Gaavan akka haaromu kan godhe yeroo taʼu, dhumarrattis Kitaaba Qulqulluu qoʼachuu jalqabeera.

Fixeensi jireenyaaf barbaachiisaa dha. Biyyi Israaʼel yeroo jiʼoota baayʼeedhaaf rooba hin argannetti, hongeetu mudata. Waqtii kanatti biqiltoonni jiidhina fixeensi qabu yoo argachuu baatan, ni gogu ykn ni duʼu ture. Yeroo harʼaatti akkuma Yihowaan dursee dubbate, hongeen hafuuraa jira. (Amo. 8:11) Labsitoonni Mootummichaa dibamoo taʼan, deggersa michoota isaanii kan taʼan “hoolota kan biraa” irraa argataniin yeroo ergaa Mootummichaa lallaban, “akka fixeensa Waaqayyo biraa dhufuu” akka taʼan Yihowaan waadaa galeera. (Mik. 5:7; Yoh. 10:16) Ergaan waaʼee misiraachoo Mootummichaa dubbatu, jiidhina hafuuraa jireenyaaf barbaachisuu fi Yihowaa biraa dhufu akka taʼe nutti dhagaʼamaa?

Fixeensi eebba Yihowaa ti. (Kes. 33:13) Tajaajilli keenya, namoota nu dhagaʼaniif eebba taʼuu dandaʼa. Gaavan eebba akkasii argachuu dandaʼeera. Kitaaba Qulqulluu qoʼachuu isaatiin, gaaffiiwwan qabu hundumaaf deebii argateera. Guddina ariifachiisaa godhee kan cuuphame siʼa taʼu, yeroo ammaatti immoo haadha manaa isaa Jooyis faana hojii misiraachoo Mootummichaa lallabuu irratti gammachuudhaan hirmaachaa jira.

Dhugaa Baatonni Yihowaa ergaa Mootummichaatiin lafa kana guutaa jiru

TAJAAJILA KEESSANIIF IDDOO GUDDAA KENNAA

Waaʼee fixeensaa yaaduun keenya, tajaajila dhuunfaadhaan raawwannuuf bakka guddaa akka kenninu nu jajjabeessa. Akkamitti? Cophni bishaanii tokko kophaa isaa faayidaa xiqqoo kan qabu yeroo taʼu, cophni baayʼeen walitti kuufame garuu lafa jiisa. Haaluma wal fakkaatuun, tajaajilli nuti dhuunfaatti raawwannu waan gatii guddaa hin qabne nutti fakkaachuu dandaʼa. Haa taʼu malee, carraaqqiin tajaajiltonni Yihowaa fedhii qaban waliin taʼanii godhan, “saba hundumaatti” dhugaa baʼuu irratti gumaacha guddaa qaba. (Mat. 24:14) Ergaan nuti lallabnu akkuma fixeensaa suuta kan jiisuu, kan haaromsuu fi jireenyaaf kan barbaachisu taanaan, tajaajilli keenya warra kaaniif eebbaa Yihowaa biraa argame taʼa.