Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

“Hojii fi Dhugaadhaan Wal Jaallachuu”

“Hojii fi Dhugaadhaan Wal Jaallachuu”

“Dubbiidhaan yookiin afaaniin utuu hin taʼin, hojii fi dhugaadhaan wal jaallachuu qabna.”—1 YOH. 3:18.

FAARFANNAA: 106, 100

1. Gosti jaalalaa hunda irra caalu isa kami? Akkas kan jedhamu hoo maaliifi? (Fakkii jalqaba irra jiru ilaali.)

JAALALLI seera buʼuuraa sirrii taʼe irraatti hundaaʼe (agaappeen), kennaa Yihowaa biraa argame dha. Maddi jaalala kanaa isa dha. (1 Yoh. 4:7) Jaalalli akkasii gosa jaalalaa isa hunda irra caalu dha. Jaalalli kun miira hoʼaa fi walitti dhihaachuu kan dabaltu taʼu iyyuu, hunda caalaa ofittummaa irraa walaba taʼanii warra kaaniif wanta gaarii gochuudhaan beekama. Akka kitaabni tokko ibsetti agaappeen “gocha isaa qofaadhaan addaan baafamee beekama.” Jaalala ofittummaa hin qabne yommuu argisiisnu ykn nutti argisiifamu, jireenyi keenya mijataa taʼa, gammachuu fi kaayyoos ni qabaata.

2, 3. Yihowaan ilmaan namootaatti jaalala ofittummaa irraa walaba taʼe kan argisiise akkamitti?

2 Yihowaan Addaamii fi Hewwaaniin uumuu isaa dura illee ilmaan namootaatti jaalala argisiiseera. Lafa kan uume namoonni bara baraaf akka irra jiraatan qofa utuu hin taʼin, bakka gammachuu itti argatan akka taatuuf ture. Yihowaan kana kan godhe faayidaa keenyaaf malee, ofii buʼaa irraa argachuuf jedhee miti. Kana malees, Yihowaan ijoolleen isaa Jannataa inni isaaniif qopheesse keessa bara baraaf lafa irra akka jiraatan yommuu isaan eebbisetti jaalala ofittummaa irraa walaba taʼe argisiiseera.

3 Addaamii fi Hewwaan erga isa irratti fincila kaasanii boodas, Yihowaan karaa hunda irra caaluun jaalala ofittummaa irraa walaba taʼe argisiiseera. Ilmaan finciltoota lamaan sana irraa dhalatan keessaa tokko tokko, jaalala isaatiif dinqisiifannaa akka qabaatan mirkanaaʼaa waan tureef isaan furuuf qophii godheera. (Uma. 3:15; 1 Yoh. 4:10) Yihowaan Fayyisaan tokko akka dhufu erga abdii kennee kaasee, aarsaan kun akkuma kaffalametti ilaala ture. Achiis gara waggaa 4,000 booda, Yihowaan gatii guddaa kan isa kaffalchiisu taʼu illee, addunyaa ilmaan namootaatiif Ilma isaa tokkicha aarsaa godheera. (Yoh. 3:16) Jaalala Yihowaa isa ofittummaa irraa walaba taʼe guddaa dinqisiifanna!

4. Ilmaan namootaa mudaa qaban, jaalala ofittummaa irraa walaba taʼe argisiisuu akka dandaʼan kan mulʼisu maali dha?

4 Waaqayyo akka bifa isaatti waan nu uumeef, nutis jaalala ofittummaa irraa walaba taʼe argisiisuu ni dandeenya. Cubbuun dhaalle jaalala argisiisuun akka nutti ulfaatu kan godhe taʼus, dandeettii keenya kana guutummaatti nu irraa hin fudhanne. Abeel wanta qabu keessaa isa hunda irra caalu, ofittummaa irraa walaba taʼee aarsaa dhiheessuudhaan Waaqayyoof jaalala akka qabu argisiiseera. (Uma. 4:3, 4) Nohi namoonni bara isaatti turan ergaa isaa kan hin fudhanne taʼanis, waggoota kudhaniin lakkaaʼamaniif ergaa Waaqayyoo lallabuudhaan jaalala ofittummaa irraa walaba taʼe argisiiseera. (2 Phe. 2:5) Abrahaam ilma isaa Yisihaqiin aarsaa akka godhu yommuu ajajame, miira isaa caalaa jaalala Waaqayyoof qabuuf dursa kenneera. (Yaq. 2:21) Nutis akkuma namoota amanamoo kanaa, haalli rakkisaan yoo nu mudate illee jaalala argisiisuu barbaanna.

JAALALLI DHUGAAN JAALALA FAKKEESSAA IRRAA ADDA DHA

5. Karaawwan kamiin jaalala dhugaa argisiisuu dandeenya?

5 Kitaabni Qulqulluun jaalalli dhugaan, “dubbiidhaan yookiin afaaniin utuu hin taʼin, hojii fi dhugaadhaan” akka argisiifamu ibsa. (1 Yoh. 3:18) Kana jechuun afaaniin jaalala keenya ibsuu hin dandeenyu jechuu dhaa? Lakki! (1 Tas. 4:18) Kanaa mannaa, keessumaa yeroo haalli gochaan akka argisiisnu jiraatutti jaalalli keenya jecha qofa irratti daangeffamuu hin qabu jechuu dha. Fakkeenyaaf, Kiristiyaanni hidhata keenya taʼe wanta buʼuuraa jireenyaaf isa barbaachisu yommuu dhabutti, akka isa jaallannu dubbachuun qofti gaʼaa miti. (Yaq. 2:15, 16) Haaluma wal fakkaatuun, jaalalli Yihowaa fi namootaaf qabnu, Waaqayyo ‘makarichatti hojjettoota akka ergu’ gaafachuu qofa utuu hin taʼin, hojii lallabaa irratti hirmaannaa guutuu gochuuf nu kakaasa.—Mat. 9:38.

6, 7. (a) ‘Jaalalli fakkeessaa hin qabne’ maali dha? (b) Fakkeenyonni jaalala sobaa argisiisan tokko tokko kamfaʼi?

6 Yohaannis ergamaan, “hojii fi dhugaadhaan” wal jaallachuu akka qabnu barreesseera. Kanaaf, jaalalli keenya “fakkeessaa kan hin qabne” ykn “fakkeessaa irraa walaba” taʼuu qaba. (Rom. 12:9; 2 Qor. 6:6) Kana jechuun akka waan maaskii uffannee jirruutti, waan hin qabne tokko akka qabnu fakkeessaa jaalala dhugaa argisiisuu hin dandeenyu jechuu dha. ‘Jaalalli fakkeessaa qabu jiraa?’ jennee gaafanna taʼa. Hin jiru. Jaalalli akkasii fakkeessaa gatii hin qabne dha malee, matumaa jaalala jedhamuu hin dandaʼu.

7 Mee jaalala fakkeessaa ilaalchisee fakkeenya tokko tokko haa ilaallu. Seexanni dhaaba Eeden keessatti waan Hewwaaniif yaadu fakkeessee kan ture taʼus, gochi isaa ofittoo fi fakkeessituu taʼuu isaa argisiisa. (Uma. 3:4, 5) Bara Daawititti, Ahiitofel michoomni inni mootichaa wajjin qabu soba akka ture mirkaneesseera. Ahiitofel faayidaa akka argatu yommuu isatti dhagaʼamutti gantuu taʼeera. (2 Sam. 15:31) Haaluma wal fakkaatuun yeroo harʼaattis, gantoonnii fi namoonni kaan gumii keessatti wal qoqqooduu uuman, jaalala waan qaban fakkeessuuf ‘arraba laafaa fi dubbii sobaatti’ fayyadamu. Kaayyoon isaanii inni dhugaan garuu ofittummaa dha.—Rom. 16:17, 18.

8. Gaaffii akkamii of gaafachuu qabna?

8 Jaalalli fakkeessaan, jaalala Waaqayyoo isa ofii isaa aarsaa godhu irraa faallaa waan taʼeef baayʼee qaanessaa dha. Fakkeessaan akkasii namoota yoo taʼe malee, Yihowaa gowwoomsuu hin dandaʼu. Yesuus namoonni fakkeessitoota taʼan, “adaba guddaa” akka adabaman dubbateera. (Mat. 24:51) Dhugaa dha, tajaajiltoonni Yihowaa matumaa jaalala fakkeessaa argisiisuu hin barbaadan. Haa taʼu malee, akkana jennee of gaafachuun keenya gaarii dha: ‘Jaalalli koo dhugaa dhaa moo ani ofittoo fi gowwoomsituu dha?’ Mee karaawwan jaalala “fakkeessaa irraa walaba taʼe” argisiisuu itti dandeenyu sagal haa ilaallu.

“HOJII FI DHUGAADHAAN WAL JAALLACHUU”

9. Jaalalli dhugaan maal gochuuf nu kakaasa?

9 Yoo namni arguu baate illee gammachuudhaan tajaajilaa. Gocha jaalalaa obboloota keenyaaf gochuuf waadaa galle tokko dandaʼamnaan “dhoksaatti” ykn utuu namni nu hin argin gochuu qabna. (Maatewos 6:1-4 dubbisi.) Hanaaniyaa fi Saphiiraan utuu kana hin raawwatin hafaniiru. Dhoksaadhaan buusii gochuu mannaa, kennaa isaanii arbeessanii kan dubbatan siʼa taʼu, fakkeessitoota taʼuun isaanii miidhaa guddaa isaan irraan geessiseera. (HoE. 5:1-10) Faallaa kanaatiin immoo, jaalalli dhugaan utuu of hin jajin ykn beekamtii utuu hin barbaadin gammachuudhaan obboloota keenya akka tajaajillu nu kakaasa. Fakkeenyaaf, obboloonni nyaata hafuuraa qopheessuu irratti Qaama Ol Aanaa gargaaran, of hin beeksisan ykn xiyyeeffannaa namootaa ofitti hin harkisan ykn maal qopheessuu irratti akka hirmaatan hin dubbatan.

10. Dursa fudhannee warra kaan kabajuu kan dandeenyu akkamitti?

10 Wal kabajuuf dursa fudhadhaa. (Roomaa 12:10 dubbisi.) Yesuus hojii baayʼee tuffatamaa taʼe hojjechuudhaan, warra kaaniif ulfina kennuu irratti fakkeenya taʼeera. (Yoh. 13:3-5, 12-15) Karaa kanaan namoota kaan kabajuuf, amala gad of qabuu guddifachuuf carraaqqii guddaa gochuu nu barbaachisa taʼa. Ergamoonni Yesuus illee hanga hafuura qulqulluu argatanitti wanta Yesuus raawwachaa ture guutummaatti hubachuu hin dandeenye turan. (Yoh. 13:7) Waaʼee sadarkaa barumsaa keenya, qabeenyaa keenya ykn mirga tajaajila Yihowaa keessatti qabnu baayʼee yaaduu dhiisuudhaan warra kaan akka kabajnu argisiisuu dandeenya. (Rom. 12:3) Nuti akkuma isaanii galateeffamuu ykn wanta raawwatame tokko irratti gaʼe akka qabnu yoo nutti dhagaʼame illee, namoota galata argatanitti hinaafuu mannaa isaanii wajjin ni gammanna.

11. Galateeffannaan keenya garaadhaa taʼuu kan qabu maaliifi?

11 Obboloota keenya garaadhaa galateeffadhaa. “Warra dhagaʼan ijaaruuf gaarii” waan taʼeef, wal galateeffachuuf carraa arganne hundatti fayyadamuu qabna. (Efe. 4:29) Haa taʼu malee, galateeffannaan keenya garaadhaa taʼuu qaba. Kana taʼuu baannaan garuu, nama sana saaduu ykn gorsa barbaachisu kennuuf itti gaafatamummaa qabnu utuu hin raawwatin hafuu dandeenya. (Fak. 29:5) Nama tokko fuulleetti galateeffatanii, isa duubaan immoo ceephaʼuun fakkeessitummaa dha. Phaawulos ergamaan kiyyoo akkasii irraa fagaateera, akkasumas namoota kaan galateeffachuu irratti jaalala dhugaa argisiisuudhaan fakkeenya gaarii taʼeera. Fakkeenyaaf, amala gaarii Kiristiyaanonni Qorontos qaban tokko tokko ilaalchisee garaadhaa isaan galateeffatee ture. (1 Qor. 11:2) Gochi isaanii kan isaan hin galateeffachiisne yeroo taʼutti garuu, gaarummaa fi iftoominaan sababii isaa isaaniif ibseera.—1 Qor. 11:20-22.

Karaan itti jaalala argisiisnuu fi keessummummaa simannu inni tokko obboloota keenya rakkatan gargaaruu dha (Keeyyata 12 ilaali)

12. Karaa keessummoota simannuun jaalala dhugaa argisiisuu kan dandeenyu yoomi?

12 Keessummoota kan simattan taʼaa. Yihowaan obbolootaa keenyatti arjummaa akka argisiisnu nu ajajeera. (1 Yohaannis 3:17 dubbisi.) Kana gochuu kan qabnu garuu ofittummaa tokko malee garaa qulqulluudhaan taʼuu qaba. Akkana jennee of gaafachuu dandeenya: ‘Keessummaa kanan simadhu michoota koo, namoota beekamoo taʼan ykn namoota karaa taʼe tokkoon dugda naaf deebisuu dandaʼan qofa dhaa? Moo obbolootaa fi obboleettota akka gaariitti hin beekne ykn waan naaf deebisan hin qabneef arjoomuuf karaan barbaada?’ (Luq. 14:12-14) Yookiin Kiristiyaanni hidhata keenya taʼe tokko karoora dogoggoraa irraa kan kaʼe ni rakkate ykn isa keessummeessinu iyyuu nu hin galateeffatin hafe haa jennu. Haalawwan akkasii keessatti gorsa, “Gungummii malee keessummummaa wal simadhaa” jedhu hordofuu qabna. (1 Phe. 4:9) Gorsa kana yoo hordoftan, gammachuu garaa qulqulluudhaan kakaʼanii kennuun argamsiisu badhaafamtu.—HoE. 20:35.

13. (a) Warra dadhaban gargaaruun keessumaa rakkisaa taʼu kan dandaʼu yeroo kamitti dha? (b) Warra dadhaboo deggeruuf maal gochuu dandeenya?

13 Warra dadhaboo deggeraa. Jaalala dhugaa qabaachuun keenya gorsa Kitaaba Qulqulluu, “warra dadhaboo akka deggertan, hundumaattis obsa akka argisiistan” jedhuun qoramuu dandaʼa. (1 Tas. 5:14) Namoonni dadhaboo turan booda amantiitti cimoo taʼuu dandaʼu; kaan immoo obsaa fi deggersa wal irraa hin cinne akka isaaniif goonu barbaadu. Kunis yaada Kitaaba Qulqulluu jajjabeessu isaaniif hiruu, nu wajjin akka tajaajilan afeeruu ykn yeroo fudhannee isaan dhaggeeffachuu kan dabalatu taʼuu dandaʼa. Kana malees, Kiristiyaanni tokko “cimaa” ykn “laafaa” akka taʼe akkasumaan yaaduu mannaa, hundi keenya ciminaa fi dadhabina akka qabnu beekuu qabna. Phaawulos ergamaan illee dadhabina akka qabu amanee fudhateera. (2 Qor. 12:9, 10) Kanaaf, hundi keenya deggersa Kiristiyaanonni hidhata keenya taʼan nuuf godhan irraa faayidaa argachuu dandeenya.

14. Obboloota keenyaa wajjin nagaadhaan jiraachuuf hangamitti deemuuf fedhii qabaachuu qabna?

14 Nagaa uumaa. Yeroo dogoggoraan akka hubatamne ykn miidhaan akka nu irra gaʼe nutti dhagaʼamu illee, obboloota keenyaa wajjin nagaadhaan jiraachuuf wanta nuuf dandaʼame hunda goona. (Roomaa 12:17, 18 dubbisi.) Dhiifama gaafachuun miidhaa miiraa fayyisuu dandaʼa; garuu garaadhaa kan madde taʼuu qaba. Fakkeenyaaf, “Akkas waan sitti dhagaʼameef nan gadda” jechuu mannaa, rakkina uumame sana keessatti gaʼee qabduu amanuudhaan, “Wantan dubbadheen si miidhuu kootiin nan gadda” jechuu dandeenya. Keessumaa gaaʼela keessatti nagaan baayʼee barbaachisaa dha. Haati manaa fi abbaan manaa namoota duratti kan wal jaallatan fakkaatanii, kophaatti immoo kan waliin oodan, dubbii hamaa kan walitti dubbatan ykn kan wal reeban taʼuu hin qaban.

15. Garaadhaa dhiifama akka goone akkamitti argisiisuu dandeenya?

15 Tola dhiifama godhaa. Aarii keenya of keessaa baasnee nama nu mufachiise tokkotti araaramuudhaan dhiifama gochuu dandeenya. ‘Obsaa fi jaalalaan waliif dandeenye jiraachuudhaan, akkasumas hidhaa nagaa isa tokko godhuun tokkummaa hafuuraa eeguuf carraaqqii cimaa gochuudhaan’ namoota akka nu mufachiisan hin beekneef tola dhiifama gochuu dandeenya. (Efe. 4:2, 3) Dhiifama kan goone garaadhaa akka taʼuuf, ‘miidhaa nu irra gaʼe galmeessinee qabachuu dhiisuuf’ yaada keenya toʼachuu qabna. (1 Qor. 13:4, 5) Haaloo ykn xiiqii yoo qabanne hariiroo obboloota keenyaa wajjin qabnu qofa utuu hin taʼin, hariiroo Yihowaa wajjin qabnus akka hin deebine goonee balleessina. (Mat. 6:14, 15) Namoota cubbuu nu irratti raawwataniif kadhachuudhaanis garaadhaa dhiifama akka goone argisiisuu dandeenya.—Luq. 6:27, 28.

16. Mirgawwan tajaajila Yihowaa keessatti arganne akkamitti ilaaluu qabna?

16 Faayidaa dhuunfaa keessanii aarsaa godhaa. Tajaajila Yihowaa keessatti mirga yoo arganne, kun ‘faayidaa mataa keenyaa utuu hin taʼin, faayidaa nama kaanii barbaaduudhaan’ jaalalli keenya dhugaa taʼuu isaa argisiisuuf carraa akka nuu banu goonee ilaaluu qabna. (1 Qor. 10:24) Fakkeenyaaf, walgaʼii guguddaa fi walgaʼii naannoo irratti obboloonni ol galuu isaanii dura keessummeessitoonni hojiidhaaf ol ni seenu. Obboloonni kun hojii isaanii kana carraa ofii isaanii fi maatii isaaniitiif bakka taaʼumsaa gaarii itti qabatan godhanii ilaaluu mannaa, baayʼeen isaanii iddoo gaarii taʼuu baatus bakka hojiidhaaf itti ramadaman taaʼuu filatu. Karaa kanaan, fedhii dhuunfaa isaanii aarsaa gochuudhaan jaalala ofittummaa irraa walaba taʼe argisiisu. Ati hoo fakkeenya isaanii isa gaarii taʼe hordofuu kan dandeessu akkamitti?

17. Kiristiyaanni tokko cubbuu cimaa yoo hojjete jaalalli dhugaan maal gochuuf isa kakaasa?

17 Cubbuu dhoksaatti hojjettan himadhaa, akkasumas dhiisaa. Kiristiyaanonni cubbuu cimaa raawwatan tokko tokko akka hin qaanofne ykn warra kaan akka hin gaddisiisneef jecha dhoksuuf yaalu. (Fak. 28:13) Haa taʼu malee, gochi akkasii nama cubbuu hojjete sana qofa utuu hin taʼin, warra kaanis waan miidhuuf jaalala dhabuu argisiisa. Kanaa malees, hafuurri Waaqayyoo bilisaan akka hin hojjenne godha, nagaa gumiis balaadhaaf saaxila. (Efe. 4:30) Kiristiyaanonni cubbuu cimaa yeroo raawwatan gargaarsa barbaachisu akka isaaniif godhaniif, jaalalli dhugaan jaarsoliitti himuuf isaan kakaasa.—Yaq. 5:14, 15.

18. Jaalalli dhugaan hammam barbaachisaa dha?

18 Jaalalli amalawwan hunda irra ni caala. (1 Qor. 13:13) Jaalalli duuka buutota Yesuus akka taanee fi Yihowaa isa madda jaalalaa taʼe akka fakkaannu adda baasee beeksisa. (Efe. 5:1, 2) Phaawulos, “jaalala hin qabu taanaan garuu ani gatii hin qabu” jedhee barreesseera. (1 Qor. 13:2) Kanaaf, “dubbiidhaan” qofa utuu hin taʼin, “hojii fi dhugaadhaan” jaalala argisiisuu keenya itti haa fufnu.