Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Jaarsoliin Gumii, Warra Kaan Leenjisuu Ilaalchisee Maaltu Isinitti Dhagaʼama?

Jaarsoliin Gumii, Warra Kaan Leenjisuu Ilaalchisee Maaltu Isinitti Dhagaʼama?

“Wanti hundinuu yeroo qaba.”LAL. 3:1.

1, 2. Daawwattoonni olaanaa gumiiwwan hedduu keessatti maal hubataniiru?

DAAWWATAAN olaanaa aanaa tokko walgaʼii qaama jaarsolii wajjin godhu xumuruuf jedha. Tiksitoota ciminaan hojjetan kana ija keessa yeroo ilaalu miirri jaalalaa isatti dhagaʼame; isaan keessaa tokko tokko abbaa kan isaaf taʼani dha. Haa taʼu malee, dhimmi isa yaaddessu waan jiruuf, “Obbolootaa, warri kaan gumii keessatti itti gaafatamummaa dabalataa akka fudhatan gargaaruuf maal gootaniittu?” jedhee isaan gaafate. Obboloonni kun, daawwataan kun daawwannaa isaa isa darbe irratti warra kaan leenjisuudhaaf xiyyeeffannaa akka kennan isaan jajjabeessee akka ture yaadatan. Dhuma irratti jaarsolii kana keessaa inni tokko, “Dhugaa isaa dubbachuuf, gama kanaan wanta baayʼee hin raawwanne” jedhe. Jaarsoliin kaanis yaada isaa irratti walii galuudhaan mataa raasan.

2 Atis jaarsa gumii yoo taate, tarii akkuma jaarsolii kanaa jettee deebista taʼa. Daawwattoonni olaanaa aanaa addunyaa mara irra jiran, hoolota kunuunsuu irratti gargaarsa akka godhaniif dhiirota leenjisuu irratti hojiin hedduun hojjetamuu akka qabu hubataniiru. Haa taʼu malee akkas gochuun salphaa miti. Maaliif?

3. (a)Caaffanni Qulqullaaʼoon leenjii kennuun barbaachisaa taʼuu isaa kan ibsan akkamitti? Hundi keenya dhimma kanaaf xiyyeeffannaa kennuu kan qabnu hoo maaliifi? (Miiljalee ilaali.) (b) Jaarsoliin tokko tokko warra kaan leenjisuun isaanitti ulfaachuu kan dandaʼu maaliifi?

3 Akka tiksee tokkootti, dhuunfaatti obboloota leenjisuun barbaachisaa taʼuu isaa akka hubattu hin shakkisiisu. * Gumiiwwan jiran karaa hafuuraa akka jabaatan gargaaruuf, akkasumas gumiiwwan haaraan akka hundeeffamaniif obboloonni dhiiraa hedduun akka barbaachisan beekta. (Isaayaas 60:22 dubbisi.) Kana malees, Macaafni Qulqulluun ‘warra kaan akka barsiistu’ akka si jajjabeessu beekta. (2 Ximotewos 2:2 dubbisi.) Haa taʼu malee akkuma jaarsolii seensa irratti caqasamanii, obboloota dhiiraa leenjisuun ulfaataa sitti taʼuu dandaʼa. Wantoota maatii kee barbaachisan guutuu, hojii hojjechuu fi itti gaafatamummaa gumii baʼuu waan qabduuf, akkasumas wantoonni ariifachiisaa taʼan kan biraan si mudachuu waan dandaʼaniif, obboloota gumii keessa jiran leenjisuuf yeroo akka hin qabne sitti dhagaʼamuu dandaʼa. Taʼus, warra kaan leenjisuun barbaachisaa kan taʼe maaliif akka taʼe haa ilaallu.

LEENJISUUF DURSI KENNAMUU QABA

4. Sababiin leenjiin yeroo biraatti itti dabarfamu inni tokko maal taʼuu dandaʼa?

4 Jaarsoliin tokko tokko warra kaan leenjisuuf yeroo ramaduun ulfaataa akka isaanitti taʼu wanti godhu inni tokko maali dha? Tarii akkas jedhanii yaadu taʼa: ‘Leenjisuun barbaachisaa dha; haa taʼu malee akka dhimmoota gumii battalumatti raawwatamuu qaban kaanii ariifachiisaa miti. Yeroon itti leenjisu yeroo kan biraatti yoon dabarse, gumiin homaa hin miidhamu.’ Haa taʼu malee, dhimmoonni battalumatti xiyyeeffannaa kennuufii qabdan hedduun kan jiran taʼus, leenjii kennitan yeroo biraatti dabarsuun karaa hafuuraa gumicha ni miidha.

5, 6. Fakkeenya waaʼee konkolaachisaa dubbatuu fi ilaalcha inni mootoratti zayitii naquu ilaalchisee qabu irraa maal baranna? Kun gumii keessatti leenjii kennuu wajjin kan wal qabatu akkamitti?

5 Fakkeenya kana irratti yaadi: Konkolaachisaan tokko mootorri konkolaataa isaa sirriitti akka hojjetuuf, yeroo yerootti zayitii isaa geddaruu qaba. Haa taʼu malee, zayitii itti naquun akka bobaʼaa itti guutuu baayʼee ariifachiisaa akka hin taane isatti dhagaʼama taʼa. Dhugaa dha, yoo bobaʼaa itti guutuu baate konkolaataan isaa baayʼee utuu hin turin ni dhaabata. ‘Zayitii itti naquuf yoon yeroo dhabe illee, mootorri konkolaataa koo yeroo murtaaʼeef ni hojjeta’ jedhee yaada taʼa. Kun garuu balaa akkamii geessisuu dandaʼa? Yeroo zayitii itti naqu yeroo biraatti dabarsuu isaa yoo itti fufe, mootorri konkolaataa isaa waan wal riguuf yeroo booda hojjechuu akka didu beekamaa dha. Haalli akkasii yoo isa mudate, konkolaataa isaa suphisiisee deebisee itti fayyadamuuf yeroo fi qarshii hedduu isa gaafata. Kana irraa maal baranna?

6 Jaarsoliin dhimmoota dafanii raawwatamuu qaban hedduu hojjetu; kun taʼuu baanaan, gumichi gar malee miidhama. Akkuma konkolaachisaan sun bobaʼaa guutuudhaaf xiyyeeffannaa kennu, jaarsoliin ‘wantoota caalaatti barbaachisoo taʼan adda baasanii beekuu’ qabu. (Filp. 1:10, NW) Haa taʼu malee, jaarsoliin tokko tokko wantoota ariifachiisaa taʼan raawwachuudhaan waan qabamaniif, warra kaan leenjisuuf iddoo kennuu dhiisuu dandaʼu; kun mootoratti zayitii naquu dhiisuu wajjin wal fakkaata. Jaarsoliin gumii leenjii barbaachisaa taʼe kana yeroo biraatti dabarsuu yoo itti fufan, oolee bulee gumichi obboloota gaʼumsa qabanii fi wanta hojjetamuu qabu raawwachuu dandaʼan ni dhaba.

7. Jaarsolii warra kaan leenjisuuf yeroo ramadaniif ilaalcha akkamii qabaachuu qabna?

7 Kanaaf, leenjiin wanta dursi hin kennamneef akka taʼetti yaaduu irraa of eeggachuu qabna. Jaarsoliin fageessanii yaadanii fi obboloota muuxannoo hedduu hin qabne leenjisuudhaaf yeroo ramadan, hojii adeemsiftuu hubannaa qaban siʼa taʼan gumiidhaafis eebba taʼu. (1 Phexros 4:10 dubbisi.) Gumiin kan fayyadamu akkamitti?

KARAA BUʼA QABEESSA TAʼEEN YEROOTTI FAYYADAMUU

8. (a)Jaarsoliin warra kaan leenjisuuf sababiiwwan akkamii qabu? (b) Jaarsoliin ‘naannoo labsitoonni caalaatti barbaachisanitti’ tajaajilan itti gaafatamummaa ariifachiisaa taʼe akkamii qabu? (Saanduqa, “ Hojii Ariifachiisaa” jedhu ilaali.)

8 Jaarsoliin muuxannoo baayʼee qaban, umuriin isaanii dabalaa yeroo deemu hojiin isaan gumiidhaaf hojjechuu dandaʼan akka daangeffamu gad of deebisuudhaan hubachuu qabu. (Mik. 6:8) Kana malees, ‘yeroo fi walitti dhufuun’ dandeettii isaan itti gaafatamummaa gumii keessatti qaban raawwachuuf qaban irratti jijjiirama hin eegamne fiduu akka dandaʼu hubachuu qabu. (Lal. 9:11, 12, hiika bara 1899; Yaq. 4:13, 14) Kanaaf, jaarsoliin fageessanii yaadan fayyaa hoolota Yihowaatiif garaadhaa yaaduudhaan, muuxannoo waggoota amanamummaadhaan itti tajaajilan keessatti argatan obboloota dargaggoota taʼaniif yeroo isaatti ni hiru.—Faarfannaa 71:17, 18 dubbisi.

9. Wanti gara fuulduraatti raawwatamuu fi warra kaan leenjisuun baayʼee barbaachisaa akka taʼu godhu maali dha?

9 Sababiin jaarsoliin warra kaan leenjisan gumiidhaaf eebba itti taʼan kan biraan maali dha? Gumicha cimsu. Akkamitti? Carraaqqiin jaarsoliin warra kaan leenjisuuf godhan, obboloonni dabalataa yeroo ammaatti qofa utuu hin taʼin keessumaa yeroo rakkina guddaatti gumichi jabaatee akka dhaabatuu fi tokkummaa akka qabaatu gargaaran akka argaman godha. (His. 38:10-12; Mik. 5:5, 6) Kanaafuu, jaarsolii jaallatamo, harʼumaa jalqabdanii warra kaan leenjisuu kutaa tajaajila keessanii akka gootan isin gaafanna.

10. Jaarsi gumii tokko yeroo warra kaan itti leenjisu argachuuf maal gochuu dandaʼa?

10 Dhugaa dha, dhimmoota gumii barbaachisoo taʼan garaa garaa raawwachuun yeroo kee guutummaatti si jalaa fudhachuu akka dandaʼu ni hubanna. Haa taʼu malee, yeroo kana irraa muraasa fudhachuudhaan warra kaan leenjisuuf itti fayyadamuu qabda taʼa. (Lal. 3:1) Akkas gochuun kee buʼaa gaarii argamsiisa.

HAALA MIJATAA UUMUU

11. (a)Yaadni jaarsoliin biyyoota garaa garaa keessa jiraatan leenjii ilaalchisee kennan kan nama ajaaʼibsiisu maaliifi? (b) Fakkeenyi 15:22 akka jedhutti, yaada jaarsoliin kaan kennan ilaaluun keenya gaarii kan taʼe maaliifi?

11 Dhiheenyatti, jaarsoliin obboloonni karaa hafuuraa akka guddatan gargaaruu irratti milkaaʼina argatan, warra kaan yeroo leenjisanitti mala akkamiitti akka fayyadaman gaafatamanii turan. * Haalli jaarsoliin kun keessa jiran garaagarummaa guddaa kan qabu taʼus, yaadni isaan kennan kan wal fakkaatu taʼuun isaa baayʼee nama ajaaʼibsiisa. Kun maal argisiisa? Akkuma bara Phaawulositti ture leenjiin Macaafa Qulqulluu irratti hundaaʼe barattoota “bakka hundumaatti gumiiwwan hunda keessatti” argamaniif akka hojjetu nu hubachiisa. (1 Qor. 4:17, NW) Mata duree kanaa fi isa itti aanu keessatti yaada jaarsoliin kun kennan tokko tokko ilaalla. (Fak. 15:22) Mata dureewwan kana keessatti warri leenjii kennan “barsiisota,” warri leenjifaman immoo “barattoota” akka taʼanitti ibsamaniiru.

12. Barsiisaan tokko haala akkamii uumuu qaba? Maaliif?

12 Barsiisaan tokko haalli leenjiidhaaf mijataa taʼe akka jiraatu gochuu qaba. Akkuma namni biqiltuu kunuunsu tokko sanyii facaasuu isaa dura lafa qotu ykn laaffisu, barsiisaan tokkos wanta haaraa barsiisuu isaa dura sammuu barataa isaa qopheessuu ykn isa jajjabeessuu qaba. Barsiisonni warra kaan leenjisuuf haalli mijataa taʼe akka jiraatu gochuu kan dandaʼan akkamitti ree? Mala raajiin bara duriitti ture tokko itti fayyadamee wajjin wal fakkaatu fayyadamuudhaani. Raajiin kun mala akkamiitti fayyadame?

13-15. (a)Saamuʼel raajichaaf hojii akkamiitu kennamee ture? (b) Saamuʼel hojii isaa kana kan raawwate akkamitti? (Fakkii jalqaba irra jiru ilaali.) (c) Jaarsoliin Seenaa Macaafa Qulqulluu waaʼee Saamuʼel dubbatu kanaaf xiyyeeffannaa kennuu kan qaban maaliifi?

13 Waggaa 3,000 dura gaaf tokko Yihowaan raajii manguddoo Saamuʼel jedhamu tokkoon akkana jedhee ture: “Bor yeroo akkasii nama tokko biyya Beniyaaminii gara keetti nan erga; ati isa dibi! Inni immoo saba koo Israaʼelin in geggeessa.” (1 Sam. 9:15, 16) Saamuʼel sana booda geggeessaa akka hin taanee fi Yihowaan nama isa bakka buʼu akka muudu isa ajajuu isaa hubatee ture. Saamuʼel, ‘Nama kana hojii isa eeggatuuf akkamittan qopheessa laata?’ jedhee yaadee taʼuu qaba. Achii yaada isaaf dhufe hojii irra oolchuuf karoorfate.

14 Borumtaa isaa, Saamuʼel Saaʼoliin yeroo argetti Yihowaan, “Namichi . . . isa kana” isaan jedhe. Sana booda Saamuʼel karoora isaa hojii irra oolchuu jalqabe. Saaʼoliin nyaata afeere. Saaʼolii fi hojjetaa isaatiif taaʼumsa gaarii fi muraa foonii filatamaa kennee, “Yeroo muramaa kanaaf waan siif kaaʼameef, . . . nyaadhu!” jedheen. Sana booda Saamuʼelii fi Saaʼol gara mana Saamuʼel waliin kan deeman siʼa taʼu, yeroo deemanitti waliin haasaʼaa turan. Saamuʼel haala gaarii nyaata waliin nyaachuun isaanii fi waliin deemuun isaanii isaaf uumetti fayyadamuu barbaade. Kanaaf, gara kutaa mana isaa isa banti manaa irra jiruu akka dhufu Saaʼoliin afeere. Galgala qilleensa qabbanaaʼaa qabu sanatti, Saamuʼel hamma rafanitti ‘bantii manaa irratti Saaʼolii wajjin in dubbate.’ Guyyaa itti aanutti Saamuʼel Saaʼoliin dibee, isa dhungatee qajeelfama dabalataa isaaf kenne. Wanta gara fuulduraatti isa eeggatuuf erga isa qopheessee booda isa geggeesse.—1 Sam. 9:17-27; 10:1.

15 Dhugaa dubbachuuf, geggeessaa saba tokkoo akka taʼu nama tokko dibuun, jaarsa ykn tajaajilaa gumii akka taʼu obboleessa tokko leenjisuu wajjin tokko miti. Taʼus, yeroo harʼaatti jaarsoliin gumii mala Saamuʼel itti fayyadame irraa barumsa hedduu argachuu ni dandaʼu. Mee barumsawwan kana keessaa lama haa ilaallu.

BARSIISOTA FEDHII QABANII FI MICHOOTA DHUGAA

16. (a)Israaʼeloonni mootiin akka isaanii muudamu yeroo gaafatanitti Saamuʼelitti maaltu dhagaʼame? (b) Saamuʼel ajaja Saaʼoliin akka dibu isaa kenname kan raawwate miira akkamiitiini?

16 Dirqamaan utuu hin taʼin fedhiidhaan godhaa. Saamuʼel Israaʼeloonni nama mootii isaan irratti taʼu akka barbaadan yeroo dhagaʼetti ni gadde, akkasumas sabni isaa akka isa hin barbaanne isatti dhagaʼame. (1 Sam. 8:4-8) Wanta sabichi barbaade gochuu waan hin barbaanneef, Yihowaan Saamuʼel sabicha akka dhagaʼu siʼa sadii isatti himeera. (1 Sam. 8:7, 9, 22) Taʼus, nama bakka isaa buʼuu wajjin haala wal qabateen Saamuʼel jibbi ykn haaloon garaa isaa keessatti akka uumamu hin heyyamne. Yihowaan Saaʼoliin akka dibu yeroo isatti hime, dirqama isatti taʼee utuu hin taʼin jaalalaan kakaʼee fedhiidhaan ajajameera.

17. Jaarsoliin fakkeenya Saamuʼel kan hordofan akkamitti? Kun hoo gammachuu akkamii isaaniif argamsiisa?

17 Akkuma Saamuʼel godhe, jaarsoliin muuxannoo qaban obboloota leenjisanitti gaarummaa ni argisiisu. (1 Phe. 5:2) Jaarsoliin akkasii, mirga gumii keessatti qaban tokko tokko barattoonni isaanii akka isaan irraa fudhatan sodaachuudhaan, warra kaan leenjisuu irraa duubatti hin jedhan. Barsiisonni arjaa taʼan barattoota isaanii akka waan isaaniin dorgomanitti utuu hin taʼin, akka obboloota ‘isaanii wajjin hojjetanii’ fi gumiidhaaf kennaa gati jabeessa taʼanitti ilaalu. (2 Qor. 1:24; Ibr. 13:16) Barsiisonni ofittoo hin taane akkasii barattoonni isaanii dandeettii isaaniitti fayyadamanii gumii yeroo gargaaran ennaa argan gammachuu guddaa argatu!—HoE. 20:35.

18, 19. Jaarsi tokko sammuu barataa tokkoo qopheessuu kan dandaʼu akkamitti? Mala kanatti fayyadamuun baayʼee barbaachisaa kan taʼe maaliifi?

18 Barsiisaa qofa utuu hin taʼin michuu isaanii taʼaa. Saamuʼel guyyuma jalqabaa Saaʼolii wajjin wal argetti qodaa dhadhaa ejersaa fuudhee, ariitiidhaan mataa Saaʼol dibee, utuu waan isa eeggatuuf isa hin qopheessin mootii godhee isa erguu ni dandaʼa ture. Saamuʼel garuu, gaarummaadhaan yeroo fudhatee Saaʼoliin qopheesseera. Saamuʼel yeroon Saaʼoliin itti dibuu qabu inni sirriin akka gaʼe kan isatti dhagaʼame, nyaata gaarii erga waliin nyaatanii, erga waliin miilla hiikkatanii, saʼaatii dheeraadhaaf erga waliin haasaʼanii fi akka gaariitti erga boqotanii booda dha.

Warra kaan leenjisuun michooma uumuudhaan jalqabama(Keeyyata 18 fi 19 ilaali)

19 Haaluma wal fakkaatuun barsiisaan tokko warra kaan leenjisuu jalqabuu isaa dura, barataa isaa wajjin michooma uumuuf carraaqqii gochuu qaba. Tarkaanfiiwwan jaarsi tokko walitti dhufeenya akkasii uumuuf fudhatu haalaa fi aadaa naannoo sanaa irratti kan hundaaʼu waan taʼeef biyyaa biyyatti garaa gara dha. Taʼus, kan jiraattu eessa iyyuu yoo taʼe, yeroo barataa kee wajjin dabarsitu ni ramadda taanaan, “Na biratti iddoo guddaa qabda” isaan jechaa akka jirtuutti ilaalama. (Roomaa 12:10 dubbisi.) Yaadni kun afaaniin kallattiidhaan dubbatamuu baatus, barataan eessa iyyuu jiraatu miira akkasii hubachuu fi bakka guddaa kennuufii ni dandaʼa.

20, 21. (a)Barsiisaan gaariin kan akkamii ti? (b) Mata duree itti aanu keessatti waaʼee maalii ilaalla?

20 Jaarsoliin gumii, barsiisaan gaariin nama warra kaan leenjisuu jaallatu qofa utuu hin taʼin, nama nama leenjisu sana jaallatus akka taʼe yaadadhaa. (Yohannis 5:20 wajjin wal bira qabii ilaali.) Barataan tokko amala barsiisaa isaa kana salphaatti hubachuu kan dandaʼu siʼa taʼu, kunis akkaataa leenjii isaaf kennamu itti fudhatu irratti dhiibbaa gaarii geessisa. Kanaafuu, jaarsolii jaallatamo, leenjii yeroo kennitan barsiisaa qofa utuu hin taʼin michuu gaarii taʼaa.—Fak. 17:17, hiika bara 1899; Yoh. 15:15, NW.

21 Jaarsi tokko yaada barataa isaa erga qopheessee booda, leenjii barbaachisu isaa kennuu jalqaba. Yeroo kanatti malawwan akkamiitti fayyadamuu dandaʼa? Yaada kana mata duree itti aanu keessatti ilaalla.

^ KEY. 3 Mata dureen kunii fi inni itti aanu kallattiidhaan kan barreeffame jaarsoliidhaaf taʼus, warra gumii keessa jiran hunda kan ilaallatu dha. Maaliif? Dhiironni cuuphaman hundi hojii gumii keessa jiru irratti hirmaachuuf leenjiʼuun kan isaan barbaachisu taʼuu isaa akka hubatan gargaara. Obboloonni yeroo leenjiʼan immoo, warri gumii keessa jiran hundi ni fayyadamu.

^ KEY. 11 Jaarsoliin kun Awustiraaliyaa, Baangilaadesh, Beeljiyam, Biraaziil, Faransaay, Fireenchi Giyaanaa, Jaappaan, Kooriyaa, Meeksikoo, Naamiibiyaa, Naayijeeriyaa, Riiyuuniyan, Raashiyaa, Afriikaa Kibbaa fi Yunaayitid Isteetis keessa jiraatu.