Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

MACAAFNI QULQULLUUN JIREENYA NAMOOTAA NI JIJJIIRA

Gaaffii Hunda Kan Naa Deebisan Macaafa Qulqulluutti Fayyadamaniiti!

Gaaffii Hunda Kan Naa Deebisan Macaafa Qulqulluutti Fayyadamaniiti!
  • BARA DHALOOTAA: 1950

  • BIYYA DHALOOTAA: ISPEEN

  • SEENAA: MOLOKSEE KAATOLIKII

JIREENYAKOO DURAA:

Yeroon dhaladhetti maatiinkoo Galishiyaa ishee kaaba dhiha Ispeenitti argamtu keessatti lafa qonnaa xinnoo qabu turan. Ijoollee saddeet keessaa ani arfaffaadha. Maatiin keenya maatii gammachuu qabu ture. Yeroo sanatti Ispeen keessatti, ijoollee maatii tokkoo keessaa yoo xinnaate tokko mana barumsaa amantii ykn gadaamii galuunsaa baramaa ture. Maatii keenya keessaa ijoolleen sadii kana gooneerra.

Umriikoo waggaa 13⁠tti anis akkuma obboleettiikoo gadaamii dubartootaa magaalaa Maadriid keessatti argamun seene. Namoonni gadaamii kana keessa jiraatan walitti hin dhihaatan. Jireenyi keenya seeraan, kadhannaafi gadadoodhaan kan guutame ture. Ganama barii waaʼee Waaqayyoo xiinxaluuf mana sagadaatti walitti qabamna turre; ani garuu waanuma tokkorrattiyyuu hin xiinxalun ture. Sana booda afaan Laatiiniitiin faarfannee Qiddaasee afaanuma kanaan geggeeffamurratti argamna turre. Waan tokkoyyuu kan naaf hin galle siʼa taʼu, Waaqayyos narraa fagoo akka taʼe natti dhagaʼama ture. Gadaamii sana keessatti waliin haasaʼuun hin jiru ture. Aniifi obboleettiinkoo yeroo wal arginullee, “Maariyaam ishee qulqulluu taateef ulfinni haa taʼu” qofa waliin jenna. Nyaata erga nyaannee booda saʼaatii walakkaa caalaa akka waliin haasofnu nuuf hin heyyamamu. Jireenya gammachiisaa mana warrakootti dabarserraa kun baayʼee addadha. Kophummaan kan natti dhagaʼamu siʼa taʼu, yeroo baayʼee nan booʼan ture.

Waaqayyo natti dhihoo akka taʼe natti dhagaʼamee kan hin beekne taʼullee, umriikoo waggaa 17⁠tti molokseen taʼe. Kanan godhe wanta narraa eegamu taʼus, utuun baayʼee hin turin dhuguma Waaqayyo na filachuusaa shakkuun jalqabe. Moloksoonni, namoonni shakkii akkasii qaban ibidda barabaraatiin gubatu jedhu turan! Haataʼu malee shakkiinkoo ittuma fufe. Yesus Kiristos namarraa adda of baasuu mannaa, namoota barsiisuufi gargaaruudhaan qabamee akka ture nan beeka. (Maatewos 4:23-25) Umriinkoo waggaa 20 yeroo taʼu moloksee taʼuu dhiisuu akkan qabu natti dhagaʼame. Kan nama ajaaʼibsiisu, geggeessituun gadaamichaa yaada akkasii qaba taanaan dafee achii baʼuu akka naa wayyu natti himte. Warra kaanirratti dhiibbaa gooti jettee waan sodaatte natti fakkaata. Kanaaf gadaamicha gadhiiseen baʼe.

Gara manaatti yeroon deebiʼu, warrikoo sirriitti na hubatanii turan. Mandara keenya keessa hojiin waan hin jirreef, obboleessakoo biyya Jarman jiraatu biran deeme. Obboleessikoo kun miseensa garee Koominiistii, namoonni lammii Ispeen taʼaniifi biyya biraa jiraatan hundeessan tokkoo ture. Namoota mirga hojjettootaafi wal qixxummaa dubartootaatiif falman kanaa wajjin taʼuunkoo baayʼee na gammachiise. Kanaaf, anis yeroo booda Koominiistii kanan taʼe siʼa taʼu, nama miseensa garee kanaa taʼe tokkottan heerume. Barreeffamoota yaadrimee Koominiistii babalʼisan tamsaasaa, akkasumas hiriira mormiirratti hirmaachaan ture; kana yeroon godhu wanta faayida qabeessa taʼe hojjechaa akkan jiru natti dhagaʼama ture.

Yeroo booda garuu, deebiʼee abdii kutachuun jalqabe. Koominiistoonni yeroo baayʼee wanta dubbatan akka hojiirra hin oolchine natti dhagaʼamuu jalqabe. Bara 1971⁠tti dargaggoonni miseensa garee keenyaa taʼan tokko tokko, Waajjira Qonsilaa Ispeen Firaankifartitti argamu gubuunsaanii ilaalchikoo kun akka cimu godhe. Kana kan godhan, jalʼina mootummaan abbaa irree Ispeen raawwatu mormuuf jedhaniiti. Haataʼu malee, karaan mormiisaanii itti ibsan dogoggora akka taʼe natti dhagaʼame.

Mucaankoo inni jalqabaa yeroo dhalatetti, walgaʼii Koominiistiirratti argamuukoo dhiisuuf akkan jedhu abbaa manaa koottan hime. Hiriyootakoo duraanii keessaa eenyuyyuu dhufee anaafi mucaakoo waan hin gaafanneef kophummaan natti dhagaʼame. Kaayyoon jireenyaa maal akka taʼe gaaffii natti taʼuu jalqabe. Hawaasa jijjiiruuf carraaqqii gochuun dhuguma buʼaa ni argamsiisaa?

MACAAFNI QULQULLUUN KAN NA JIJJIIRE AKKAMITTI?

Bara 1976⁠tti Dhugaa Baatonni lammii Ispeen taʼan lama manakoo dhufanii barreeffama Macaafa Qulqulluurratti hundaaʼee kan naa kennan siʼa taʼu, anis nan fudhadhe. Yeroo deebiʼanii na gaafatanitti rakkina, wal qixxummaafi jalʼina ilaalchisee gaaffii hedduu isaan gaafachuun jalqabe. Gaaffii hunda kan naa deebisan Macaafa Qulqulluutti fayyadamanii taʼuunsaa na dinqisiise! Afeerraa Macaafa Qulqulluu akkan qayyabadhu naa dhihaate gammachuudhaanan fudhadhe.

Jalqaba fedhiinkoo beekumsa argachuu qofa ture. Aniifi abbaan manaakoo walgaʼii Galma Mootummaa Dhugaa Baatota Yihowaatti godhamurratti argamuu yeroo jalqabnu garuu haallisaa ni jijjiirame. Yeroo kanatti ijoollee lama qabna turre. Dhugaa Baatonni Yihowaa gara walgaʼiitti nu geessuudhaan, akkasumas yeroo walgaʼiitti ijoollee keenya nuu qabuudhaan gaarummaa nutti argisiisaniiru. Baayʼeen isaan jaalladhe.

Taʼus, ammayyuu amantii ilaalchisee shakkii tokko tokko qaban ture. Maatiikoo Ispeen jiru dhaqee gaafachuufan murteesse. Wasiillikoo inni qeesii taʼe, Macaafa Qulqulluu qayyabachuukoo akkan dhiisu gochuuf yaalee ture. Dhugaa Baatonni Yihowaa achitti argaman garuu baayʼee na gargaaran. Akkuma Dhugaa Baatota Jarman sanaa, isaanis gaaffii kootiif Macaafa Qulqulluurraa deebii naa kennan. Jarmanitti yeroon deebiʼu qayyabannaakoo itti fufuufan murteesse. Abbaan manaakoo qayyabannaasaa dhaabuuf kan murteesse taʼus, ani garuu Macaafa Qulqulluu qayyabachuukoo ittin fufe. Bara 1978⁠tti cuuphameen Dhugaa Baatuu Yihowaa taʼe.

FAAYIDAAN ARGADHE:

Beekumsa Macaafa Qulqulluu sirrii taʼe argachuunkoo, jireenyikoo kaayyoo akka qabaatuufi qajeelfaman jireenyakoo ittiin geggeessu akkan argadhu godheera. Fakkeenyaaf, 1 Phexros 3:1-4, haadholiin manaa abbootii manaasaaniitiif “ulfina guddaadhaan” (NW) ‘akka abboomamaniifi’ “hafuura garraamummaa . . . isa Waaqayyo duratti guddaa gati-jabeessa taʼe” akka qabaatan jajjabeessa. Seerawwan buʼuuraa akkasii, gaʼee haadha manaa akkasumas haadha tokkorraa eegamu raawwachuuf na gargaaraniiru.

Ergan Dhugaa Baatuu Yihowaa taʼee gara waggaa 35 taʼeera. Aniifi ijoolleekoo shanan keessaa afur, kutaa obbolummaa addunyaa maraa Waaqayyoon tajaajiluu taʼuun keenya baayʼee na gammachiisa.