Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

FAARFANNAA 108

Jaalala Waaqayyoo isa Amanamaa

Jaalala Waaqayyoo isa Amanamaa

(Isaayaas 55:1-3)

  1. 1. Yihowaan jaalala.

    Akka nuuf yaadu nuu gala.

    Ilma isaa jaallatamaa

    Erge furuuf ilmaan namaa;

    Akka dandeenyu argachuu

    Jireenya dhugaaf gammachuu.

    (BUUSAA)

    Kottaa warri dheebottan,

    Bishaan jireenyaa dhugaa.

    Jaalala amanamaa

    Waaqni qabu argaa.

  2. 2. Yihowaan jaalala.

    Hojiisaarraa kana ʼlaalla.

    Ilma isaa nuu moosisee,

    Jaalalasaa argisiise.

    Kaayyoon Waaqaa galma gaʼe.

    Mootummaan isaa hundaaʼe!

    (BUUSAA)

    Kottaa warri dheebottan,

    Bishaan jireenyaa dhugaa.

    Jaalala amanamaa

    Waaqni qabu argaa.

  3. 3. Yihowaan jaalala.

    Isa fakkaachuuf ni yaalla.

    Garraamota ni gargaarra,

    Akkaʼn gorre karaasaarraa.

    Sodaa Waaqayyoo qabaannee,

    Lallabna ija jabaannee.

    (BUUSAA)

    Kottaa warri dheebottan,

    Bishaan jireenyaa dhugaa.

    Jaalala amanamaa

    Waaqni qabu argaa.

(Dabalataan, Far. 33:5; 57:10; Efe. 1:7 ilaali.)