Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

FAARFANNAA 133

Dargaggummaatti Yihowaa Waaqeffadhaa

Dargaggummaatti Yihowaa Waaqeffadhaa

(Lallaba 12:1)

  1. 1. Waaqni nu dargaggoof iddoo kenna,

    Jabina keenya isaaf kennina.

    Jaalalaan xiyyeeffannaa nuu kenna,

    Nuuf ni eebbisa jireenya keenya.

  2. 2. Warra keenya nuuf yaadan kabajna

    Ulfina ʼsaaniif qabnu ibsina.

    Taanaan, Waaqnis namnis nu jaallatu,

    Yihowaanis nurraa hin fagaatu.

  3. 3. Dhugaa jaallachuutti guddachuudhaan,

    Waaqa yaadanna dargaggummaadhaan.

    Waaqa keenyaaf waan wayyu kennina;

    Karaa kanaan isa gammachiisna.

(Dabalataan, Far. 71:17; Faru. 3:27; Efe. 6:1-3 ilaali.)