Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

FAARFANNAA 141

Jireenyi Ajaaʼiba

Jireenyi Ajaaʼiba

(Faarfannaa 36:9)

  1. 1. Mucaan dhalate, coccobni roobaa,

    Ifti aduu fi sanyiin midhaan gubbaa,

    Kennaa Waaqaa ti; Waaʼeesaa ibsa.

    Dinqiin inni raawwatu nu jiraachisa.

    (BUUSAA 1)

    Kennaa addaa kanaaf, maal gochuu qabna?

    Waaqa jaallanna, kennaasaa dinqisiifanna.

    Maaliyyuu yoo goone, kan argannu miti;

    Jireenyʼ ajaaʼiba, kennaa Yihowaa ti.

  2. 2. Namoonni abdii kutatu taʼa,

    ‘Waaqa arrabsii duʼi’ jedhu taʼa.

    Nu akkas miti; Waaqa jajanna,

    Yeroo jiraannu hundaaf galateeffanna.

    (BUUSAA 2)

    Kennaa addaa kanaaf, maal gochuu qabna?

    Namoota jaallanna, akka yaannuuf mulʼisna.

    Maaliyyuu yoo goone, kan argannu miti.

    Jireeny’ ajaaʼiba, kennaa Yihowaa ti.