Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

FAARFANNAA 15

Ilma Yihowaa Isa Angafa Jajadhaa!

Ilma Yihowaa Isa Angafa Jajadhaa!

(Ibroota 1:6)

  1. 1. Ilma Waaqaa jajaa,

    Inni moosifameera.

    Dhugaa fi haqaan bulcha;

    Eebba nuu fiduuf jira.

    Abbaasaa waan jaallatuuf,

    Ulfinaaf simboodhaan

    Olaantummaa Yihowaa

    Mirkaneessa Gooftaan.

    (BUUSAA)

    Ilma Waaqaa jajaa!

    Isa dibame faarsaa.

    Gaara Xiyoon gubbaadhaa,

    Bulchaa jira geggeessaa!

  2. 2. Ilma Waaqaa jajaa,

    Duʼe nu jiraachisuuf.

    Dhiifama ni arganna

    Furii waan nuu kaffaleef.

    Misirroonsaa qophooftee,

    Eegaa jirti isa.

    Kun bulchiinsi Yihowaa

    Sirrii taʼuu ibsa.

    (BUUSAA)

    Ilma Waaqaa jajaa!

    Isa dibame faarsaa.

    Gaara Xiyoon gubbaadhaa,

    Bulchaa jira geggeessaa!

(Dabalataan, Far. 2:6; 45:3, 4; Mul. 19:8 ilaali.)