Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

FAARFANNAA 150

Fayyina Argachuuf Waaqayyoon Barbaaddadhaa

Fayyina Argachuuf Waaqayyoon Barbaaddadhaa

(Sefaaniyaa 2:3)

  1. 1. Saboonni wal taʼan,

    Ilma Yihowaa mormuuf.

    Barri bulchiinsa isaanii

    Dhume yeroon waan gaʼeef.

    Bara baraaf bulchuuf

    Mootummaan Waaqaa dhufe.

    Kiristoos diinota lafarraa.

    Ni barbadeessa dafee.

    (BUUSAA)

    Fayyina akka argattan,

    Waaqa dhugaa barbaaddadhaa.

    Amanamoo fi

    Qajeeloo taʼaa.

    Olaantummaasaa deggeraa.

    Achii Waaqni irreesaatiin

    Isin baraara.

  2. 2. Namoota hundumaaf,

    Misiraachoo lallabna.

    Fudhachuuf ykn diduudhaaf

    Carraa isaaniif laanna.

    Sodaachuu hin qabnu,

    Qorumsi nutti cimus.

    Yihowaan amanamoo eega;

    Ni dhagaʼa kadhatas.

    (BUUSAA)

    Fayyina akka argattan,

    Waaqa dhugaa barbaaddadhaa.

    Amanamoo fi

    Qajeeloo taʼaa.

    Olaantummaasaa deggeraa.

    Achii Waaqni irreesaatiin

    Isin baraara.