Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

FAARFANNAA 54

“Karichi isa Kana”

“Karichi isa Kana”

(Isaayaas 30:20, 21)

  1. 1. Daandiin nagaa jira,

    Atis argatteetta.

    Isa baratte dha,

    Dur kan ture beekta,

    Yesuustu si barsiise

    Isa dhageessee.

    Daandii nagaa qabu,

    Dubbicharraa ʼrgamu.

    (BUUSAA)

    Karichi kana dha kan jireenyaa.

    Asiif achi hin ʼlaalin matumaa!

    ‘Karichi kana; duubaʼn ʼlaalin!

    Karaan kana’ jedheera Yihowaan.

  2. 2. Karaa jaalalaa ti,

    Asiif achiʼn ʼlaalin.

    Himeera karicha

    Waaqni nuuf of ibsuun.

    Jaalallisaa guutuu,

    Hoʼaa fi dhaabbataa.

    Jaalalli kana dha;

    Waa hundaan mulʼata.

    (BUUSAA)

    Karichi kana dha kan jireenyaa.

    Asiif achi hin ʼlaalin matumaa!

    ‘Karichi kana; duubaʼn ʼlaalin!

    Karaan kana’ jedheera Yihowaan.

  3. 3. Karaa jireenyaa ti,

    Of duubaʼn ʼlaalini.

    Karichʼ hunda caala

    Mirkaneesse Waaqni,

    Karaa jaalalaa ti,

    Nagaa argamsiisa.

    Jireenyatti geessa,

    Waaqaaf galatasaa.

    (BUUSAA)

    Karichi kana dha kan jireenyaa.

    Asiif achi hin ʼlaalin matumaa!

    ‘Karichi kana; duubaʼn ʼlaalin!

    Karaan kana’ jedheera Yihowaan.

(Dabalataan, Far. 32:8; 139:24; Fak. 6:23 ilaali.)