Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

FAARFANNAA 82

‘Ifni Keessan haa Ifu’

‘Ifni Keessan haa Ifu’

(Maatewos 5:16)

  1. 1. Yesuus ajajeera

    Akka ibsinu,

    Ifa keenya hundaaf

    Akkuma aduu.

    Yaada nagaa barre,

    Dubbii Waaqaarraa.

    Yeroo nama barsiisnu

    Ifasaa hirra.

  2. 2. Ergaa Mootummichaa

    Hundi haa simu;

    Nu durattʼ haa ifu

    Yeroo lallabnu.

    Nu gaggeessa ifni

    Dubbicha keessaa.

    Kansaanii ti filannoon

    Ni geenya hundaan.

  3. 3. Ifa keenya ibsa

    Gaarummaanillee,

    Dubbii nuu bareecha

    Akkuma callee.

    Waan gaarii gochuudhaan

    Ibsuu ʼtti fufna,

    Taanaan yoomiyyuu Waaqaaf

    Gammachuu fidna.