Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ibidda Odola Siisiilii, ishii Xaaliyaaniitti argamtu barbadeessaa jiru. Karaa mirgaa: Cabbii guguddaa Xaaliyaanii kaabaa rukute

HAGAYYA 4, 2023
XAALIYAANII

Qilleensi Cimaa fi Cabbiin Xaaliyaanii Kaabaa fi Odola Siisiilii Rukute

Qilleensi Cimaa fi Cabbiin Xaaliyaanii Kaabaa fi Odola Siisiilii Rukute

Adoolessa 22 fi 26, 2023, qilleensi cimaan adda adda taʼe lama Xaaliyaanii rukute. Obomboleettii cimaan qilleensi isaa saʼaatii tokko keessaatti gara kiilomeetira 120 ol deemuu fi cabbii gara seenti meetira 19 guddatu Xaaliyaanii kaaba rukutee ture. Yerooma kanatti ibiddi bosonaa 330 ol taʼe odola Siisiilii harka caalaa isaa barbadeesseera. Hoʼi naannoo sanaa digirii seelshasii 47 (117°F) taʼuun isaa ibiddi isaa saffisaan akka babalʼatu godheera. Kanaan kan kaʼes, gamoowwan hedduun kan barbadeeffaman taʼuu isaa irrayyuu namoonni kumaan lakkaaʼaman humna ibsaa akka dhaban godheera. Namoonni kuma hedduutiin lakkaaʼamanis naannoo sanaa gadhiisanii akka baʼan godhameera. Ibiddi kun namoota shan galaafateera.

Miidhaa Obbolootaa fi Obboleettota Irra Gaʼe

Cabbii fi Qilleensa Xaaliyaanii Kaaba Rukute

  • Obboloota keenya keessaa namni tokko iyyuu hin duune

  • Obboloota keenya 2 irra miidhaan gaʼeera

  • Manneen 36 irra miidhaa guddaan gaʼeera

  • Manneen 242 irra miidhaa salphaan gaʼeera

  • Galma Walgaʼii 1 irra miidhaa cimaan gaʼeera

  • Galma Walgaʼii 12 irra miidhaa salphaan gaʼeera

Ibidda Bosonaa Odola Siisiilii Barbadeesse

  • Kan nama gaddisiisu, hiriyoonni gaaʼelaa tokko yeroo mana isaanii ibiddi qabatetti lubbuu isaanii dhabaniiru

  • Obboloonnii fi obboleettonni 48 mana isaaniitii akka baʼan godhameera

  • Galmi Walgaʼii ykn gamoon tiʼookraasii miidhaan irra gaʼe hin jiru

Hojii Gargaarsaa

  • Ilaaltonni olaanaa aanaa fi jaarsoliin naannoo sanaa obboloota ibidda bosonaa Siiisiiliitti gaʼee fi cabbii Xaaliyaanii kaabaatiin miidhaan irra gaʼee Kitaaba Qulqulluutti fayyadamanii jajjabeessaa fi gargaarsa barbaachisu gochaa jiru

  • Koreen Gargaarsaa Yeroo Balaa 1 hojii gargaarsaa Siisiilii keessatti kennamu akka qindeessu muudameera

Obboleessaa fi obboleettii keenya Siisiiliitti duʼaan dhabuu keenyaan baayʼee gaddineerra; obboloota balaawwan kanaan miidhaan irra gaʼe hundumaatiif ni kadhanna. Yeroo Yihowaan dhiheenyatti wantoota nama dhiphisan hunda itti dhabamsiisu hawwiidhaan eegganna.—Mulʼata 21:4.