Dhimma ijoo ta'etti seeni

Obboleessa keenya Maarki Saandarsan sagantaa addaa Woorsow, Poolaanditti godhame irratti yommuu haasaa kennu

CAAMSAA 3, 2022
ODUU ADDUNYAA MARAA

“Hariiroo Yihowaa wajjin qabdan irratti xiyyeeffadhaa”

Sagantaa Addaa Obboloota Yuukreenii fi Poolaandi Keessa Jiran Jajjabeesse

“Hariiroo Yihowaa wajjin qabdan irratti xiyyeeffadhaa”

Ebla 26, 2022, obboleessi keenya Maarki Saandarsan, inni miseensa Qaama Ol Aanaa Dhugaa Baatota Yihowaa taʼe, obbolootaa fi obboleettota waraana Yuukreenitti godhamaa jiruun miidhaman karaa hafuuraa jajjabeessuuf gara Poolaandi dhaqee ture.

Obboloota sagantaa Galma Walgaʼiitti godhame irratti hojjechaa turan

Gumiiwwan Poolaandii fi Yuukreen keessa jiran hundi walgaʼii addaa Ebla 30, 2022​tti godhame irratti affeeramanii turan. Poolaandi keessatti baqattoonni lammii Yuukreenii fi obboloonni hojii gargaarsaa irratti hirmaan walgaʼii Galma Walgaʼii Woorsowutti godhame irratti qaamaan akka argaman affeeramanii turan. Obboloota saganticha viidiyoo konfiransiitiin hordofan dabalatee namoonni Poolaandii fi Yuukreen keessa jiran 250,000 ol taʼan saganticha akka hordofan tilmaama.

Obboleessi keenya Saandarsan akkana jedheera: “Obboloonnii fi obboleettonni keenya addunyaa marati argaman waaʼee keessan yaadaa fi kadhachaa jiru. Kana malees, waajjira mummeetti obboloota Raashiyaa fi Yuukreen keessa jiraniif guyyaa hunda kadhannaan ni dhihaata, akkasumas nuti miseensoonni Qaama Ol Aanaa walgaʼii keenya irratti waaʼee keessaniif ni kadhanna.” Itti dabaluudhaan akkana jechuudhaan isaaniif mirkaneesseera: “Rakkinni isin irra gaʼuun isaa eebba Yihowaa akka dhabdan kan argisiisu miti. Yihowaan haala keessa jirtan ni arga, isin jaallata, keessumaa immoo obbolootaa fi obboleettota haala rakkisaa keessa jirtanitti dhihoo dha.”

Garee obbolootaa fi obboloota Maariipool, Yuukreeniitti qeʼee isaaniitii buqqaʼanii fi saganticha ilaalaa jiran

Obboleessi keenya Saandarsan itti fufuudhaan akkana jedheera: “Hariiroo Yihowaa wajjin qabdan irratti xiyyeeffadhaa. Galmi keenya lubbuudhaan oluu qofa miti; kanaa mannaa fedhiin keenya rakkoowwan nu mudatan dandamachuudhaan amantiitti akka nu cimsanii fi Yihowaatti caalaatti akka dhihaanne akka nutti dhagaʼamu akka taasisan gochuu dha. Wanti Yihowaan nu barsiisaa jirus kana dha.”

Jaarsi gumii Serhii jedhamuu fi Owdesaa, Yuukreen keessa jiraatu akkana jedheera: “Torbanoota muraasa darbanitti, dhiphinni, gaddii fi sodaan natti dhagaʼamu hirriba na dhowwee ture. Haa taʼu malee, [sagantaan addaa kun] Yihowaan walumatti qabaatti akka sabaatti qofa utuu hin taʼin, dhuunfaatti akka nu kunuunsu amanannaan qabu caalaatti cimsachuuf na gargaareera.”

Obboleettiin keenya Tattiyaanaa jedhamtuu fi Kiyeev, Yuukreenii baqattee dhufte akkana jetteetti: “Guyyaa harʼaa Yihowaan baayʼee natti dhihoo akka taʼe natti dhagaʼameera. Akkuma Yihowaan na hammatee jaalala isaa naaf ibseetti natti dhagaʼameera. Eessa iyyuu yoo jiraanne Yihowaan yeroo hundumaa nu wajjin jira.”

Obbolootaa fi obboleettota keenya baayʼee jaallanna, akkasumas sagantaan addaa kun ‘jaalala amanamaa’ Yihowaan saba isaatiif qabu kan isaaniif mirkaneessu akka taʼu amanannaa guutuu qabna.—Faarfannaa 136:1.