Dhimma ijoo ta'etti seeni

Bitaa: Obboleessi Wolfiraam Isluupiyaanaan jaakkeettii Dhugaa Baatuun kaampii uggurraa keessatti uffachaa ture tokko yommuu argisiisu. Mirgaa: Barreeffama yaadannoo godaambaa Filoosenbarg keessatti argamu

CAAMSAA 17, 2023
JARMAN

Kaampiin Uggurraa Filoosenbarg Dhugaa Baatota Yihowaa Kabajuudhaan Barreeffama Yaadannoo Tokko Qopheesse

Kaampiin Uggurraa Filoosenbarg Dhugaa Baatota Yihowaa Kabajuudhaan Barreeffama Yaadannoo Tokko Qopheesse

Ebla 22, 2023​tti, Godaambaan Kaampii Uggurraa Filoosenbarg inni Baavariyaa Jarman keessatti argamu Dhugaa Baatota Yihowaa mana hidhaa bakka kana ture keessatti duʼan kabajuudhaan barreeffama yaadannoo tokko isaaniif qopheesse. Godaambaan Kaampii Uggurraa Filoosenbarg, kaampiiwwan Dhugaa Baatota Yihowaatiif beekkamtii kennuudhaan barreeffama yaadannoo isaaniif qopheessan keessaa isa salgaffaadha.

Kaampii Filoosenbargii fi kaampiiwwan naannoo isaatti argaman keessatti Dhugaa Baatonni Yihowaa 100 ol hidhamaniiru. Maatiiwwan isaanii keessaa tokko tokko sirna kana irratti argamaniiru. Obboleessi sirna kana irratti argame tokko akkana jedheera: “Bakka wantoonni baayʼee gadhee taʼan itti raawwataman kanatti argamuun baayʼee nama gaddisiisa. Taʼus, amanamummaa obboloonni keenya argisiisan irratti yaaduun keenya qophichi gammachiisaa fi ulfina qabeessa akka taʼu godheera.”

Proofeesar Joorji Iskriibliit inni hoogganaa Godaambaa kaampii Uggurraa Filoosenbarg taʼe, “Bulchiinsi [Naazii] Bitootessa 1933​tti erga eegalee booda dhaabbanni amantii jalqaba dhorkaan irra kaaʼame Dhugaa Baatota Yihowaati” jedheera. Haalasaa gabaabumatti yeroo ibsu, “[Dhugaa Baatonni] kaampii uggurraa keessa turan amantii qabaachuun isaanii jabinaa fi humna isaaniif kenneera . . . kunimmoo ofii isaaniitii ooluuf qofa utuu hin taʼin, warri Dhugaa Baatota Yihowaa hin taane kaanis jabina akka argatan godheera” jedheera.

Barreeffama yaadannoo kana beeksisuuf sirna Baavariyaa Jarmanitti godhamerratti namoonni argaman xiyyeeffannaan yommuu hordofan. Suuraa isa xinnaa: Obboleettii Juudiit Ribiik ishiin abbaan ishii kaampii Filoosenbargiitti hidhamee turee fi Piroofeesarri Iskriibliit haguuggii barreeffama yaadannoorra jiru yommuu kaasan

Obboleessi Wolfiraam Isluupiyaanaa inni Jarmanitti dubbii himaa Dhugaa Baatota Yihowaa taʼes namoota qophii kanarratti argamaniif haasaa dhiheesseera. Akkas jedheera: “Seenaan Dhugaa Baatonni akka gareetti miidhaan akka isaanirra gaʼe ibsu irraanfatamuu dhiisuunsaa hunda keenyaafuu barbaachisaadha, Dhugaa Baatonni yeroo seenaa Jarman keessatti baayʼee rakkisaa taʼe sanatti wanta qalbii isaanii wajjin wal faalleessu gochuu dhiisuuf fedhii qabu turan.”

Obboloonnii fi obboleettonni keenya amanamoon ariʼatamni isaanirra gaʼee fi kaampii uggurraa keessatti ajjeefaman ‘kitaaba yaadannoo’ waaqayyoo irratti akka galmeeffaman mirkanaaʼoodha.—Miilkiyaas 3:16.