Dhimma ijoo ta'etti seeni

Waajjira damee Dhugaa Baatota Yihowaa Bishkeek Kirgistaan jiru

MUDDEE 23, 2021
KIRGISTAAN

Koreen Mirga Namummaa, Kirgistaan Mirga Dhugaa Baatota Yihowaa Akka Sarbite Dubbate

Koreen Mirga Namummaa, Kirgistaan Mirga Dhugaa Baatota Yihowaa Akka Sarbite Dubbate

Miseensota Koree Mirga Namummaa Mootummoota Gamtoomanii (CCPR) keessaa 15 Kirgistaan naannoo biyyichaa saditti mirga buʼuuraa Dhugaa Baatonni Yihowaa waaqeffachuuf qaban sarbuu ishiitti ishii balaaleffataniiru. Koreen CCPR kun murtoo fuula torbaa baase irratti Kirgistaan Dhugaa Baatotaaf “beenyaa gaʼaa akka kaffaltu”, akkasumas “fuulduratti gochi wal fakkaatu akka hin mudanne dhorkuuf, tarkaanfii barbaachisaa hunda akka fudhattu” ajajeera. Koreen CCPR Kirgistaan mirga Dhugaa Baatotaa sarbuu ishiitti yeroo ishii balaaleffatu kun yeroo lammaffaa dha.

Kirgistaanitti gareen Dhugaa Baatota Yihowaa warri jalqabaa sadarkaa hawaasaatti kan galmeeffaman bara 1993⁠tti yeroo taʼu, sadarkaa biyyaatti immoo bara 1998 eegalee galmeeffamaniiru. Kanaafuu, Dhugaa Baatonni biyyichatti waggoota kudhaniin lakkaaʼamaniif bilisummaadhaan waaqeffachaa turaniiru. Haa taʼu malee, Koreen Dhimma Amantii Biyyichaa (SCRA) waggaa kudhanii oliif, Dhugaa Baatota Yihowaa naannoo kibba biyyichaa, jechuunis naannoo Oosh, Naryinii fi Jalaal-Abaaditti argaman galmeessuu dideera. Obboloonni naannichaa, irra deddeebiʼanii iyyata kan galchan yoo taʼe illee iyyata isaanii fudhachuu dideera. Ejjennoon SCRA fudhate kun obboloonnii fi obboleettonni naannoo sana jiran, wanta amantiin isaanii ajaju akka hin raawwanne, walgaʼii amantii fi walgaʼii guguddaa akka hin godhanne, akkasumas bakka waaqeffannaa mataa isaanii akka hin qabaanne ykn hin fayyadamne kan dhorku dha. Kanaafuu koreen CCPR Kirgistaan sababa amantii isaaniitiin Dhugaa Baatota Yihowaa naannoo sadan kana jiran irratti jalʼina akka raawwate murteesseera.

Koreen CCPR qondaaltonni Kirgistaan “fuulduratti balleessaan akkasii akka hin mudanne dhowwuuf wanta barbaachisu hunda akka godhan” isaan irraa eega. Kirgistaan carraaqqii murtoo kana hojii irra oolchuuf goote CCPRitti akka beeksistu guyyaan 180 kennameeraaf.

Qondaaltonni Kirgistaan murtoo koree CCPR kana fudhatanii hojii irra oolchuudhaan obboloonnii fi obboleettonni naannoowwan kana jiraatan wanta amantiin isaanii ajaju akka raawwatan heyyamuu isaanii ilaalchisee wanta beeknu hin qabnu. Haa taʼu malee, hayyoonni mirga namummaa dhaabbata Forum 18 jedhamu keessa jiran dhimma kana hordofaa jiru, akkasumas SCRA “murtoo wal fakkaataa Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii bara 2019tti dabarse” hojii irra oolchuu akka dide gabaasaniiru.

Kirgistaan ajaja UN hojii irra oolchus oolchuu baatus, Yihowaan haala obboloonnii fi obboleettonni Kirgistaan jiran keessatti argaman akka beeku shakkii hin qabnu. (Faarfannaa 37:18) Abbaan keenya inni samii jaalala qabeessa taʼe, amanamummaa fi ija jabina isaan argisiisan eebbisuu isaa itti fufa.—Faarfannaa 37:28.