Dhimma ijoo ta'etti seeni

Bitaadhaa gara mirgaatti: Obboleettota keenya Yekaatarinaa Olisheeviskaayaa, Kiristiinaa Gooliik, Vaaleentinaa Yermiiloovaa fi Maariyaa Miyaasniikoovaa

GURAANDHALA 9, 2024
RAASHIYAA

Haala Sodaachisaa Amantiidhaan Moʼuu

Haala Sodaachisaa Amantiidhaan Moʼuu

Manni Murtii Magaalaa Bilaagoovesheeniskii Naannoo Amuur dhimma obboleettota keenya Kiristiinaa Gooliik, Yekaatarinaa Olisheeviskaayaa, Maariyaa Miyaasniikoovaa fi Vaalantiinaa Yermiiloovaa irratti dhiheenyatti murtoo kenna jedhamee eegama. Abbaan alangaa hanga ammaatti wanta obboleessa keenyarratti akka murteeffamu barbaadu hin beeksisne.

Chaartii Yeroo

Yihowaatti amanamuu ilaalchisee fakkeenya obboleettonni kun nuuf taʼaniif baayʼee isa galateeffanna. Yihowaan isaan gargaaruu isaa fi baayʼee isaan eebbisuu isaa akka itti fufuu ni amanna.—Faarfannaa 27:3.

Chaartii Yeroo

  1. Adoolessa 20, 2018

    Manneen isaanii sakattaʼamaniiru

  2. Adoolessa 22, 2021

    Obboleettota arfanuu irratti himanni yakkaa dhihaateera

  3. Adoolessa 27, 2021

    Kiristiinaa fi Maariyaan imala akka hin goone ni dhorkaman

  4. Hagayya 3, 2021

    Yekaatarinaan imala akka hin goone ni dhorkamte

  5. Hagayya 4, 2021

    Vaalantiinaan imala akka hin goone ni dhorkamte

  6. Caamsaa 26, 2023

    Himanni yakkaa isaan irratti dhihaate mana murtiitti ilaalamuu jalqabe