Dhimma ijoo ta'etti seeni

Daaraa fi aara sababa volkaanoo Laa Suufriyer jedhamuu fi Seenti Viinsenti keessatti dhoʼeen uumame

EBLA 28, 2021
YUNAAYITID ISTEETIS

Kaariibiyaanitti Dhoʼinsa Volkaanootiin kan Kaʼe Namoonni Naannoo Jireenyaa Isaaniitii Buqqaʼaniiru

Kaariibiyaanitti Dhoʼinsa Volkaanootiin kan Kaʼe Namoonni Naannoo Jireenyaa Isaaniitii Buqqaʼaniiru

Iddoo

Kutaawwan Seenti Viinsentii fi Baarbaados

Balaa

  • Ebla 9, 2021⁠tti volkaanoon Laa Suufriyer jedhamu waan dhoʼeef naannoon isaa daaraa fi aaraan guutame

  • Daaraa cimaan sababa kanaan uumame gamoowwan akka jijjiganii fi humni ibsaa akka mancaʼu waan godheef hanqina bishaan dhugaatii geessiseera

  • Dhoʼinsi volkaanoo kun guyyoota hedduudhaaf daaraa fi aaraa maddisiisuu isaa akka itti fufu eegama

Miidhaa obbolootaa fi obboleettota irra gaʼe

  • Seenti Viinsentii fi Baarbaadositti babalʼistoonni 185 naannoo jireenyaa isaaniitii buqqaʼaniiru

Miidhaa qabeenya irra gaʼe

  • Kaaba Seenti Viinsentitti naannoo miidhaa cimaan irra gaʼe amma iyyuu bira gaʼuun waan hin dandaʼamneef, midhaan hammamii akka gaʼe ragaa guutuun hin argamne

Hojii gargaarsaa

  • Obboloonni naannoo isaaniitii buqqaʼan, Seenti Viinsentii fi odolawwan naannoo sana jiranitti manneen Dhugaa Baatota Yihowaa naannoo balaa irraa walaba taʼe keessatti argaman buufataniiru; hundi isaanii iyyuu seera Kooviid 19 irraa of eeguuf jecha kenname of eeggannoodhaan hordofu

  • Koreen Hojii Gargaarsaa Kooviid 19 naannichaa gargaarsa akka godhu ramadame. Koreen kun bishaan dhugaatii dhiheessuu fi yeroo naannoo isaaniitii buqaʼanitti gargaarsa gochuuf ilaaltota ol aanaa aanaa fi jaarsolii gumii naannichaa wajjin hojjechaa jira

  • Abbootiin taayitaa Seenti Viinsentii fi Seenti Luuchiyaa jiranis gargaarsa barbaachisu godhaniiru

Obboleessi maanguddoon qaro dhabeessa taʼee fi naannoo balaan gaʼe keessa jiraatu tokko dhoʼinsi volkaanoo sun uumamuu isaa dura obboloonni achii isa baasaniiru. Obboloonni kun gara naannoo balaa irraa walaba taʼetti utuu deemaa jiranii jeequmsa yeroo namoonni gara daandiiwwanitti fiiganitti ture arganiiru. Kan nama gammachiisu, babalʼistoonni hundi nagaadhaan iddoo buufatan gaʼaniiru.

Obboloonni hojii gargaarsaa irratti hirmaatan fakkeenya Waaqa keenyaa isa ‘yeroo dhiphinaatti salphaatti isa biraa gargaarsi argamuu’ hordofuudhaan obboloonni keenya iddoo buufatanii fi jajjabina akka argatan gochuu isaaniitti baayʼee gammanna.—Faarfannaa 46:1-3.