Dhimma ijoo ta'etti seeni

Dhumni Addunyaa Yoomi?

Dhumni Addunyaa Yoomi?

Deebii Kitaaba Qulqulluu

 Dhumni addunyaa yoom akka taʼe beekuuf, Kitaabni Qulqulluun jecha “addunyaa” jedhutti akkamitti akka fayyadamu beekuun barbaachisaa dha. Jechi afaan Giriikii koosmos jedhuu fi yeroo baayʼee “addunyaa” jedhamee hiikamu, baayʼinaan addunyaa ilmaan namootaa, keessattuu kutaa isa Waaqayyoo fi fedha isaa wajjin wal hin simne argisiisa. (Yohaannis 15:18, 19; 2 Pheexiros 2:5.) Yeroo tokko tokko immoo, jechi koosmos jedhu kun sirna hawaasa ilmaan namootaa argisiisa.—1 Qorontos 7:31; 1 Yohaannis 2:15, 16. a

“Dhumni addunyaa” maali dha?

 Gaaleen “dhuma addunyaa” jedhu hiikkaawwan Kitaaba Qulqulluu hedduu keessatti kan itti hojjetame siʼa taʼu, “dhuma sirna kanaa” ykn “dhuma barichaa” jedhamees hiikamuu ni dandaʼa. (Maatewos 24:3) Kun lafti akka baddu ykn namoonni guutummaatti akka badan kan argisiisu utuu hin taʼin, sirni hawaasa ilmaan namootaa akka badu kan argisiisu dha.—1 Yohaannis 2:17.

 Kitaabni Qulqulluun, namoonni gaariin lafa irra gammachuudhaan jiraachuu akka dandaʼaniif, ‘warri jalʼoonni lafa irraa akka balleeffaman’ ni barsiisa. (Faarfannaa 37:9-11) Badiisni kun kan raawwatamu yeroo ‘rakkina guddaa’ isa waraana Armaagedooniin xumuramutti dha.—Maatewos 24:21, 22; Mulʼata 16:14, 16.

Dhumni addunyaa yoomi?

 Yesuus, “Waaʼee guyyaa sanaa fi saʼaatii sanaa, Abbaa qofa malee kan beeku tokko illee hin jiru; maleekonni samiis taʼan Ilmi hin beekan” jedheera. (Maatewos 24:36, 42) Itti dabalees, ‘Saʼaatii isin ni dhufa jettanii hin yaadnetti dhufa’ jechuudhaan dhumni addunyaa kan dhufu yeroo hin eegamnetti akka taʼe ibseera.—Maatewos 24:44.

 Nuti guyyaa sanaa fi saʼaatii sana beekuu kan hin dandeenye taʼus, Yesuus “mallattoo” ykn taʼeewwan gara dhuma addunyaatti dhihaachaa akka jirru argisiisan nuuf kenneera. (Maatewos 24:3, 7-14) Kitaabni Qulqulluun yeroo kana “bara isa dhumaa” fi “guyyoota dhumaa” jechuudhaan ibsa.—Daaniʼel 12:4; 2 Ximotewos 3:1-5.

Dhuma addunyaa booda wanti hafu jiraa?

 Eeyyee. Kitaabni Qulqulluun, “[Lafti] yeroo hundumaa baruma baraan iddoo isaatii hin butatu” waan jedhuuf lafti hin baddu. (Faarfannaa 104:5) Akkuma Kitaabni Qulqulluun, “Warri qajeeloon lafa ni dhaalu, bara baraafis keessa ni jiraatu” jechuudhaan waadaa galetti lafti namootaan guutama. (Faarfannaa 37:29, Hiika Addunyaa Haaraa) Waaqayyo kaayyoo isaa isa jalqabaa ni raawwata:

a Jechi afaan Giriikii ayoon jedhus Kitaabota Qulqulluu tokko tokko keessatti “addunyaa” jedhamee hiikameera. Karaa kanaan yeroo itti hojjetamu, jechi ayoon jedhu hiika jechi koosmos jedhu qabuu wajjin wal fakkaatu kan qabu siʼa taʼu, kunis sirna hawaasa ilmaan namootaa argisiisa.