Dhimma ijoo ta'etti seeni

Kitaaba Qulqulluu

Maddaa fi Dhugaa Ta'uu Isaa

Kitaabni Qulqulluun Maali dha?

Ergaa Waaqayyoo isa baayʼee dinqisiisaa taʼee fi dubbii Waaqayyoo jedhamu dubbisuu eegali.

Kitaabni Qulqulluun Kitaaba Ogummaa Namootaa Irratti Hundaaʼe Dhaa?

Kitaabni Qulqulluun waaʼee ofii isaa maal akka jedhu hubadhu.

Kitaabni Qulqulluun Yaada Waaqayyoo kan Qabate Dhaa?

Barreessitoonni Kitaaba Qulqulluu hedduun wanti barreessan Waaqayyo biraa akka dhufe dubbataniiru. Maaliifi?

Kitaabni Qulqulluun Jijjiirameeraa Yookiin Faalameeraa?

Kitaabni Qulqulluun kitaaba bara durii taʼus, ergaan isaa sirriitti eegamee akka nu bira gaʼe akkamitti mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya?

Waaqayyo Hawaa Uumuu kan Jalqabe Yoomi?

Deebii isaa jechoota Seera Uumamaa keessatti “jalqabatti” fi “guyyaa” jedhan irraa arganna.

Saayinsiin Kitaaba Qulqulluu Wajjin Wal Simaa?

Yaanni Kitaaba Qulqulluu akka saayinsiitti dogoggora taʼe jiraa?

Kitaabni Qulqulluun Kitaaba Faranjootaatii?

Namoonni Kitaaba Qulqulluu barreessan eessatti dhalatan? Kutaa addunyaa isa kam irraa dhufan?

Kitaaba Qulqulluu Dubbisuu fi Hubachuu

Tarkaanfiiwwan Yaada Kitaaba Qulqulluu Hubachuuf Barbaachisan Kam Faʼi?

Ergaa isaa isa faayidaa guddaa qabu hubachuu ni dandeessa.

Kitaabni Qulqulluun Wal Faallessaa?

Yaadawwan Kitaabni Qulqulluun kan wal faallessan fakkeessanii fi qabxiiwwan hiikawwan isaanii ifa akka siif taʼan gargaaran.

Dubbiin Waaqayyoo Eenyuun ykn Maal Argisiisa?

Akkuma Kitaaba Qulqulluu keessatti ibsametti jechi kun hiika tokkoo ol qaba.

‘Qooda Ijaa Ija’ Jechuun Maal Jechuu Dha?

Seerri ‘qooda ijaa ija’ jedhu namni tokko haqa argachuuf ofuma isaatiin haaloo akka baʼu kan jajjabeessaa?

Akka Nama Samaariyaa Sanaa Gaarii Taʼuu Jechuun Maal Jechuu Dha?

Yesuus seenaa kana akkaataan guddinaa, sanyiin ykn lammiin isaanii maali iyyuu yoo taʼe akkamitti namoota kunuunsuu akka qaban karaa buʼa qabeessa taʼeen barsiisuuf itti fayyadameera.

Tooraan Maali Dha?

Eenyutu barreesse? Barumsawwan achi keessa jiran bara baraaf kan itti fufani dhaa?

Raajii fi Fakkeenya

Raajiin Maali?

Raajiiwwan Waaqayyo biraa dhufan hundi waaʼee gara fuulduraa dubbatuu? Yeroo hunda akkas taʼa jechuu miti.

Kitaaba Qulqulluu Keessatti Lakkoofsonni Hiika Maalii Qabu? Numeroloojiin Deggersa Kitaaba Qulqulluu Qabaa?

Kitaaba Qulqulluu Keessatti Lakkoofsonni Hiika Maalii Qabu? Numeroloojiin Deggersa Kitaaba Qulqulluu Qabaa?

Bara 1914 Ilaalchisee Lakkoofsi Baraa Kitaaba Qulqulluu Maal Ibsa?

Raajiin Daaniʼel boqonnaa 4 irratti ‘bara torba’ ilaalchisee dubbatame bulchiinsa ilmaan namootaatiif yeroo murteessaa akka taʼe argisiisa.

“Alfaa fi Omeegaa” kan Jedhame Eenyu Yookiin Maali Dha?

Mata duree kana kaasuun barbaachisaa kan taʼe maaliifi?

Yerusaalem Ishii Haaraan Maal Argisiisti?

Magaalaan adda taate kun dhiibbaa akkamii si irratti geessisti?

Bineensi Diimaan Mulʼata Boqonnaa 17 Irratti Ibsame Maali Dha?

Bineensi sodaachisaan kun maal akka taʼe beekuuf qabxiiwwan gargaaran jaʼa jiru.

Jaʼa Jaatamii Jaʼa Jechuun Maal Jechuu Dha?

Kitaabni Qulqulluun lakkoofsi 666 fi mallattoon bineensichaa hiika maalii akka qabu ni ibsa.

Baabilon Guddittiin Eenyu Dha?

Kitaabni Qulqulluun ishiin gaalamootaa fi magaalaa akka taaʼe ibsa.

Haroon Ibiddaa Maali Dha? Siʼool ykn Gahaannam Wajjin Tokkoo?

Yesuus ‘furtuu siʼool’ qaba, furtuu haroo ibiddaa garuu qabaa?

Namichi Sooressii fi Alaazaar Eenyu Dha?

Fakkeenyi Yesuus namoonni gaariin samii akka dhaqan, namoonni hamoon immoo ibidda qililleetti akka dhiphatan argisiisaa?

Xumura Addunyaa

Mallattoon “Guyyoota” ykn “Bara Dhumaa” Maalidha?

Kitaabni Qulqulluun wantoota guyyoota dhumaa keessa akka jirru mirkaneessan dursee dubbateera.

Kitaabni Qulqulluun Wanta Namoonni Yeroo Harʼaa Jiran Yaadanii fi Godhan Raajii Dubbateera?

Amalli namootaa jijjiiramee hamaa akka taʼu Kitaabni Qulqulluun raajii dubbateera.

Rakkinni Guddaan Maali Dha?

‘Raajiiwwan yeroo dhumaa’ jedhaman yeroon ilmaan namootaa rakkina hunda irra caalu itti argan akka dhufu dubbatu. Yeroo kanatti maaltu akka raawwatamu eeguu dandeenya?

Waraanni Armaagedoon Maali Dha?

Jechi Armaagedoon jedhu Kitaaba Qulqulluu keessatti iddoo tokko qofatti argama, taʼus waaʼeen waraana kanaa Kitaaba Qulqulluu keessatti iddoo baayʼeetti ibsameera.

Lafti ni Balleeffamtii Laata?

Tarii wanti Kitaabni Qulqulluun jedhu si dinqisiisa taʼa.

Dhumni Addunyaa Yoomi?

Kitaabni Qulqulluun yericha adda baasee ni ibsaa?

Mootummaan Waaqayyoo Maal Raawwata?

Yeroo bulchiinsi Waaqayyoo lafa bulchu maal eeggachuu akka dandeessu baradhu.

Namoota, Iddoowwanii fi Wantoota

Dubartoota Kitaaba Qulqulluu Keessatti Ibsaman Irraa Maal Baranna?

Dubartoota gaarii fi dubartoota baayʼee hamoo Kitaaba Qulqulluu keessatti ibsaman wal bira qabii ilaali.

Maariyaam Haadha Waaqayyoo Tii?

Kitaabni Qulqulluunis taʼe seenaan Kiristiyaanummaa barumsa amantii kana ilaalchisee deebii ifa taʼe nuuf kenna.

Durbee Maariyaam Ilaalchisee Kitaabni Qulqulluun Maal Jedha?

Namoonni tokko tokko Yesuus durba irraa dhalachuun isaa Maariyaam gadaamessa haadha ishii keessatti iyyuu mudaa akka hin qabne argisiisa jedhu. Kitaabni Qulqulluun barumsa kana ni deeggaraa?

Yohaannis Cuuphaan Eenyu Dha?

Ergaan inni raajiidhaan dubbate Yihudoonni sanyii isaa taʼan Masiihicha abdachiifameef garaa isaanii qopheesseera.

Maariyaam Magdalaan Eenyu?

Wantoonni beekamoon waaʼee ishii ibsan tokko tokko deggersa Kitaaba Qulqulluu hin qaban.

“Namoonni Ogeeyyiin Sadan” Eenyufaa Turan? Namoonni Kun “Urjii” Beetaliheem Hordofaniiruu?

Jechoonni Ayyaana Qillee wajjin wal qabatee ibsaman hedduun Kitaaba Qulqulluu keessatti hin argaman.

Kitaabni Qulqulluun Waaʼee Daaniʼel Maal Jedha?

Waaqayyo wantoota yeroo ammaatti ija keenyaan argaa jirru mulʼataan isatti argisiiseera.

Haati Manaa Qaayin Eenyu Turte?

Caqasawwan Kitaaba Qulqulluu keessatti ibsaman gaaffii kanaaf deebii quubsaa kennu.

Saanduqni ykn Taabonni Kakuu Maali Dha?

Waaqayyo sabni Israaʼel warri durii miʼa kana akka tolchan ajajeera. Kaayyoon isaa maali dha?

Waaqayyo Lubbu Qabeeyyii Garaagaraa Uumuuf Jijjiirama Tirannaatti Fayyadameeraa?

Yaadni Kitaaba Qulqulluu kam iyyuu, qorannaa saayinsii, qomoo lubbu qabeeyyii hunda keessatti garaa garummaan akka uumamu ibsu wajjin wal hin faallessu.

Naamusa Hojii Irra Oolu

Kitaabni Qulquluun Maatii Gammachuu Qabu Akkan Qabaadhu Na Gargaaruu Dandaʼaa?

Gorsawwan gaariin Kitaaba Qulqulluu irratti hundaaʼan namoonni miliyoonaan lakkaaʼaman maatii gammachuu qabu akka qabaatan gargaaraniiru.

Kitaabni Qulqulluun Michummaa Ilaalchisee Maal Jedha?

Michoonni gaariin walii isaanii irratti dhiibbaa gaarii gochuu fi namoota gaarii akka taʼan wal gargaaruu dandaʼu. Michoota kee of eeggannaadhaan filadhu!

Seera Beekamaa Taʼe kan Jedhame Isa Kami Dha?

Yesuus seera kana kan kenne, walumaa galatti namoota akkamitti akka qabnu qofa utuu hin taʼin diinota keenya illee akkamitti qabuu akka qabnu yeroo dubbatetti dha.

‘Diinota Keenya Jaallachuu’ Jechuun Maal Jechuudha?

Yaada Yesuus dubbatee fi hiika guddaa qabu hojiirra oolchuun baayʼee ulfaataadha.

Murtoo Gaarii Gochuu Kanan Dandaʼu Akkamitti?

Yaadawwan qajeelfama Kitaaba Qulqulluu irratti hundaaʼan jaʼaa fi ogummaa fi hubannaa argachuuf si gargaaruu dandaʼan.

Abdii Eessaan Argachuu Dandaʼa?

Maddi amansiisaan jireenya kee fooyyessuu fi abdii amansiisaa siif kennuu dandaʼa.

Maallaqni Hundee Wantoota Miidhaa Geessisan Hundumaa Tii?

Yaanni ‘Maallaqni hundee wantoota miidhaa geessisan hundumaa ti’ jedhuu fi Kitaaba Qulqulluu irraa akka fudhatame dubbatamu yaada guutuu kan qabate miti.

Rakkina Qarshii fi Liqii—Kitaabni Qulqulluun Si Gargaaruu ni Dandaʼaa?

Qarshiin gammachuu bituu hin dandaʼu, qajeelfamawwan Kitaaba Qulqulluu afur gama qarshiitiin si gargaaruu dandaʼan.

Dhukkuba Yeroo Dheeraadhaaf Turu yoo Qabaatte Kitaabni Qulqulluun Si Gargaaruu Dandaʼaa?

Eeyyee! Qabxiiwwan sadan dhibee cimaa dandamachuuf si gargaaran ilaali.

Yeroon Dhiphadhu Kitaabni Qulqulluun Na Gargaaruu ni Dandaʼaa?

Wantoota Waaqayyo dhiphina nutti dhagaʼamu akka dandamannu gargaaruuf arjummaadhaan kennu sadii.

Jireenya Kootti Gammachuu hin Qabu—Gama Kanaan Amantiin, Waaqayyo ykn Kitaaba Qulqulluu Na Gargaaruu Dandaʼaa?

Waaqayyoo wajjin hariiroo uumuun jireenya kee ammaas taʼe gara fuulduraa fooyyessuu kan dandaʼu akkamitti akka taʼe baradhu.