Dhimma ijoo ta'etti seeni

Haati Manaa Qaayin Eenyu Turte?

Haati Manaa Qaayin Eenyu Turte?

Deebii Kitaaba Qulqulluu

 Qaayin ilma hangafaa Addaamii fi Hewaan siʼa taʼu, obboleettii isaa ykn firoota isaanii dhihoo taʼan keessaa tokko fuudheera. Seenaa Kitaaba Qulqulluu waaʼee Qaayinii fi maatii isaa qoruudhaan xumura kana irra gaʼuun ni dandaʼama.

Qaayinii fi maatii isaa ilaalchisee dhugaa jiru

  •   Ilmaan namootaa hundi kan argaman karaa Addaamii fi Hewaani dha. Waaqayyo “namoota saba hundumaa nama tokko irraa uumee guutummaa lafaa irra akka jiraatan godhe.” (Hojii Ergamootaa 17:26) Haati manaa Addaam Hewaanis, “haadha warra jiraatan hundumaa” taate. (Uumama 3:20) Kanaaf, Qaayin dubartii akkuma isaa sanyii Addaamii fi Hewaan taate fuudhee taʼuu qaba.

  •   Qaayinii fi obboleessi isaa Abeel ijoollee Hewaan deesse keessaa isaan jalqabaa ti. (Uumama 4:1, 2) Qaayin obboleessa isaa ajjeesuu isaatiin kan kaʼe jooraa taʼee akka jiraatu yeroo isatti himamu, “namni na arge hundinuus ana in ajjeesa” jedhee gungumee ture. (Uumama 4:14) Qaayin kan sodaate eenyu ture? Kitaabni Qulqulluun, Addaam “ilmaanii fi intaloota biraas in godhate” jedha. (Uumama 5:4) Haala isaa irraa hubachuun akka dandaʼamutti, ijoolleen Addaamii fi Hewaan kan biroon isa yaaddessanii taʼuu dandaʼa.

  •   Seenaa ilmaan namootaa gara jalqabaatti firootaa wajjin gaaʼela godhachuun baramaa ture. Fakkeenyaaf Abrahaam inni nama amanamaa ture kan fuudhe intala abbaa isaa ture. (Uumama 20:12) Seerri gaaʼela akkasii akka dhowwame yeroo jalqabaatiif kan ibsame Seera Musee keessatti, jechuunis Qaayin erga duʼee jaarraawwan hedduu booda dha. (Lewwoota 18:9, 12, 13) Yeroo sanatti ijoolleen namoonni fira dhiigaa taʼan godhatan akka yeroo ammaa dhibeen fayyaa sanyiidhaan darbu kan isaan mudatu hin fakkaatu.

  •   Kitaabni Qulqulluun waaʼee seenaa Addaamii fi Hewaan, akkasumas waaʼee maatii isaanii dubbatu dhugaa dha. Hiddi dhalootaa gara Addaamitti geessu kan ibsame kitaaba Seera Uumamaa isa Museen barreesse keessatti qofa utuu hin taʼin, kitaabota Izraa fi Luqaas warra seenaa barreessan keessattis ni argama. (Uumama 5:3-5; 1 Seenaa 1:1-4; Luqaas 3:38) Seenaan waaʼee Qaayin ibsu dhugaa waan taʼeef, barreessitoonni Kitaaba Qulqulluu kaanis waaʼee isaa barreessaniiru.—Ibroota 11:4; 1 Yohaannis 3:12; Yihudaa 11.