Dhimma ijoo ta'etti seeni

Tooraan Maali Dha?

Tooraan Maali Dha?

Deebii Kitaaba Qulqulluu

 Jechi Ingiliffaa “Tooraa” jedhu jecha Afaan Ibrootaa toohraa jedhu irraa kan fudhatame yeroo taʼu, jechi kun “qajeelfama,” “barsiisa” ykn “seera” jedhamee hiikamuu dandaʼa. a (Fakkeenya 1:8; 3:1; 28:4) Fakkeenyonni kanatti aananii jiran jechi Afaan Ibrootaa kun Kitaaba Qulqulluu keessatti akkamitti akka itti hojjetame argisiisu.

  •   Jechi Tooraa jedhu yeroo baayʼee kitaabota Kitaaba Qulqulluu jalqabaa shanan jechuunis, Uumama, Baʼuu, Lewwoota, Lakkoobsaa fi Keessa Deebii kan argisiisu dha. Kitaabonni kun Pentaatuk jedhamaniis kan waamaman yeroo taʼu, kun immoo jecha Afaan Giriikii hiika “jildii shan” jedhu qabu irraa kan argame dha. Tooraa kan barreesse Musee waan taʼeef, “macaafa seera Musee” jedhameera. (Iyaasuu 8:31; Nahimiyaa 8:1) Haala isaa irraa hubachuun akka dandaʼamutti, jalqaba irratti kitaaba tokko kan ture yeroo taʼu, booda garuu salphaatti qabatamuu akka dandaʼuuf hihirameera.

  •   Jechi Tooraa jedhu seerawwan Israaʼeliif kennaman tokko tokko argisiisuufis itti hojjetameera; fakkeenyaaf, ‘seera [tooraa] aarsaa cubbuu’ “seera dhukkuba lamxii,” akkasumas ‘seera nama addaan of baasuu’ argisiisuuf itti hojjetameera.—Lewwoota 6:25; 14:57; Lakkoobsa 6:13.

  •   Tooraan yeroo tokko tokko qajeelfamaa fi barumsa warra irraa, ogeeyyii irraa ykn Waaqayyo irraa argamu kan argisiisu taʼuu dandaʼa.—Fakkeenya 1:8; 3:1; 13:14; Isaayaas 2:3.

Tooraa ykn Pentaatuk keessa kan jiru maali dha?

  •   Seenaa bara uumamaatii jalqabee hamma yeroo Museen duʼeetti walitti dhufeenya Waaqayyo namootaa wajjin qabu kan argisiisu dha.—Uumama 1:27, 28; Keessa Deebii 34:5.

  •   Dambiiwwan Seera Musee keessatti argaman. (Baʼuu 24:3) Seerichi dambiiwwan 600 ol kan qabate dha. Isaan keessaa inni hunda irra caalu Shiimaa yeroo taʼu, Shiimaan haala Yihudoonni amantii isaanii itti ibsani dha. Yaanni Shiimaa tokko, “Waaqayyoon gooftaa kee garaa kee guutuudhaan, humna kee guutuudhaanis jaalladhu” jedha. (Keessa Deebii 5:4-9) Yesuus seera kana, “ajaja isa hunda irra caaluu fi isa duraa ti” jechuudhaan ibseera.—Maatewos 22:36-38.

  •   Tooraa keessatti maqaan Waaqayyoo inni Yihowaa jedhu gara siʼa 1,800 argama. Tooraan maqaa Waaqayyootti fayyadamuu dhowwuu mannaa, sabni Waaqayyoo maqaa kana akka waaman ajaja.Lakkoobsa 6:22-27; Keessa Deebii 6:13; 10:8; 21:5.

Tooraa ilaalchisee yaada dogoggoraa jiru

 Yaada dogoggoraa: Seerawwan Tooraa bara baraaf kan itti fufanii fi matumaa dhiifamuu kan hin dandeenye dha.

 Dhugaa jiru: Hiikkaawwan Kitaaba Qulqulluu tokko tokko guyyaa Sanbataa, tajaajila lubummaa fi Guyyaa Araaraa dabalatee dambiiwwan Tooraa tokko tokko ‘bara baraaf’ akka itti fufan godhanii hiikaniiru. (Baʼuu 31:16; 40:15; Lewwoota 16:33, 34) Haa taʼu malee, jechi Afaan Ibrootaa caqasawwan kana keessatti itti hojjetame dirqama bara baraaf jechuu utuu hin taʼin, yeroo hin murtoofneef kan itti fufu jechuus taʼuu dandaʼa. b Kakuun Seera Musee gara waggoota 900tiif hojii irra erga oolee booda, Waaqayyo ‘kakuu haaraadhaan’ akka bakka buusu raajii dubbateera. (Ermiyaas 31:31-33) Waaqayyo, “‘kakuu haaraa’ yommuu jedhu inni duraa sun yeroon kan itti darbe akka taʼu godheera.” (Ibroota 8:7-13) Seerri kun gara waggaa 2000 dura duʼa Yesuus Kiristoos irratti hundaaʼuudhaan bakka buufameera.—Efesoon 2:15.

 Yaada dogoggoraa: Oduun durii Yihudootaa fi Taalmuud, Tooraa isa barreeffamaan jiruu wajjin wal qixa fudhatama qabu.

 Dhugaan jiru: Ragaan Kitaaba Qulqulluu Waaqayyo Museedhaaf Tooraa isa barreeffamaan jiruu wajjin seera afaaniin dubbatamu akka kenne ibsu hin jiru. Kanaa mannaa Kitaabni Qulqulluun, “Waaqayyo ammas Museedhaan, ‘Dubbii . . . kana akkuma inni jirutti caaffadhu!’ jedhe” jedha. (Baʼuu 34:27) Seerri afaaniin kennamee fi yeroo booda barreeffame inni Mishnaa jedhamuu fi dhuma irratti immoo gara Taalmuuditti guddate, aadaawwan Yihudootaa Fariisonni jalqaban kan qabate dha. Aadaawwan kun yeroo baayʼee Tooraa wajjin wal hin siman. Kanaan kan kaʼes Yesuus Fariisotaan, “Aadaa keessaniif jettanii dubbii Waaqayyoo gatii dhabsiistaniittu” jedheera.—Maatewos 15:1-9.

 Yaada dogoggoraa: Dubartoonni Tooraa barachuu hin qaban.

 Dhugaan jiru: Seerri Musee guutummaan Seerichaa dubartootaa fi ijoollee dabalatee saba Israaʼel hundumaatiif akka dubbifamu ajaja. Maaliif? “Waaqayyo gooftaa [isaanii] dhaga’uu fi isa sodaachuu akka baranii fi dubbii abboommii isaa kana hundumaas gaarii godhanii akka [eeganiifi].”—Keessa Deebii 31:10-12. c

 Yaada dogoggoraa: Tooraan ergaa dhokataa qabateera.

 Dhugaan jiru: Museen inni Tooraa barreesse, ergaan isaa ifaa fi namni hundi argachuu kan dandaʼu malee, seera dhoksaa akka hin taane dubbateera. (Keessa Deebii 30:11-14) Tooraa keessa ergaan dhokataan jira yaanni jedhu, Kaabaalaa ykn aadaa Yihudootaa isa iccitii taʼee fi Kitaabota Qulqulluu irratti ibsa kennuuf mala ‘haxxummaadhaan uumametti’ fayyadamu irratti kan hundaaʼe dha. d2 Pheexiros 1:16.

a Maxxansa Lammaffaa kitaaba The Strongest Strong’s Exhaustive Concordance of the Bible jedhamu, yaada seensaa 8451 irraa kutaa, “Baafata Hiika Jechootaa Afaan Ibrootaa fi Afaan Aaraam kan Kakuu Moofaa” jedhu ilaali.

b Kitaaba Theological Wordbook of the Old Testament jedhamu Jildii 2⁠ffaa, fuula 672-673 ilaali.

c Wanta Tooraan barsiisu irraa haala faallaa taʼeen, aadaan Yihudootaa yeroo baayʼee dubartoonni Tooraa akka hin baranne dhowwa. Fakkeenyaaf Mishnaan, Barsiisaan Seerichaa Eliʼeezar ben Haayirkaanas jedhamu akkana jechuu isaa ibseera: “Namni intala isaa Tooraa barsiisu kam iyyuu, akka waan wanta nama saalfachiisu ishii barsiisetti ilaalama.” (Sootaa 3:4) Taalmuudiin Yerusaalemis yaada inni, “Dubbiin Tooraa dubartootatti himamuu mannaa ibiddaan balleeffamu isaa wayya” jechuudhaan dubbate qabateera.—Sootaa 3:19a.

d Fakkeenyaaf, kitaabni Encyclopaedia Judaica jedhamu yaada Kaabaalaan Tooraadhaaf qabu ilaalchisee akkana jedheera: “Tooraan wantoota adda addaa irratti yaada adda addaa kan qabate taʼus, wanta baayʼee adda taʼe hin qabu” jedheera.—Maxxansa lammaffaa, Jildii 11⁠ffaa, fuula 659.