Dhimma ijoo ta'etti seeni

Yerusaalem Ishii Haaraan Maal Argisiisti?

Yerusaalem Ishii Haaraan Maal Argisiisti?

Deebii Kitaaba Qulqulluu

 Maqaan “Yerusaalem Ishii Haaraa” jedhu Kitaaba Qulqulluu keessatti siʼa lama qofa argama; magaalaan fakkeenyaan ibsamte kun, garee duuka buutota Yesuus warra gara samii deemanii isaa wajjin Mootummaa Waaqayyoo irratti bulchan argisiisti. (Mulʼata 3:12; 21:2) Kitaabni Qulqulluun gareen kun misirroo Kiristoos jedhamaniis akka waamaman ibsa.

Qabxiiwwan Yerusaalem Ishii Haaraan maal akka argisiistu hubachuuf nu gargaaran

  1.   Yerusaalem Ishii Haaraan kan argamtu samii irratti dha. Kitaabni Qulqulluun yeroo waaʼee Yerusaalem Ishii Haaraa dubbatu hundatti, magaalattiin samii irraa akka gadi buutuu fi karra magaalattii kan eeganis maleekota akka taʼan ibsa. (Mulʼata 3:12; 21:2, 10, 12) Balʼinni magaalattiis baayʼee guddaa waan taʼeef, magaalattiin lafa irra kan jirtu akka hin taane mirkaneessa. Magaalattiin bifa roga afur kan qabdu siʼa taʼu, balʼinni ishii yommuu safaramus gara “kiiloo meetira 2,220” taʼa. (Mulʼata 21:16) Kanaaf balʼinni magaalattii ol dheerina gara kiiloo meetira 560 taʼa ture.

  2.   Yerusaalem Ishii Haaraan garee duuka buutota Yesuus warra misirroo Kiristoos taʼaniin kan hundeeffamte dha. Yerusaalem Ishii Haaraan “misirrottii ishii haadha manaa Hoolichaa taate” jedhamtee waamamteetti. (Mulʼata 21:9, 10) Ibsa fakkeenyaa kana irratti Hoolichi Yesuus Kiristoosiin kan argisiisu dha. (Yohaannis 1:29; Mulʼata 5:12) ‘Haati manaa Hoolichaa’ ykn misirroon Kiristoos immoo, Kiristiyaanota Yesuusii wajjin gara samii deeman argisiisti. Kitaabni Qulqulluun hariiroo Yesuusii fi Kiristiyaanota gidduu jiru, hariiroo haadha manaa fi abbaan manaa gidduu jiruu wajjin wal fakkeessa. (2 Qorontos 11:2; Efesoon 5:23-25) Kana malees, dhagaawwan buʼuuraa Yerusaalem Ishii Haaraa irratti “maqaawwan 12n ergamoota Hoolichaa 12anii barreeffamanii turan.” (Mulʼata 21:14) Ibsi balʼaan kun Yerusaalem Ishii Haaraan maal akka argisiistu sirriitti beekuuf nu gargaara; sababiin isaas Kiristiyaanonni gara samii deeman, ‘buʼuura ergamootaa fi raajotaa irratti kan ijaaramani’ dha.—Efesoon 2:20.

  3.   Yerusaalem Ishii Haaraan kutaa Mootummaa Waaqayyoo ti. Yerusaalem ishiin durii magaalaa guddittii Israaʼel, bakka Daawit Mootichi, ilmi isaa Solomoonii fi sanyiiwwan isaanii ‘teessoo Waaqayyoo’ irra taaʼanii itti bulchan turte. (1 Seenaa 29:23) Yerusaalem, “mandara qulqullooftuu” jedhamtee waan waamamteef, ishiin bulchiinsa Waaqayyoo karaa mootota hidda dhalootaa Daawitiin bulchamu argisiisti turte. (Nahimiyaa 11:1) Yerusaalem Ishii Haaraan ‘magaalaa qulqulluu’ jedhamtees waamamte, Kiristiyaanota Yesuusii wajjin bulchuuf gara samii deemanii ‘mootota taʼanii lafa bulchan’ irratti kan hundeeffamte dha.—Mulʼata 5:9, 10; 21:2.

  4.   Yerusaalem Ishii Haaraan namoota lafa irra jiraataniif eebba argamsiisti. Yerusaalem Ishii Haaraan “samii keessaa, Waaqayyo biraa yommuu gad buutu” akka argamte ibsameera; kunis Waaqayyo wantoota samiidhaa ala jiran raawwachuuf akka meeshaatti akka ishiitti fayyadamu argisiisa. (Mulʼata 21:2) Ibsi kun Yerusaalem Ishii Haaraa Mootummaa Waaqayyoo wajjin wal ishii fakkeessa; Waaqayyo fedhiin isaa “samii irratti taʼaa akka jiru, akkasuma lafa irrattis” akka taʼu gochuuf mootummaa kanatti fayyadama. (Maatewos 6:10) Eebba Waaqayyo namoota lafa irratti jiraataniif fidu tokko tokko armaan gaditti ibsamaniiru:

    •   Cubbuun ni balleeffama. Yerusaalem Ishii Haaraa keessaa ‘lagni bishaan jireenyaa’ kan yaaʼu siʼa taʼu, “mukeetiin jireenyaa” ‘saboota fayyisuuf gargaaran’ bishaan akka argatan godha. (Mulʼata 22:1, 2) Fayyinni karaa qaamaas taʼe karaa hafuuraa argamu kun cubbuu ni balleessa; akkasumas namoonni jireenya bara baraa, kaayyoo Waaqayyo jalqabaa kaasee ilmaan namootaatiif qabu akka argatan taasisa.—Roomaa 8:21.

    •   Waaqayyoo fi namoota gidduu hariiroo gaariin ni jiraata. Cubbuun Waaqayyoo fi ilmaan namootaa gargar baaseera. (Isaayaas 59:2) Kanaaf cubbuun balleeffamuun isaa raajiin kun guutummaatti akka raawwatamu taasisa: “Dunkaanni Waaqayyoo namootaa wajjin jira; innis isaanii wajjin jiraata; isaanis saba isaa ni taʼu. Waaqayyos ofii isaa isaanii wajjin ni taʼa.”—Mulʼata 21:3.

    •   Rakkinnii fi duuti hin jiraatu. Waaqayyo Mootummaa isaatti fayyadamee, “imimmaan hundumaa ija isaanii irraa ni haqa; duutis kana booda hin jiru; gaddis taʼe iyyi yookiin cinqiin kana booda hin jiru.”—Mulʼata 21:4.