Dhimma ijoo ta'etti seeni

GARGAARSA MAATIIDHAAF TAʼU | IJOOLLEE GUDDISUU

Ijoollee fi Moobaayilii—Kutaa 1: Mucaan Koo Moobaayilii Akka Qabaatu Heyyamuun Qabaa?

Ijoollee fi Moobaayilii—Kutaa 1: Mucaan Koo Moobaayilii Akka Qabaatu Heyyamuun Qabaa?

 Ijoollee hedduun moobaayilii a qabu; baayʼeen isaanii moobaayilii kutaa isaanii keessa yeroo kophaa taʼanitti intarneetii fayyadamuuf isaan dandeessisu qabu. Mucaan kee moobaayilii akka qabaatu heyyamuun rakkina akkamii qabaachuu dandaʼa? Faayidaan isaa hoo maalidha? Guyyaatti heyyamuufii kanan qabu saʼaatii hammamiitiif akka fayyadamudha?

 Wanta beekuu qabdu

 Faayidaasaa

  •   Ijoolleedhaaf nageenya, warraaf immoo nagaa sammuu argamsiisa. Haadha ijoollee lamaa kan taate Bitaaniin, “Addunyaa sodaachisaa keessa jiraanna. Ijoolleen warra isaanii wajjin wal qunnamuun isaanii barbaachisaadha” jetteetti.

     Haati Kaatriin jedhamtu immoo itti dabaluudhaan akkana jetteetti: “Appilikeeshinoota tokko tokkotti fayyadamtee mucaan kee eessa akka jiru ilaaluu ni dandeessa. Konkolaachisaa jira yoo taʼellee saffisa ittiin oofu ilaaluu dandeessa.”

  •   Hojii mana barumsaatiif gargaara. Haati Marii jedhamtu, “Ijoolleen karaa iimeelii ykn ergaa barreeffamaa hojiin manaa isaaniif ergama; barsiisota isaanii wajjinis karuma kanaan wal qunnamuu dandaʼu” jetteetti.

 Miidhaasaa

  •   Yeroo dheeraadhaaf fayyadamuu. Dargaggoonni moobaayilii isaaniitti fayyadamuudhaan guyyaatti saʼaatii dheeraa dabarsu. Dhugaa dubbachuuf, warris hammuma ijoollee isaanii wajjin haasaʼan moobaayilii isaaniitti fayyadamaa dabarsuu dandaʼu. Akkuma hayyuun tokko jedhan maatiiwwan tokko tokko akkuma “keessummoota walitti qabamanii moobaayilii isaanii tuttuqanii” taʼaniiru. b

  •   Poornoogiraafii. Ijoollee umurii waggoota kurnanii keessatti argaman keessaa walakkaadhaa ol kan taʼan jiʼa jiʼaan poornoogiraafii akka ilaalan tilmaamama; kun taʼuun isaa nama hin dinqisiisu; sababiin isaas, kana gochuuf salphaatti moobaayilii isaaniitti fayyadamuu ni dandaʼu. Abbaa ijoollee lamaa kan taʼe Wiiliyaam, “Warri mucaan isaanii moobaayilii akka qabaatu heyyamuudhaan utuu isaanitti hin beekamin mucaan isaanii iddoo kamittiyyuu gosa poornoogiraafii hundumaatiif akka saaxilamu gochuu dandaʼu” jedheera.

  •   Araada. Namoonni baayʼeen moobaayilii isaanii irraa adda baʼuun isaanitti ulfaata. Moobaayilii isaanii yoo argachuu baatan akka dhiphatan, wanta godhan akka wallaalanii fi dhukkubsachuullee akka dandaʼan dubbataniiru. Warri tokko tokko ijoolleen isaanii moobaayilii yeroo fayyadaman naamusa gaarii hin taane akka argisiisan dubbataniiru. Kaarman, “Yeroo tokko tokko ilmi koo yeroon isa haasofsiisuuf jedhu, akkan addaan isa kutu waan hin barbaanneef, ija isaa natti babaasa ykn karaa kabaja hin qabneen naaf deebisa” jetteetti.

  •   Rakkina kan biraa. Ijoolleen moobaayilii fayyadaman ergaa miira isaanii miidhuu fi ergaa naamusaan ala taʼeef saaxilamuu dandaʼu; saʼaatii dheeraadhaaf fayyadamuu ykn hirriiba dhabuu isaaniitiin kan kaʼes rakkinni fayyaa isaan mudachuu dandaʼa. Dargaggoonni tokko tokko wanta warri isaanii akka hin argine barbaadan dhoksuuf appilikeeshinii kan akka kaalkuleetarii fakkaattutti fayyadamu.

     Abbaa shamarree takkaa kan taʼe Daaniʼel, “Moobaayiliin foddaa intarneetii wanta gaariis taʼe wanta gadhee wantoota intarneetii irratti baʼan hundumaa banuuf dandeessisu dha” jedheera.

 Wanta gaafachuu qabdu

  •   ‘Mucaa koo moobaayiliin isa barbaachisaa?’

     Kitaabni Qulqulluun, “Namni abshaalli . . . tarkaanfii isaa hundumaa irratti xiinxala” jedha. (Fakkeenya 14:15) Kana sammuutti qabachuudhaan akkana jedhii of gaafadhu:

     ‘Nageenya isaatiif jecha ykn dhimma kan biraatiin kan kaʼe mucaan koo moobaayilii akka qabaatu gochuun sirriidhaa? Faayidaa fi miidhaasaa irratti of eeggannoodhaan yaadeeraa? Moobaayilii isaaf kennuurra wantin gochuu dandaʼu kan biraan jiraa?’

     Abbaan Tood jedhamu, “Moobaayiliin intarneetii hin hojjennee fi ijoollee keetiif ergaa erguu fi ittiin bilbiluu dandeessus jira. Maallaqa hedduus ni qusatta” jedheera.

  •   ‘Mucaan koo itti gaafatamummaa kana fudhachuuf qophaaʼaadhaa?’

     Kitaabni Qulqulluun, “Namni ogeessi garaan isaa daandii sirrii taʼe irra isa buusa” jedha. (Lallaba 10:2) Kana sammuutti qabachuudhaan akkana jedhii of gaafadhu:

     ‘Mucaan koo amanamaa akka taʼe wanti argisiisu jiraa? Iftoominaan ni haasofnaa? Mucaan koo yeroo hundumaa dhugaasaa natti himaa? Fakkeenyaaf, hiriyoonni isaa eenyufaa akka taʼan na dhoksuuf hin yaaluu? Televizyinii, taableetii ykn laabtooppii wajjin haala wal qabateen akka of toʼatu ni argisiisaa?’ Haati Seriinaa jedhamtu akkana jetteetti: “Moobaayiliin faayidaa guddaa kan qabu taʼus, balaa cimaa geessisuu dandaʼa. Mucaan kee muuxannoo waan hin qabneef, itti gaafatamummaa isaaf kennitu irratti yaaduu qabda.”

  •   ‘Ani itti gaafatamummaa kana fudhachuuf qophaaʼaadhaa?’

     Kitaabni Qulqulluun, “Mucaa karaa inni irra deemuu qabu barsiisi” jedha. (Fakkeenya 22:6, miiljalee) Kana sammuutti qabachuudhaan akkana jedhii of gaafadhu:

     ‘Mucaan koo balaa isa mudachuu dandaʼu hubachuu fi akka irraa of eegu gargaaruu akkan dandaʼuuf, ani waaʼee moobaayilii kanaa beekumsa gaʼaa qabaa? Akkaataa moobaayilii isaa itti fayyadamu akka gaariitti toʼachuu nan dandaʼaa? Mucaan koo yeroo moobaayilii isaa fayyadamutti murtoo sirrii akka godhu gargaaruu kanan dandaʼu akkamitti?’ Abbaan Daaniʼel jedhamuu fi olitti caqasame, “Kan nama gaddisiisu, warri tokko tokko mucaa isaaniitiif moobaayilii erga kennanii booda akkamitti akka itti fayyadamu isa hin hordofan” jedheera.

 Qabxii ijoo: Ijoolleen moobaayiliitti yeroo fayyadaman karaa itti gaafatamummaan akka isaanitti dhagaʼamu argisiisuun akka itti fayyadamaniif leenjiin isaan barbaachisa. Kitaabni Indistiraaktabil (Indistractable) jedhamu akka ibsetti ijoollee baayʼeen keessumaa warri isaanii wanta isaan gochaa jiran hin beekan taanaan ykn qajeelfama isaaniif hin kennan taanaan, yeroo meeshaalee elektirooniksiitti fayyadamuudhaan dabarsan toʼachuun isaan rakkisa.

a Mata duree kana keessatti jechi “moobaayilii” jedhu moobaayilii intarneetii fayyadamuuf dandeessisu argisiisa.

b Kitaaba Diskonnektid (Disconnected) jedhamuu fi Toomaas Kerstiingiin qophaaʼerraa kan fudhatame.