Fakkeenya 14:1-35

  • Garaan gadda ofii isaa beeka (10)

  • Daandii sirrii fakkaatee gara duʼaatti geessu (12)

  • Gowwaan wanta dubbatamu hunda amana (15)

  • Michoonni sooressaa hedduu dha (20)

  • Garaan tasgabbii qabu qaamaaf jireenya kenna (30)

14  Dubartiin dhugumaan ogeettii taate mana ishii ni ijaarti,+Dubartiin gowwaan garuu harkuma ishiitiin mana ishii diigdi.   Namni qulqullummaa isaatiin deddeebiʼu Yihowaa sodaata,Namni daandiin isaa jalʼaa taʼe garuu isa tuffata.   Uleen of tuulummaa afaan nama gowwaa keessa jira,Afaan ogeessotaa garuu eegumsa isaaniif godha.   Bakka loon hin jirretti gongaan* qulqulluu dha,Humni qotiyyoo garuu oomisha hedduu argamsiisa.   Ragaa baatuun amanamaan hin sobu,Ragaa baatuun sobaa garuu yeroo dubbatu hundumaatti ni soba.+   Namni qoostuu taʼe ogummaa ni barbaada, taʼus homaa hin argatu,Namni hubannaa qabu garuu salphaatti beekumsa argata.+   Afaan isaa irraa beekumsa waan hin arganneef,Nama gowwaa irraa fagaadhu.+   Namni abshaalli ogummaadhaan karaa irra deemu ni hubata,Gowwoonni garuu gowwummaa isaaniitiin ni gowwoomfamu.*+   Gowwoonni yakkatti* ni qoosu,+Qajeelonni garuu araaraaf fedhii qabu.* 10  Garaan gadda ofii* isaa ni beeka,Gammachuu isaa irrattis namni kan biraan hirmaachuu hin dandaʼu. 11  Manni hamootaa ni bada,+Dunkaanni qajeelotaa garuu ni dagaaga. 12  Daandiin sirrii fakkaatee namatti mulʼatu jira,+Dhuma irratti garuu gara duʼaatti geessa.+ 13  Kolfa keessa illee garaan gadduu dandaʼa,Gammachuunis gaddaan xumuramuu dandaʼa. 14  Namni garaa isaatti addaggee taʼe buʼaa daandii isaa ni haammata,+Namni gaariin garuu badhaasa gocha isaa ni argata.+ 15  Namni gowwaan* wanta dubbatamu hundumaa amana,Namni abshaalli garuu tarkaanfii isaa hundumaa irratti xiinxala.+ 16  Namni ogeessi of eeggataa dha, wanta hamaa irraas ni gora,Namni gowwaan garuu dantaa hin qabu,* akka malees ofitti amanama. 17  Namni dafee aaru gocha gowwummaa raawwata,+Namni of eeggannoodhaan wanta tokko irratti yaadu* garuu ni jibbama. 18  Gowwoonni* gowwummaa dhaalu,Abshaalonni garuu beekumsa gonfatu.+ 19  Namoonni gaarii hin taane namoota gaarii duratti sagaduuf dirqamu,Hamoonnis karra nama qajeelaa duratti ni sagadu. 20  Hiyyeessi olloota isaa biratti illee ni jibbama,+Michoonni sooressaa garuu hedduu dha.+ 21  Namni ollaa isaa tuffatu cubbuu hojjeta,Namni nama rakkataatti gara laafina argisiisu hundi garuu gammadaa dha.+ 22  Warri hammina raawwachuuf mala qopheessan karaa irraa hin goranii? Warri wanta gaarii gochuu barbaadan garuu jaalala amanamaa fi amanamummaa argatu.+ 23  Hojiin ciminaan hojjetamu kam iyyuu buʼaa qaba,Oduun qofti garuu dhabatti nama geessa.+ 24  Gonfoon ogeessotaa qabeenya isaanii ti;Gowwummaan gowwootaa garuu gowwummaa qofa dha.+ 25  Ragaa baatuu dhugaan lubbuu ni oolcha,Namni gowwoomsituu taʼe garuu yeroo dubbatu hundumaatti ni soba. 26  Namni Yihowaa sodaatu wanta hundumaatiin isatti amanama,+Ijoolleen isaas iddoo kooluu itti galan ni argatu.+ 27  Yihowaa sodaachuun madda jireenyaa ti,Namni tokko kiyyoo duʼaa irraa akka goru ni godha. 28  Baayʼinni namootaa mootiidhaaf ulfina dha,+Bulchaan namoota isa jalatti bulan hin qabne garuu ni bada. 29  Namni dafee hin aarre hubannaa guddaa qaba,+Namni obsa hin qabne garuu gowwummaa isaa argisiisa.+ 30  Garaan tasgabbii qabu qaamaaf jireenya* kenna,Hinaaffaan garuu lafee tortorsa.+ 31  Namni nama rakkataa gowwoomsu Uumaa isaa arrabsa,+Namni hiyyeessatti gara laafina argisiisu hundi garuu isaaf ulfina kenna.+ 32  Namni hamaan hamminuma isaatiin gad darbatama,Namni qajeelaan garuu amanamummaa isaatiin iddoo kooluu itti galu ni argata.+ 33  Ogummaan garaa nama hubannaa qabuu keessa tasgabbiidhaan ni teessi,+Gowwoota gidduutti garuu eenyummaa ishii ni beeksisti. 34  Qajeelummaan saba tokko ol ni qaba,+Cubbuun garuu uummata tokkoof salphina dha. 35  Mootiin tajaajilaa hubannaadhaan waa hojjetutti ni gammada,+Nama gocha qaanessaa hojjetu irratti garuu aariin isaa ni bobaʼa.+

Miiljaleewwan

Jechuunis, bidiruun horiin keessaa nyaatan.
Ykn tarii, “gowwoonni garuu warra kaan ni gowwoomsu.”
Ykn., “gumaa baasuutti.”
Ykn., “Qajeelota gidduutti garuu fedhiin jira.”
Ykn., “lubbuu.”
Ykn., “Namni muuxannoo hin qabne.”
Ykn., “ni dheekkama.”
Ykn., “Namni dandeettii yaaduu qabu.”
Ykn., “Namoonni muuxannoo hin qabne.”
Ykn., “fayyaa.”