Dhimma ijoo ta'etti seeni

Namni Kitaaba Qulqulluu Qoʼatu Tokko Baayʼee Taʼe

Namni Kitaaba Qulqulluu Qoʼatu Tokko Baayʼee Taʼe

 Maartaan ishiin Dhugaa Baatuu Yihowaa taatee fi Guwaatimaalaa keessa jiraattu, ergaa Kitaaba Qulqulluu namoota qooqa kana dubbatanitti himuuf Afaan Keekichii barachaa jirti. Gaaf tokko namichi tokko hospitaala keessaa yommuu baʼu argite. Yommuu gara ishiitti dhihaatus, Maartaan namni kun ganda Keekichii isa naannoo gaarotaatti argamuu fi Dhugaa Baatonni Yihowaa balʼinaan itti hin lallabne keessaa akka dhufe shakkite. Achiis itti dhihaattee hamma dandeessu Afaan Keekichiitiin itti dubbachuuf yaalte.

 Achiis Kitaaba Qulqulluu akka qoʼatu isa afeerte. Innis gammachuudhaan afeerraa kana kan fudhate taʼus, qoʼannaa kanaaf qarshii kaffalu akka hin qabne ishiitti hime. Maartaanis Dhugaa Baatonni Yihowaa kaffaltii malee namoota Kitaaba Qulqulluu akka qoʼachiisan isatti himte. Kana malees, bilbilaan qoʼachuu akka dandaʼuu fi guutummaan maatii isaas isaa wajjin qoʼachuu akka dandaʼan itti himte. Namichis irratti walii gale. Namichi Afaan Ispeen dubbachuu fi dubbisuu waan dandaʼuuf Maartaan Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa Afaan Ispeeniin qophaaʼe isaaf kennite. Kana malees Afaan Keekichiitiin barreeffama Kitaaba Qulqulluu qoʼachuuf gargaaruu fi Macaafni Qulqulluun Maal Barsiisa? jedhamu koppii tokko kenniteef. Torban itti aanu namichi, haati manaa isaa fi ijoolleen isaanii lamaan bilbilaan Kitaaba Qulqulluu qoʼachuu jalqaban. Torbanitti siʼa lama qoʼatu turan. Maartaan akkana jetteetti, “Afaan Keekichii akka gaariitti waanan hin dandeenyeef, Afaan Ispeeniin qoʼanna turre, namichi immoo wanta nuti jenne haadha manaa isaatiif ni hiika ture. Ijoolleen isaa immoo Afaan Ispeen ni hubatu turan.”

 Namichi waldaa isaa keessatti paastarii ture. Achiis wanta qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu isaa irraa barachaa ture namoota waldaa dhaqan barsiisuu jalqabe. Namoonni sunis wanti dhagaʼan waan isaanitti toleef barumsa haaraa kana eessaa akka barate isa gaafatan. Waaʼee qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu isaa yommuu isaanitti himu, isaanis tokko tokkoon qoʼannaa jalqaban. Utuu baayʼee hin turinis namoonni 15 taʼan Maartaa wajjin bilbilaan qoʼachuuf walitti qabamu turan. Yeroo boodas, namni hundi dhagaʼuu akka dandaʼutti maayikiraafoonii bilbila sana bira kaaʼan.

 Maartaan waaʼee qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu kanaa jaarsolii gumiitti yommuu himtu isaan keessaa inni tokko namoota qoʼatan sana ilaaluuf gara ganda sanaa dhaqe. Innis haasaa sabaa ilaaltuun ol aanaa aanaa a kennuu fi ganda konkolaataadhaan saʼaatii tokkoof erga deemanii booda miilaan immoo saʼaatii lama deemanii gaʼan tokko irratti akka argaman isaan afeere. Barattoonni kunneen kanatti kan walii galan siʼa taʼu, isaan keessaa namoonni 17 achi irratti argamaniiru.

 Torban muraasa booda ilaaltuu ol aanaa aanaan sun Dhugaa Baatota muraasa wajjin taʼuudhaan guyyaa afur isaanii wajjin dabarse. Ganama ganama jw.org irraa viidiyoowwan Afaan Keekichiitiin qophaaʼanii fi Kitaaba Qulqulluu irratti hundaaʼan ilaalu turan; achiis birooshura Yeroo Harʼaa Fedha Yihowaa Raawwachaa Kan Jiran Eenyufaʼi? jedhamu qoʼatu turan. Waaree booda immoo, wantoota JW Biroodkaastiingi irratti dhihaatan ilaalu turan. Kana malees ilaaltuu ol aanaan kun tokkoon tokkoon isaaniitiif nama Kitaaba Qulqulluu isaan qoʼachiisu qopheesse.

 Guyyaa afur sana keessatti Dhugaa Baatonni sun gandeen Keekichii warra dhihootti argaman keessatti lallabaniiru, haasaa addaa irratti akka argamanis isaan afeeraniiru. Walgaʼii sana irratti obboloonni namoonni walgaʼicha irratti argaman 47 Kitaaba Qulqulluu akka qoʼatan isaan afeeran. Maatiin kudha tokko afeerraa kana fudhataniiru.

 Jiʼoota muraasa booda, jaarsoliin torban torbaniin ganda isa jalqabaatti walgaʼiin akka geggeeffamu qophii godhan. Yeroo ammaatti gara namoota 40 kan taʼan yeroo hunda walgaʼii irratti ni argamu. Obboloonni achitti Ayyaana Yaadannoo duʼa Kiristoos yommuu kabajanitti namoonni 91 argamuu isaaniitti gammadaniiru.

 Maartaan muuxannoon kun akkamitti akka jalqabee fi akka guddate yaadachuudhaan akkana jetteetti: “Yihowaa nan galateeffadha. Yeroo tokko tokko wanta hedduu hojjechuu akkan hin dandeenye natti dhagaʼama. Haa taʼu malee, nuti meeshaalee harka Waaqayyoo keessa jirru dha. Inni wanta garaa namoota ganda sanaa keessa jiru beeka, gara saba isaattis isaan harkiseera. Dhuguma iyyuu Yihowaan isaan jaallata.”

a Ilaaltuu ol aanaa aanaa jechuun tajaajilaa Dhugaa Baatota Yihowaa siʼa taʼu, gara gumiiwwan 20 taʼanii fi aanaa jedhamu kan daawwatu dha.