Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

GARGAARSA MAATIIDHAAF TAʼU | GAAʼELAA

Dinqisiifannaa Ibsuu—Akkamitti?

Dinqisiifannaa Ibsuu—Akkamitti?

HAALA RAKKISAA

Dinqisiifannaa ibsuun gaaʼelli milkaaʼina akka qabaatu taasisa. Haa taʼu malee, hiriyoonni gaaʼelaa hedduun amalawwan gaggaarii hiriyaan gaaʼelaa isaanii qabu dinqisiifachuun haa hafuutii hubachuu iyyuu dhiisaniiru. Namni gama kanaan gorsa kennan tokko kitaaba Emotional Infidelity jedhamu irratti hiriyoota gaaʼelaa gara isaanii dhufan keessaa baayʼeen isaanii, wantoonni isaan yaaddessan “wantoota [gaaʼela isaanii keessatti] isaan mudatan utuu hin taʼin, wantoota isaan hin mudanne akka taʼe” ibsaniiru. Akkana jedhaniiru: “Gara waajjira koo yommuu dhufan wanta akka jijjiiramu barbaadan natti himu malee, wantoota akkuma jiranitti itti fufuu qaban natti hin himan. Dogoggorri hiriyoonni gaaʼelaa kun hojjetan inni guddaan dinqisiifannaa isaanii ibsuudhaan jaalala kan hin argisiisne taʼuu isaanii ti.”

Atii fi hiriyaan gaaʼelaa kee balaa kana irraa of eeguu kan dandeessan akkamitti?

WANTA BEEKUU QABDU

Dinqisiifannaa ibsuun dhiphina gaaʼela keessatti mudatu hirʼisuu dandaʼa. Hiriyoonni gaaʼelaa amalawwan gaggaarii walii walii isaanii kan hubatanii fi dinqisiifachuuf kan carraaqan yoo taʼe, walitti dhufeenyi isaanii baayʼee fooyyaʼa. Hiriyoonni gaaʼelaa kan wal dinqisiifatan yoo taʼe walitti buʼiinsi isaan gidduutti uumamu xiqqaachuu ni dandaʼa.

Haadhotii manaatiif. Kitaabni Emotional Infidelity jedhamuu fi olitti ibsame, “Dubartoonni hedduun, dirqama wanta maatii isaaniitiif barbaachisu dhiheessuu wajjin haala wal qabateen dhiirota irra jiru salphisanii ilaalu” jedheera. Hawaasa tokko tokko keessatti immoo, lamaan isaanii iyyuu hojii kan hojjetan taʼus, dirqamni kun dhiirota irra jiraachuu dandaʼa.

Abbootii manaatiif. Yeroo baayʼee dhiironni, haadhotiin manaa ijoollee guddisuu dabalatee hojii isaan maaticha deggeruuf mana keessattis taʼe alatti hojjetaniif iddoo hin kennan. Fiiyoonaa * ishiin gaaʼela keessatti gara waggaa sadii dabarsite akkana jetteetti: “Hundi keenya iyyuu ni dogoggorra; anis yommuun dogoggoru baayʼeen gadda. Abbaan manaa koo hojii ani mana keessatti hojjedhuuf yommuu na galateeffatu, dogoggora yoon qabaadhes, akka inni na jaallatun hubadha. Kana malees, deggersa akkan qabu kan natti dhagaʼamu taʼuu isaa irra iyyuu, gammachuu naaf argamsiisa!”

Karaa biraatiin immoo, hiriyaan gaaʼelaa tokko akka iddoon hin kennamneef yoo itti dhagaʼame amanamummaan gaaʼela keessa jiru balaadhaaf saaxilamuu dandaʼa. Haati manaa Vaalarii jedhamtu tokko akkana jetteetti: “Hiriyaan gaaʼelaa keessan akka isin hin dinqisiifanne yoo isinitti dhagaʼame, nama isin dinqisiifatutti dhihaachuuf dirqamtu.”

WANTA GOCHUU DANDEESSU

Kan hubattan taʼaa. Torban itti aanutti amalawwan gaggaarii hiriyaa gaaʼelaa keessanii hubachuuf yaalaa. Kana malees, wantoota hanga ammaatti xiyyeeffannaa hin kennineef dabalatee, carraaqqii hiriyaan gaaʼelaa keessan wanta maatichaaf barbaachisu guutuuf godhu ykn gootu ilaalaa. Dhuma torbaniitti (1) amalawwan gaggaarii hiriyaa gaaʼelaa keessan irratti argitan, akkasumas (2) wanta maatii keessan fayyaduu fi hiriyaan gaaʼelaa keessan raawwate ykn raawwatte tarreessaa.—Qajeelfama Kitaaba Qulqulluu: Filiphisiyus 4:8.

Hubannaa qabaachuun barbaachisaa kan taʼe maaliifi? Haati manaa Erikaa jedhamtu akkana jetteetti: “Gaaʼela godhattanii waggoota muraasaaf erga turtanii booda, hiriyaa gaaʼelaa keessaniif xiyyeeffannaa kennuu dagachuu dandeessu. Amala gaarii hiriyaan gaaʼelaa keessan qabu irratti xiyyeeffachuu dhiistanii, caalaatti wanta inni hin raawwanne irratti xiyyeeffachuu jalqabdu.”

Akkana jedhii of gaafadhu: ‘Tattaaffii hiriyaan gaaʼelaa koo godhu ykn gootu salphiseen ilaalaa?’ Fakkeenyaaf, abbaan manaa kee mana keessatti wantoota hojjechuu didan yommuu suphu, hojiiwwan akkasii hojjechuun dirqama isaa akka taʼe waan sitti dhagaʼamuuf isa galateeffachuu irraa duubatti jettaa? Abbaa manaa yoo taate immoo, haati manaa kee ijoollee guddisuuf yommuu dhamaatu, wanta ishii irraa eegamu akka taʼetti yaaduudhaan ishii galateeffachuu irraa duubatti jettaa? Xinnoos taʼe guddaa carraaqqii hiriyaan gaaʼelaa keessan faayidaa maatii keessaniif godhu hunda, hubachuu fi galateeffachuuf galma baafadhaa.—Qajeelfama Kitaaba Qulqulluu: Roomaa 12:10.

Garaadhaa galateeffadhaa. Kitaabni Qulqulluun galateeffachuu akka qabnu qofa hin dubbatu; kanaa mannaa, “Kan galateeffattan taʼuu keessan argisiisaa” jedha. (Qolosaayis 3:15) Kanaaf, hiriyaa gaaʼelaa keessan galateeffachuu barsiifata godhadhaa. Abbaan manaa Jamsi jedhamu akkana jedheera: “Haati manaa koo wanta ani hojjedheef yommuu na dinqisiifattu, abbaa manaa gaarii taʼuuf, akkasumas gaaʼelli keenya milkaaʼina akka qabaatu gochuuf carraaqqii dabalataa akkan godhu na kakaasa.”—Qajeelfama Kitaaba Qulqulluu: Qolosaayis 4:6.

Abbootiin manaa fi haadhotiin manaa akka wal dinqisiifatan kan argisiisan yoo taʼe, walitti dhufeenyi isaanii ni cima. Abbaan manaa Mikaaʼel jedhamu akkana jedheera: “Hiriyoonni gaaʼelaa wanta gaarii qaban irratti kan xiyyeeffatan yoo taʼe, gaaʼelli hedduun diigamuu irraa ni oola jedheen amana. Rakkinni yommuu uumamu, wanta gaarii hiriyaan gaaʼelaa isaanii qabu yeroo hunda waan of yaadachiisaniif, gaaʼela isaanii diiguuf hin ariifatan.”

^ KEY. 9 Maqaawwan tokko tokko jijjiiramaniiru.