Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Seeqa—Kennaa Warra Kaaniif Kennamu

Seeqa—Kennaa Warra Kaaniif Kennamu

YEROO namni tokko seequ maaltu sitti dhagaʼama? Atis deebitee seequun kee hin oolu. Miirri gammachuus sitti dhagaʼama taʼa. Dhuguma iyyuu, michoonni keenyas taʼan namoonni kaan garaadhaa yommuu seeqan nuttis ni darba; akkasumas miirri gaariin akka nutti dhagaʼamu godha. Dubartiin Maagdaleenaa jedhamtu yeroo yaada kennitu, “Abbaan manaa koo Joorji, yeroo lubbuudhaan turetti baayʼee seeqa ture. Yommuu iji keenya wal irra buʼu miira tasgabbii fi nageenyaatu natti dhagaʼama” jetteetti.

Garaadhaa seequun gammachuu guddaa akka qabnu kan argisiisu dha. Mata dureen, Observer jedhamuu fi barruu intarneetii irraa Association for Psychological Science jedhamu irratti baʼu tokko, dhuguma iyyuu “seequun kan nuu wajjin uumame fakkaata” jedheera. Mata durichi itti dabaluudhaan daaʼimman reefuu dhalatan illee, “yeroo fuula ifaadhaan isaan ilaallu akka gaariitti hubachuu” akka dandaʼan ibseera. Akkasumas, mata dureen kun akkana jedheera: “Namoonni seeqa irraa odeeffannoo argachuu qofa utuu hin taʼin, isaanis beekumsa kanatti fayyadamanii amala isaanii ittiin fooyyeffatu.” *

Qorattoonni Yunivarsiitii Haarvaard Yunaayitid Isteetisitti argaman, garee maanguddoota dhukkubsatanii fi miira yommuu namoonni gargaarsa yaalii fayyaa isaaniif godhan seeqan itti dhagaʼamu ilaalchisee qorannaa adeemsisanii turan. Qorattoonni kun, ogeessonni warra dhukkubsatan sanaaf yaalii fayyaa godhan, “miira hoʼaadhaan, miira gaariidhaan, haala akka isaaniif yaadanii fi akka garaa isaaniif laafan argisiisuun” yommuu seeqan, namoonni dhukkubsatan sun akka gammadanii fi fayyaan qaamaa isaaniis taʼe sammuu isaanii akka fooyyaʼe dubbataniiru. Haala kana irraa faallaa taʼeen immoo, ogeessonni yaalii isaaniif taasisan kan fuula guuran yoo taʼe namoonni dhukkubsatan sun isaan irraa fagaatu.

Yeroo seeqxu ofii keetiifis faayidaa argatta. Qorannaawwan godhaman akka mulʼisanitti faayidaawwan armaan gadii dabalata: Ofitti amanamummaa fi gammachuu kan dabalu yommuu taʼu, dhiphina immoo ni hirʼisa. Fuula guuruun garuu, buʼaan isaa faallaa kanaa ti.

SEEQUUN “OFITTI AMANAMUMMAAN KOO AKKA DABALU GODHEERA”

Maagdaleenaa ishiin olitti ibsamte Dhugaa Baatota Yihowaa yeroo Waraana Addunyaa Isa Lammaffaatti turan keessaa tokko turte. Miseensota maatii ishii kaanii wajjin, sirna siyaasaa Naazii deggeruu diduu isaaniitiin kan kaʼe mana hidhaa Raavanisbiruuk, Jarmaniitti argamutti geeffamtee turte. Wanta yeroo sanatti taʼe ilaalchisee akkana jetteetti: “Eegdonni yeroo tokko tokko adabamtoota gara biraa wajjin akka hin dubbanne nu dhorku turan. Akka nuti hin seeqne garuu nu dhorkuu hin dandeenye. Haati koo fi obboleettiin koo yommuu seeqan arguun koo qofti illee, ofitti amanamummaan koo akka dabalu godheera; akkasumas kutannoo ani hamma dhumaatti jabaadhee dhaabachuuf godhe naaf cimseera.”

Tarii yaaddoon jireenyaa si mudatu akka ati hin seeqne si taasisuu akka dandaʼu sitti dhagaʼama taʼa. Taʼus, yeroo baayʼee miira kan dursu yaada taʼuu isaa hin dagatin. (Fakkeenya 15:15; Filiphisiyus 4:8, 9) Kanaaf, ulfaataa taʼuu dandaʼus, hamma sii dandaʼametti wantoota gaggaarii gammachiisoo taʼan irratti xiyyeeffachuuf maaliif hin yaaltu? * Kitaaba Qulqulluu dubbisuu fi kadhannaan, kana gochuu akka dandaʼaniif namoota hedduu gargaareera. (Maatewos 5:3; Filiphisiyus 4:6, 7) Jechi “gammachuu” jedhuu fi horteen isaas Kitaaba Qulqulluu keessatti yeroo baayʼee caqasameera! Maaliif guyyaa guyyaatti fuula tokko ykn lama hin dubbistu ree? Maaltu beeka? Atumtuu isa yeroo kaanii caalaa seequu jalqabuu dandeessa taʼa.

Akkasumas, hamma warri kaan seeqanitti hin eegin. Dursa fudhadhu; atis guyyaa guyyaadhaan gammachuu namoota kaaniitiif gumaacha godhi. Eeyyee, seeqni maal jechuu akka taʼe hubadhu; kennaa Waaqayyoo siinis taʼe namoota si ilaalan hunda gammachiisu dha.

^ KEY. 3 Kitaabni Qulqulluun fakkeenyaan yeroo ibsu Waaqayyo fuula ifaa akka qabu dubbata. Faarfannaan 119:135, “Garbicha kee fuula ifaadhaan ilaali” jedha.

^ KEY. 8 Mata duree, “‘Guyyaa hunda cidha’ irra jirtaa?” jedhuu fi Dammaqaa! Sadaasa 2013 (Amaariffa) irratti argamu ilaali.