Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BARUMSA 2

Gad Of Qabuu

Gad Of Qabuu

Gad Of Qabuu Jechuun Maal Jechuu Dha?

Namoonni gad of qaban namoota ni kabaju. Of hin tuulan, namoonni kaanis kunuunsa addaa akka isaaniif godhan hin eegan. Kanaa mannaa, namni gad of qabu tokko namootaaf garaadha akka yaadu argisiisa, isaan irraa barachuufis yoom iyyuu qophaaʼaa dha.

Yeroo tokko tokko gad of qabuun dadhabina akka taʼetti ilaalama. Dhugaa isaa dubbachuuf garuu, amalli kun cimina namni tokko qabu kan argisiisu dha; namoonni gad of qaboo taʼan dogoggora isaanii beeku, akkasumas hanqina qaban amananii fudhatu.

GAD OF QABUUN BARBAACHISAA KAN TAʼE MAALIIFI?

  • Gad of qabuun namoota kaanii wajjin hariiroo gaarii uumuuf gargaara. Kitaabni The Narcissism Epidemic jedhamu, “Walumaa galatti, namoonni gad of qaboo taʼan salphaadhumatti namoota kaanii wajjin michummaa uumuu ni dandaʼu” jechuudhaan ibseera. Itti dabaluudhaanis, namoonni akkasii “namoota kaanii wajjin dubbachuu fi walii galuun isaaniitti hin ulfaatu” jedheera.

  • Gad of qabuun jireenya gara fuulduraa ijoollee keessaniitiif faayidaa qaba. Ijoolleen keessan gad of qabuu barachuun isaanii ammaafis taʼe jireenya gara fuulduraa isaaniitiif isaan fayyada; fakkeenyaaf, hojii yeroo barbaadanitti amalli kun isaan fayyada. Doktar Leenardi Saaksi akkana jedhanii barreessaniiru: “Dargaggoonni dadhabina isaanii hin beeknee fi ofii isaaniitiif ilaalcha daangaa isaa irra darbe qaban, carraan isaan gaafannoo hojii qacaramuuf isaaniif taasifamu irratti buʼaa gaarii argachuuf qaban dhiphaa dha.” Itti dabaluudhaanis, “Dargaggoonni wanta namni isaan qacaru isaan irraa barbaadu sirriitti beekan garuu carraan hojicha argachuuf qaban balʼaa dha” jedhaniiru. *

IJOOLLEEN GAD OF QABOO AKKA TAʼAN BARSIISUUN KAN DANDAʼAMU AKKAMITTI?

Ijoolleen keessan ofii isaaniitiif ilaalcha madaalamaa akka qabaatan isaan gargaaraa.

QAJEELFAMA KITAABA QULQULLUU: “Namni tokko iddoo guddaa utuu hin qabaatin iddoo guddaa akka qabutti yoo of ilaale of gowwoomsaa jira.”—Galaatiyaa 6:3.

  • Wantoota dhugaa hin taane dubbachuu irraa of qusadhaa. Gaaleewwan kan akka “Wanti yaadde hundi siif milkaaʼa,” akkasumas “Wanta taʼuu barbaaddu hunda akka hin taane wanti si dhowwuu dandaʼu tokko illee hin jiru” jedhan kan nama jajjabeessan fakkaatanis, dhugaan isaa garuu yeroo baayʼee kana irraa adda dha. Ijoolleen keessan caalaatti milkaaʼina kan qabaatan, galmawwan irra gaʼuu dandaʼan yoo baafatanii fi galmawwan sana irra gaʼuuf carraaqqii cimaa kan godhan yoo taʼe dha.

  • Wanta isaan raawwatan adda baasaatii isaan galateeffadhaa. Duuchaadhumatti ati “Baayʼee cimaa dha” jechuun amala gad of qabuu akka horatan isaan hin gargaaru. Sababii itti isaan jajattan adda baasaa itti himaa.

  • Itti fayyadama weebsaayitii hawaasaa isaanii daangessaa. Weebsaayitiin hawaasaa yeroo baayʼee dandeettii fi wantoota raawwatan namoota kaanitti beeksisuudhaan xiyyeeffannaa namootaa ofitti akka harkisan isaan taasisu; kun ammoo faallaa gad of qabuu ti.

  • Ijoolleen keessan yeroo balleessanitti dafanii dhiifama akka gaafatan taasisaa. Ijoolleen keessan balleessaan isaanii maal akka taʼe akka beekanii fi balleessaa isaanii amananii akka fudhatan isaan gargaaraa.

Ijoolleen keessan kan dinqisiifatan akka taʼan jajjabeessa.

QAJEELFAMA KITAABA QULQULLUU: “Kan galateeffattan taʼuu keessan argisiisaa.”—Qolosaayis 3:15.

  • Uumamaa dinqisiifachuu. Ijoolleen uumamaa dinqisiifachuu fi jireenyi keenya hangam uumama irratti kan hundaaʼe akka taʼe hubachuu qabu. Lubbuudhaan jiraachuuf qilleensi ittiin hafuura baafannu, bishaan dhugnuu fi sooranni nyaannu nu barbaachisa. Wantoota kana akka fakkeenyaatti fayyadamuudhaan, wantoota dinqisiisoo uumamawwan irratti mulʼataniif dinqisiifannaa fi galateeffannaa akka qabaatan isaan gargaaraa.

  • Namoota dinqisiifachuu. Ijoolleen keessan namni hundi karaa taʼe tokkoon akka isaan caalu akka yaadatan, akkasumas dandeettii namoonni kaan qabanitti hinaafuu mannaa isaan irraa barachuuf carraaqqii gochuu akka qaban akka hubatan isaan gargaaraa.

  • Dinqisiifannaa ibsuu. Ijoolleen keessan afaaniin “galatoomi” jechuu qofaan utuu hin taʼin, wanta isaaniif godhame garaadhaa akka dinqisiifatan akka argisiisan isaan barsiisaa. Dinqisiifachuun amala gad of qabuu barachuuf murteessaa dha.

Namootaaf waan gaarii gochuun faayidaa akka qabu ijoollee keessan barsiisaa.

QAJEELFAMA KITAABA QULQULLUU: “Gad of qabuudhaan warri kaan akka isin irra caalan godhaa yaadaa . . . Faayidaa warra kaaniis yaadaa malee faayidaa ofii keessanii qofa hin yaadinaa.”—Filiphisiyus 2:3, 4.

  • Ijoolleen keessan hojii mana keessaa akka hojjetan godhaa. Ijoolleen keessan hojii mana keessaa akka hin hojjenne gochuun, ergaa ‘Hojiin kun siif hin malu’ jedhu kan dabarsu taʼuu dandaʼa. Hojii mana keessaa raawwachuun tapha dursuu qaba. Ijoolleen keessan hojii mana keessaa hojjechuun isaanii namoota kaan akkamitti akka fayyadu, akkasumas akkas gochuu isaaniitiin namoonni kaan hangam akka isaan dinqisiifatanii fi akka isaan kabajan isaaniif ibsaa.

  • Namoota kaan tajaajiluun mirga guddaa akka taʼe akka gaariitti isaan hubachiisaa. Wantoota namoota kaan fayyadan raawwachuun, ijoolleen bilchina akka horatan gargaaruu irratti murteessaa dha. Kanaafuu, ijoolleen keessan namoota gargaarsi isaan barbaachisu eenyufaa akka taʼan adda baasanii akka beekan isaan jajjabeessaa. Namoota sana gargaaruufis maal gochuu akka dandaʼan mariʼadhaa. Ijoolleen keessan wantoota akkasii yommuu raawwatan isaan galateeffadhaa, akkasumas deggersa barbaachisu isaaniif godhaa.

^ key. 8 Kitaaba The Collapse of Parenting jedhamu irraa kan fudhatame.