Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

GARGAARSA MAATIIDHAAF TAʼU | IJOOLLEE GUDDISUU

Akka Gad Of Qaban Ijoollee Barsiisuu

Akka Gad Of Qaban Ijoollee Barsiisuu

HAALA RAKKISAA

  • Ilmi keessan umuriin isaa waggaa kudhan qofa taʼus baayʼee of tuula.

  • Namni hundi akka waan inni adda taʼetti akka isa ilaalu barbaada.

‘Mucaan kun maaliif akkas taʼa?’ jettanii gaafattu taʼa. ‘Ofii isaatiif ilaalcha gaarii akka qabaatu nan barbaada, taʼus nama hunda akka caalutti akka of ilaalu hin barbaadu’ jettanii yaaddu.

Mucaan tokko ilaalcha inni ofiif qabu utuu hin xiqqeessin, akka inni gad of qabu isa barsiisuun ni dandaʼamaa?

WANTA BEEKUU QABDAN

Waggoottan kurnan darbanitti, warri wanta ijoolleen isaanii barbaadan hunda akka isaaniif godhan, wanta isaan jajsiisu raawwachuu baatanis akka isaan jajan, akkasumas sirreeffama kennuu fi adabuu irraa akka of qusatan jajjabeeffamaa turaniiru. Ijoolleen adda akka taʼanitti akka of ilaalan yoo godhame, ilaalcha gaarii ofiif qabaatanii guddatu jedhamee yaadama ture. Haa taʼu malee, buʼaan argame maal argisiisa? Kitaabni Generation Me jedhamu akkana jedheera: “Tarkaanfiin ijoollee ilaalcha gaarii akka ofiif qaban uumuuf taasifamu, ijoollee seera qabeessaa fi gammadoo taʼan argamsiisuu mannaa, ijoolleen ofiif garmalee iddoo guddaa akka kennan godheera.”

Ijoolleen sababa tokko malee jajamanii guddatan, wanta nama aarsu, ceephoo fi milkaaʼina dhabuu amananii fudhachuun isaan rakkisa. Fedhii isaanii irratti qofa akka xiyyeeffatan waan barsiifamaniif, yeroo guddatan michooma yeroo dheeraadhaaf turu uumuun isaanitti ulfaata. Kanaan kan kaʼes, baayʼeen isaanii yaaddoo fi dhiphina sammuutiif saaxilamu.

Ijoolleen ofitti amanamummaa dhugaa kan qabaatan, irra deddeebinee adda akka taʼan isaanitti himuu keenyaan utuu hin taʼin, wanta tokko sirriitti raawwachuu isaaniitini dha. Kun immoo ofitti amanamuu isaanii caalaa waan dabalatu qaba. Barachuu, wanta baratan hojii irra oolchuu fi ogummaa tokko filatanii sirriitti shaakaluu qabu. (Fakkeenya 22:29) Wanta warra kaaniif barbaachisus yaaduu qabu. (1 Qorontos 10:24) Kun hundi immoo gad of qabuu gaafata.

WANTA GOCHUU DANDEESSAN

Yeroo dhuguma jajamuu qabanitti isaan jajadhaa. Intalli keessan qormaata mana barumsaa irratti qabxii gaarii yeroo fiddu ishii dinqisiifadhaa. Qabxii gaarii yoo fiduu baatte garuu, barsiisaa ishii komachuuf hin ariifatinaa. Kun intalli keessan gad of qabuu akka barattu ishii hin gargaaru. Kanaa mannaa, yeroo itti aanutti akkamitti fooyyeffachuu akka dandeessu ishii gargaaraa. Ijoolleen keessan wanta isaan jajsiisu yommuu raawwatan qofa isaan jajadhaa.

Yeroo barbaachisaa taʼutti sirreeffama kennaa. Kana jechuun yeroo mucaan keessan dogoggora raawwatu hundatti isa ceephaʼuu qabdu jechuu miti. (Qolosaayis 3:21) Dogoggorri cimaan garuu sirreeffamuu qaba. Ilaalchi dogoggoraas sirreeffamuu qaba. Akkas taʼuu baannaan garuu, ittuma caalaa deema.

Fakkeenyaaf, ilmi keessan amala of jajuu argisiisaa jira haa jennu. Sirreeffamni kennamuufii baannaan, kooruu fi warra kaan tuffachuu jalqabuu dandaʼa. Kanaaf, koorri nama gadhee isa fakkeessuu fi salphinaaf isa saaxiluu akka dandaʼu isatti himaa. (Fakkeenya 27:2) Kana malees, namni ofii isaatiif ilaalcha madaalamaa qabu, waaʼee dandeettii isaa warra kaaniif labsuu akka isa hin barbaachisne itti himaa. Sirreeffama akkasii jaalalaan isaaf kennuudhaan, kabaja ofii isaatiif qabu utuu hin hirʼisin gad of qabuu isa barsiisuu dandeessu.—Qajeelfama Kitaaba Qulqulluu: Maatewos 23:12.

Mucaa keessan wanta jireenya keessatti isa mudatuuf isa qopheessaa. Wanta mucaan keessan barbaade hunda isaaf gochuun waan hundumaa argachuuf mirga akka qabu akka isatti dhagaʼamu taasisuu dandaʼa. Fakkeenyaaf, mucaan keessan wanta isin bituu hin dandeenye yoo gaafate, karooraan jiraachuun maaliif barbaachisaa akka taʼe isaaf ibsaa. Sagantaa bashannanaa baastan yoo dhiistan, jireenya keessatti wanti nama aarsu akka nama mudatuu fi tarii yeroo wanti akkasii isin mudatu maal akka gootan isaaf ibsuu dandeessu. Ijoollee keessan haala rakkisaa hunda irraa eeguu mannaa, rakkoowwan yeroo gaʼeessa taʼan isaan mudataniif isaan qopheessaa.—Qajeelfama Kitaaba Qulqulluu: Fakkeenya 29:21.

Arjaa akka taʼan isaan jajjabeessaa. ‘Fudhachuu irra kennuun caalaatti akka nama gammachiisu’ mucaa keessaniif mirkaneessaa. (Hojii Ergamootaa 20:35) Akkamitti? Waliin taatanii, namoota gabaadhaa waa bituu, geejjiba ykn hojii suphaa irratti gargaarsi isaan barbaachisu galmeessuu dandeessu. Achiis namoota akkasii yeroo gargaartan mucaa keessanii wajjin deemaa. Mucaan keessan namoota kaan yeroo gargaartanitti gammachuu guddaa argachuu keessan akka hubatu godhaa. Akkas yoo gootan, fakkeenya isaaniif taʼuudhaan gad of qabuu ilaalchisee karaa hunda irra caaluun isaan barsiisuu dandeessu.—Qajeelfama Kitaaba Qulqulluu: Luqaas 6:38.