Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Kitaaba Bara Durii Yeroo Ammaatti Fayyadu

Kitaaba Bara Durii Yeroo Ammaatti Fayyadu

Namoonni baayʼeen akka kitaaba amantaatti waan ilaalaniif Kitaaba Qulqulluudhaaf kabaja qabu. Haa taʼu malee, Kitaabni Qulqulluun kitaaba amantaa qofa miti. Gorsa gaarii jireenya keenya keessatti yeroo hundumaa nu fayyadu qabateera.

Fakkeenyaaf, namoonni Kitaaba Qulqulluu dubbisanii fi jireenya isaanii keessatti gorsa isaa hojiirra oolchan tokko tokko dhuunfaatti faayidaa akkamii akka argatan ilaali.

“Jireenyi koo caalaatti tasgabbaaʼeera. Akkaataan itti yaaduu fi miirri koo fooyyaʼeera. Ilaalchi koos caalaatti gaarii taʼeera.”—Fiyonaa.

“Kitaaba Qulqulluu qoʼachuun koo, jireenyi koo kaayyoo dhugaa fi gammachuu akka qabaatu godheera.”—Ginitkoo.

“Jireenyi koo baayʼee fooyyaʼeera. Amma yeroo gabaabaadhaaf hojjedheen maatii koo wajjin yeroo dheeraa dabarsa.”—Andiriiw.

Muuxannoowwan akkasii hedduun jiru. Namoonni addunyaa maratti argaman baayʼeen Kitaabni Qulqulluun gorsa jireenya isaanii keessatti yeroo hundumaa isaan fayyadu hedduu akka qabate hubataniiru.

Kitaabni Qulqulluun gama armaan gadiitiin jireenyi namootaa akka fooyyaʼu kan gargaare akkamitti akka taʼe haa ilaallu:

  • Fayyaa qaamaa

  • Fayyaa sammuu

  • Jireenya maatii fi michummaa

  • Itti fayyadama maallaqaa

  • Karaa hafuuraa

Mata dureewwan itti aanan Kitaabni Qulqulluun kitaaba amantaa qofa utuu hin taʼin, kitaaba jireenya kee keessatti karaa qabatamaa taʼeen si fayyadu kan taʼe akkamitti akka taʼe ibsu.