Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Maxxansa Dammaqaa! Kana Keessatti: Kitaabni Qulqulluun Jireenya Kee Fooyyessuu ni Dandaʼaa?

Maxxansa Dammaqaa! Kana Keessatti: Kitaabni Qulqulluun Jireenya Kee Fooyyessuu ni Dandaʼaa?

Kitaaba Bara Durii Yeroo Ammaatti Fayyadu

Kitaabni Qulqulluun kitaaba amantaa qofa miti. Dhimmoota armaan gadii dabalatee dhimmoota garaa garaarratti gorsa yeroo hundumaa nu fayyadu nuuf kenna:

  • Fayyaa qaamaa

  • Fayyaa sammuu

  • Jireenya maatii fi michummaa

  • Itti fayyadama maallaqaa

  • Karaa hafuuraa

Kitaaba Hundumaa Caalaa Fayyadu

Kitaabni Qulqulluun jaarraawwan hedduudhaaf jireenyi namootaa akka fooyyaʼu gargaaraa tureera. Yeroo harʼaatti Kitaabni Qulqulluun afaan kumaan lakkaaʼamuun argama. Gorsa gaarii kitaabni kun kennurraa faayidaa argachuu kan dandeessu akkamitti akka taʼe ilaali.