Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

QAAMNI KANA TOLCHE JIRAA?

Maarshii Miilla Isuus Liifhoppar Irra Jiru

Maarshii Miilla Isuus Liifhoppar Irra Jiru

YEROO dheeraadhaaf maarshii kan qaban maashinoota namoonni hojjetan qofa akka taʼanitti yaadamaa tureera. Amma garuu ilaalchi kun dogoggora taʼuun isaa mirkanaaʼeera! Uumamawwan lubbu qabeeyyii taʼan jechuunis, ilbiisonni Isuus liifhoppar guddina isaanii hin xumurree fi bakka ashaakiltii Awurooppaa hunda keessatti argaman maarshii wal keessa gaggale akka qaban beekameera. *

Liifhoppariin guddina isaa hin xumurre tokko dhiibbaa harkisni lafaa qaama isaa irraan gaʼu harka 400 moʼuudhaan harka kuma lammaffaa daqiiqaa tokkoo qofa keessatti meetira 3.9 saffisaan deemuu ni dandaʼa! Liphsuu ijaa gidduutti ijaa namaa duraa fagaatee deemuu dandaʼa. Utaalchi akkasii miilli uumama kanaa inni boodaa lamaan al tokkotti humna wal qixxee taʼe akka maddisiisan gochuu gaafata. Miilli ilbiisa kanaa wal qixxee akka utaalu kan godhe maali dha?

Mee yaadi: Saayintistoonni miilla liifhoppar warra boodaa lamaan jalatti maarshiiwwan wal keessa gaggalan lama akka jiran hubataniiru. Ilbiisni sun yommuu utaalu maarshiiwwan sun miilli isaa lamaan wal qixxee akka kaʼan godhu. Kun taʼuu baannaan utaalchoon sun toʼannaadhaa ala taʼuudhaan ilbiisni sun of irra akka naannaʼu godha!

Uumamawwan guguddaa taʼan yommuu utaalan miilla isaanii wal qixxee kaasuuf sirna ribuu isaaniitti fayyadamu. Liifhoppariin guddina isaa hin xumurre garuu sirni ribuu isaa saffisa guddaa hin qabu. Kanaaf maarshiiwwan wal keessa gaggalan lamatti fayyadama. Barreessaa fi qorataa kan taʼan Giriigorii Satan, “Yeroo baayʼee maarshii kan qaban maashinoota namoonni hojjetan qofa akka taʼan goonee yaadna” jedhaniiru. Sababii isaa yommuu ibsan, “wantoonni kun bakka gara biraa jiraachuu fi dhiisuu isaanii yeroo kenninee akka gaariitti waan hin ilaalleefi dha” jedhaniiru.

Maal sitti fakkaata? Sirni maarshii Isuus liifhoppar jijjiirama tirannaatiin kan dhufe dhaa? Moo qaamni kana tolche jira?

^ KEY. 3 Maarshiiwwan kun yeroo ilbiisni kun sadarkaa guddinaa isaa isa xumuraa irra gaʼu isa irraa harcaʼu.