Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

MATA DUREE FUULA JALQABAA

Qarshiidhaaf Ilaalcha Madaalamaa Qabaachuu

Qarshiidhaaf Ilaalcha Madaalamaa Qabaachuu

JECHAMNI “Qarshiin duudaa dubbisa” jedhu tokko jira. Jechamni kun hamma tokko dhugaa dha. Nyaata bituuf, uffata bituuf, kiraa manaa kaffaluuf ykn mana bitachuuf qarshiin ni barbaachisa. Qopheessaan gaazexaa dinagdee tokko akkana jechuudhaan barreesseera: “Saba tokko keessatti gaʼee qarshiin qabu baayʼee barbaachisaa taʼaa jira. Namoonni bituu fi gurguruuf qarshiitti fayyadamuu utuu dhiisanii, jiʼa tokko gidduutti naasuu fi waraana keessa galla.”

Haa taʼu malee, qarshiin wanta gochuu hin dandeenye akka qabu beekamaa dha. Barreessaan walaloo biyya Noorweeyi Arna Gaarborgi jedhaman akkana jedhaniiru: qarshiidhaan, “nyaata bitachuu dandeessus fedhii nyaataa bitachuu hin dandeessu; qoricha bitachuu dandeessus fayyaa bitachuu hin dandeessu; siree gaarii bitachuu dandeessus hirriba bitachuu hin dandeessu; beekumsa bitachuu dandeessus hubannaa bitachuu hin dandeessu; wantoota calaqqisan bitachuu dandeessus bareedina bitachuu hin dandeessu; surraa bitachuu dandeessus jaalala bitachuu hin dandeessu; qoosaa bitachuu dandeessus gammachuu bitachuu hin dandeessu; hiriyoota bitachuu dandeessus michoota dhugaa bitachuu hin dandeessu; hojjettoota bitachuu dandeessus amanamummaa bitachuu hin dandeessu.”

Namni qarshiidhaaf ilaalcha madaalamaa qabu tokko, qarshiin meeshaa galma isaa irra gaʼuuf isa gargaaru akka taʼetti ilaala. Haa taʼu malee, jireenya isaa keessatti galmi isaa inni guddaan qarshii argachuu miti. Kitaabni Qulqulluun, “Horii jaallachuun hundee wanti hamaan hundinuu irraa latuu dha; namoonni gar tokko yaada isaanii horii argachuu irra kaa’atanii, . . . waraansa baayʼeedhaanis of waraananiiru” jechuudhaan akeekkachiisa.—1 Ximotewos 6:10.

Rakkina kan fidu qarshii utuu hin taʼin, jaalala qarshii akka taʼe hubadhu. Akka malee qarshii irratti xiyyeeffachuun, michootaa fi miseensota maatii gidduutti wal qoqqooduun akka uumamu godha. Fakkeenyota tokko tokko ilaali.

Daaniʼel: * “Yeroo hunda michuun koo Toomaas nama gaarii fi amanamaa akka taʼe godheen yaada ture. Hanga gaafa konkolaataa ani itti fayyadamaa ture ana irraa biteetti, takkaa illee rakkinni gidduu keenyatti uumamee hin beeku. Ani konkolaataan sun rakkina akka qabu hin beekun ture. Taʼus, konkolaaticha waanuma fedhe haa taʼu jedhee bituuf walii galuu isaa mallatteesse. Jiʼa sadii booda konkolaatichi ni cabe. Toomaas akka gowwoomfame itti dhagaʼame, qarshii isaa akkan isaaf deebisu aariidhaan na falmuu jalqabe. Kunis baayʼee na naasise! Dhimma isaa isa hubachiisuuf yommuun yaalii godhu, na loluu fi na jibbuu jalqabe. Dhimmi qarshii yommuu kaʼetti, Toomaas nama jaallatamaa ani beeku sana taʼuun isaa ni hafe.”

Eesiin: “Neesriim obboleettii tokkittii ani qabu dha. Anii fi ishiin yeroo hunda waan walii galluuf, sababii qarshiitiin walitti dhufeenyi keenya ni mancaʼa jedhee matumaa yaadee hin beeku. Haa taʼu malee sababii qarshiitiin walitti dhufeenyi keenya ni mancaʼe. Warri keenya yommuu duʼan wanta muraasa nu dhaalchisan; qarshiin jirus lamaan keenyaaf qixxeetti hiramuu qaba ture. Obboleettiin koo fedhii warra kootiin alatti gaʼee ishii caalaa akka ishiidhaaf kennamu gaafatte. Ani garuu qajeelfama warra keenyaa kabajuu waanan filadheef, ishiin natti dheekkamte akkasumas na doorsiste. Hanga harʼaatti illee akka natti mufattetti jirti.”

QARSHII FI HALAALATTI NAMA JIBBUU

Qarshiidhaaf ilaalcha dogoggoraa qabaachuun, namoonni kan namatti murteessan akka taʼan gochuu dandaʼa. Fakkeenyaaf, namni sooressi tokko namoonni hiyyeeyyii taʼan dhibaaʼota haala isaanii fooyyessuu hin dandeenye akka taʼan godhee yaaduu dandaʼa. Yookiin namni hiyyeessa taʼe tokko ariifatee warri sooreyyii taʼan qabeenya kan jaallatan ykn sassattoota akka taʼan godhee yaaduu dandaʼa. Liyaan, ishiin umurii waggoota kurnanii keessa jirtuu fi maatii hamma tokko sooreyyii taʼan qabdu, yaada dogoggoraa akkanaatiin namoonni haalaalatti ishii jibbu turan. Akkana jetteetti:

Gorsi Kitaabni Qulqulluun qarshii ilaalchisee kennu, akkuma yeroo barreeffame sanaatti harʼas ni fayyada

“Shamarree abbaan ishii qarshii tuullatee qabu akkan taʼettan beekama ture. Kanaan kan kaʼes yeroo baayʼee hiriyoonni koo, ‘Wanti tokko akka siif godhamu yoo barbaadde, wanti gochuun si barbaachisu Abbaa kee gaafachuu qofa dha; yookiin ‘Dhiifama nuti hundi keenya akka keessan sooreyyii miti; konkolaataa maatiin keessan qabu bitachuuf humna hin qabnu’ naan jedhu turan. Dhuma irrattis hiriyoonni koo wantoota akkanaa akka natti hin dubbanne isaan nan kadhadhe; jechi isaanii kun maaliif akka na miidhus isaaniif nan ibse. Ani nama qarshii qabu taʼuudhaan utuu hin taʼin, nama warra kaaniif wanta gaarii godhu taʼuudhaan beekamuun barbaada.”

KITAABNI QULQULLUUN MAAL JEDHA?

Kitaabni Qulqulluun qarshiis taʼe warra qarshii qaban, darbees warra qarshii hedduu qaban illee hin balaaleffatu. Wanti xiyyeeffannaan kennamuufii qabu baayʼina qarshii namni tokko qabu utuu hin taʼin, ilaalcha namichi qarshii isaatiif qabu ykn qarshii hangamii argachuu akka barbaadu dha. Gorsi Kitaabni Qulqulluun qarshii ilaalchisee kennu madaallii isaa kan eege dha; gorsi kun akkuma yeroo barreeffame sanaatti harʼas ni fayyada. Fakkeenyawwan armaan gadii ilaali.

KITAABNI QULQULLUUN AKKANA JEDHA: “Sooromuuf jettee of hin dadhabsiisin.”—Fakkeenya 23:4.

Akka kitaabni Za Naarsizim Eppidamiik jedhamu ibsetti namoonni qabeenya ariʼan caalaatti, “dhibee sammuu fayyaatiin rakkatu; kana malees dhibeewwan fayyaa kan akka madaa qoonqoo, dhukkuba dugdaa fi mataa bowwuu, akkasumas garmalee dhugaatii dhuguu fi qorichawwan seeraan alaa sammuu hadoochan akka fudhatan gabaafameera. Gama dinagdeetiin milkaaʼina argachuuf carraaqqii gochuun, jireenya namootaa akka mancaasu beekamaa dha.”

KITAABNI QULQULLUUN AKKANA JEDHA: “Akki jireenya keessanii horiidhaaf sassataa hin taʼin, wanta argattaniin ‘Nu ga’a’ jedhaa!”—Ibroota 13:5.

Namni wanta qabutti gammadu illee yeroo tokko tokko waaʼee qarshii yaaddaʼuun isaa hin oolu; taʼus jireenya keessatti wanti bakki guddaan kennamuufii qabu maal akka taʼe waan beekuuf gar malee hin dhiphatu. Fakkeenyaaf, namni wanta qabutti gammadee jiraatu, yommuu rakkinni dinagdee isa irra gaʼu akka malee hin aaru. Kanaa mannaa, ilaalcha Phaawulos isa akka armaan gadii jedhee barreesse qabaachuuf yaalii godha: “Ani jireenya gad deebiʼaa jiraachuu beeka, wanta barbaachisu gararraatti qabaachuus, beeka; ani waan hundumaatti, akka kamittis, quufatti, beelattis, irraa hafaa qabaachuutti, dhabuuttis nan beeka.” —Filiphisiiyus 4:12.

KITAABNI QULQULLUUN AKKANA JEDHA: “Namni sooruma isaa amanatu in kufa.”—Fakkeenya 11:28.

Qorattoonni, gaaʼela keessatti wal dhabiinsi gara wal hiikuutti geessu inni guddaan rakkina qarshii wajjin kan wal qabate akka taʼe ibsu. Rakkoowwan qarshii wajjin wal qabatan of ajjeesuudhaafis sababii taʼu. Namoota tokko tokkoof qarshiin waadaa gaaʼelaa isaanii ykn jireenya isaanii caalaa illee bakka guddaa qaba! Kana irraa haala adda taʼeen garuu, namoonni qarshiidhaaf ilaalcha madaalamaa qaban qarshiitti hin amanaman. Kanaa mannaa, jechoonni Yesus, “Jireenyi eenyuu illee baayʼina qabeenya isaa irra hin dhaabatu” jechuudhaan dubbate dhugaa taʼuu isaanii ni hubatu.—Luqaas 12:15.

ATOO QARSHIIDHAAF ILAALCHA AKKAMII QABDA?

Gama kanaan of gamaaggamuun kee, qarshiidhaaf ilaalcha madaalamaa qabaachuun kan si barbaachisu taʼuu isaa akka hubattu si dammaqsuu dandaʼa. Fakkeenyaaf, gaaffiiwwan itti aananii jiran of gaafadhu.

  • Hojiin yeroo gabaabaa keessatti nama sooromsa jedhamee yaadamu na hawwataa?

  • Qarshii koo namootaaf arjoomuun natti ulfaataa?

  • Namoota yeroo hunda waaʼee qarshii fi waaʼee wantoota qabanii dubbatan michuu godhachuu nan barbaadaa?

  • Qarshii argachuuf jecha nan sobaa? Yookiin wantoota seeraan ala taʼan nan raawwadhaa?

  • Qarshiin nama bakka guddaa qabu akkan taʼe akka natti dhagaʼamu godhaa?

  • Wanti ani yeroo hunda yaadu waaʼee qarshii tii?

  • Ilaalchi ani qarshiidhaaf qabu, fayyaa koo ykn jireenya maatii koo akka malee miidhaa jiraa?

    Warra kaaniif kennuudhaan amala arjummaa horadhu

Gaaffiiwwan kana keessaa isa tokko ilaalchisee eeyyee jettee deebisteetta taanaan, yaada fi qorumsa qabeenya jaallachuudhaan sitti dhufu irraa fagaachuuf carraaqqii godhi. Namoota qarshii ykn qabeenyaaf akka malee iddoo guddaa kennanii wajjin michoomuu irraa fagaadhu. Kanaa mannaa, namoota qabeenya irratti utuu hin taʼin, seerawwan buʼuuraa guguddaa taʼaniif bakka guddaa kennanii wajjin michummaa uumi.

Jaalalli qarshii garaa kee keessatti hundee akka godhatu matumaa hin heyyamin. Kanaa mannaa, yeroo hunda qarshiidhaaf bakka sirrii taʼe kenni, jechuunis qarshii caalaa michoota kee, maatii kee, akkasumas nageenya miiraa fi nageenya qaamaa keetiif dursa kenni. Akkana gochuudhaan qarshiidhaaf ilaalcha madaalamaa akka qabdu argisiista.

^ KEY. 7 Maqaawwan mata duree kana keessa jiran tokko tokko jijjiiramaniiru.