Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Jibbi Hamma Kana kan Baayʼate Maaliifi?

Jibbi Hamma Kana kan Baayʼate Maaliifi?

Addunyaa irratti jibbi hamma kana kan baayʼate maaliifi? Sababa isaa beekuuf jibbi maal akka taʼe, namoonni kan nama jibban maaliif akka taʼee fi akkamitti akka babalʼatu beekuun keenya barbaachisaa dha.

Jibbi Maali Dha?

Jibbi nama tokko ykn garee tokko matumaa jaallachuu dhiisuu ykn akka diinaatti ilaaluu argisiisa. Yeroo muraasaaf nama tokkotti aaruu irra kan caalu dha.

NAMOONNI WARRA KAAN KAN JIBBAN MAALIIFI?

Namoonni sababii hedduudhaan warra kaan jibbu. Yeroo baayʼee namoonni warra kaan kan jibban wanta isaan raawwataniin utuu hin taʼin eenyummaa isaaniitiin kan kaʼe dha. Namoonni jibbaman namoota hamoo akka taʼan, warra kaan akka miidhanii fi jijjiiramuu akka hin dandeenyetti ilaalamu. Namoota kaanii gad akka taʼan, warra kaan balaadhaaf akka saaxilan ykn rakkina akka uumanitti lakkaaʼamuu dandaʼu. Namoonni warra kaaniif jibba qaban hamminnii fi jalʼinni haqaa ykn wanti jibbi akka babalʼatu godhu kan biraan isaan irratti raawwatamee taʼuu dandaʼa.

JIBBI KAN BABALʼATU AKKAMITTI?

Yeroo tokko tokko namoonni nama isaanii wajjin wal argee hin beekne illee ni jibbu. Fakkeenyaaf, namni tokko maatiin isaa ykn michoonni isaa garee namootaa tokko waan jibbaniif qofa innis isaan jibbuu dandaʼa. Kanaafuu, jibbi salphaatti babalʼachuu fi ilaalcha guutummaa garee tokkoo taʼuu dandaʼa.

Jibbi salphaatti akka babalʼatu hubachuun keenya namoonni baayʼeen kan nama jibban maaliif akka taʼe beekuuf nu gargaara. Haa taʼu malee, jibba addunyaa irratti babalʼate injifachuuf, jibbi kan jalqabe akkamitti akka taʼe beekuu qabna. Kanas Kitaaba Qulqulluu irraa barachuu dandeenya.

KITAABNI QULQULLUUN JIBBI KAN JALQABE AKKAMITTI AKKA TAʼE NI DUBBATA

JIBBA KAN JALQABE NAMOOTA MITI. Jibbi kan jalqabe maleekaan yeroo booda Seexana jedhame tokko samii keessatti Waaqayyo irratti yeroo fincila kaasetti dha. Seexanni yeroo fincila kaasee jalqabee “kan nama ajjeesu” dha. “Inni sobduu fi abbaa sobaa waan taʼeef,” jibbaa fi lola kakaasuu isaa itti fufeera. (Yohaannis 8:44; 1 Yohaannis 3:11, 12) Kitaabni Qulqulluun Seexanni hamaa, kan aaruu fi lola kan kakaasu akka taʼetti ibsa.—Iyyoob 2:7; Mulʼata 12:9, 12, 17.

NAMOONNI CUBBUU DHAALAN SALPHAATTI NAMA JIBBUU DANDAʼU. Addaam inni nama jalqabaa taʼe, cubbuu hojjechuudhaan fakkeenya Seexanaa hordofeera. Kanaan kan kaʼes, ilmaan namootaa hundi cubbuu fi mudaa dhaalaniiru. (Roomaa 5:12) Ilma hangafaa Addaam kan taʼe Qaayin, jibbaan kakaʼee obboleessa isaa Abeeliin ajjeeseera. (1 Yohaannis 3:12) Namoonni jaalalaa fi gara laafina argisiisan hedduun akka jiran beekamaa dha. Taʼus, cubbuu dhaalleen kan kaʼe namoonni baayʼeen ofittoo, kan hinaafanii fi kan koorani dha; amaloonni kun immoo jibbi akka babalʼatu godhu.—2 Ximotewos 3:1-5.

WAL DANDAʼUU DHABUUN JIBBA KAKAASA. Addunyaan keessa jiraannu ilaalchaa fi amala gara jabinaa fi hammina calaqqisiisu babalʼisuudhaan jibba kakaasa. “Guutummaan addunyaa . . . humna isa hamaa sanaa [jechuunis, Seexana] jala” waan jiruuf wal dandaʼuu dhabuun, jibbi halaalaa, arrabsoon, namatti roorrisuunii fi qabeenya namaa balleessuun babalʼateera.—1 Yohaannis 5:19.

Haa taʼu malee, Kitaabni Qulqulluun jibbi kan jalqabe akkamitti akka taʼe qofa utuu hin taʼin, furmaanni isaa maal akka taʼes ni ibsa.