Warra Roomaatiif 5:1-21

  • Karaa Kiristoos Waaqatti araaramuu (1-11)

  • Duuti karaa Addaam, jireenyi karaa Kiristoos (12-21)

    • Cubbuu fi duuti namoota hunda waliin gaʼe (12)

    • Gocha qajeelummaa tokko (18)

5  Kanaafuu, amma amantiidhaan qajeelota jedhamnee waan waamamneef,+ karaa Gooftaa keenya Yesuus Kiristoos Waaqayyoo wajjin nagaadhaan haa jiraannu;*+  kana malees, amantiin nuti Yesuus irratti qabnu Waaqayyotti akka dhihaannuu fi gaarummaa guddaa akka argannu godheera;+ Waaqayyo irraa ulfina akka argannu abdii waan qabnuufis haa gammannu.*  Kana qofa utuu hin taʼin, utuma rakkinni nu irra gaʼaa jiruus haa gammannu;*+ sababiin isaas, rakkinni jabaatanii dhaabbachuu akka argamsiisu beekna;+  jabaatanii dhaabbachuun immoo ejjennoo fudhatama qabu argamsiisa;+ ejjennoon fudhatama qabu immoo abdii argamsiisa;+  abdichis nama hin qaanessu;+ sababiin isaas, jaalalli Waaqayyoo karaa hafuura qulqulluu isa nuu kenname sanaa garaa keenya keessatti dhangalaʼeera.+  Utuma dadhaboo taanee jirruu,+ Kiristoos yeroo dursee murteeffametti cubbamootaaf duʼeera.  Nama qajeelaadhaaf kan duʼu tokko illee hin jiru; nama gaariidhaaf kan duʼu garuu, tarii jiraachuu dandaʼa.  Haa taʼu malee, Waaqayyo utuma nuti cubbamoota taanee jirruu, Kiristoos nuuf jedhee akka duʼu gochuudhaan jaalala nuuf qabu argisiiseera.+  Amma dhiiga isaatiin qajeelota jedhamnee waan waamamneef,+ karaa isaa dheekkamsa Waaqayyoo jalaa akka oollu beekamaa dha.+ 10  Sababiin isaas, utuu diinota taanee jirruu karaa duʼa Ilma isaa Waaqayyotti erga araaramnee,+ amma erga araaramnee booda, jireenya isaatiin akka fayyinu beekamaa dha. 11  Kana qofa utuu hin taʼin, karaa Gooftaa keenya Yesuus Kiristoos isa amma karaa isaa araara arganne sanaa Waaqayyotti gammadaa jirra.+ 12  Kanaan kan kaʼes, cubbuun karaa nama tokkoo addunyaatti gale, duutis karaa cubbuu dhufe;+ kanaafuu, namoonni hundi cubbuu waan hojjetaniif, duuti namoota hundumaa waliin gaʼe.+ 13  Seerichi utuu hin kennamin cubbuun addunyaa keessa ture; taʼus yeroo seerri hin jirretti namni tokko illee cubbuu hojjetteetta jedhamee hin himatamu ture.+ 14  Haa taʼu malee, namoota cubbuu Addaam ajajamuu diduudhaan hojjetee wajjin wal fakkaatu hin hojjenne irratti illee, duuti Addaamii kaasee hanga Museetti mootii taʼeera; Addaam isa booda isa dhufu sanaaf fakkeenya ture.+ 15  Taʼus kennaan sun akka cubbuu sanaa miti. Sababiin isaas, cubbuu nama tokkootiin namoonni hedduun duʼaniiru; gaarummaan Waaqayyoo inni guddaanii fi kennaan tolaa karaa nama tokkoo,+ jechuunis karaa Yesuus Kiristoos argame garuu, namoota hedduudhaaf faayidaa guddaa argamsiiseera.+ 16  Kana malees, wanti kennaan tolaa sun argamsiise, wanta cubbuun nama tokkoo sun fidee wajjin tokko miti.+ Murtiin cubbuu tokkoo wajjin dhufe yakka fideera;+ kennaan namoonni hedduun cubbuu erga raawwatanii booda dhufe garuu, qajeelota jedhamanii akka waamaman godheera.+ 17  Cubbuu nama tokkootiin kan kaʼe duuti karaa nama sanaa erga mootii taʼee,+ namoonni gaarummaa guddaa fi kennaa tolaa qajeelummaa baayʼinaan argatan+ karaa nama tokkoo, jechuunis karaa Yesuus Kiristoos jireenya argatanii+ mootota taʼanii akka bulchan+ caalaatti mirkanaaʼaa dha. 18  Kanaafuu, akkuma cubbuun tokko akaakuu namootaa hundatti yakka mursiise,+ akkasuma gochi qajeelaan tokko akaakuun namootaa hundi+ qajeelota jedhamanii jireenya akka argatan godha.+ 19  Akkuma ajajamuu diduu nama tokkootiin namoonni hedduun cubbamoota taʼan,+ ajajamuu nama tokkootiin namoonni hedduun qajeelota taʼu.+ 20  Seerichi namoonni hammam cubbamoota akka taʼan argisiisuuf kenname.+ Taʼus, bakka cubbuun baayʼatetti, gaarummaa guddaanis caalaatti baayʼate. 21  Kun kan taʼe maaliifi? Akkuma cubbuun duʼaa wajjin mootii taʼe,+ gaarummaa guddaan inni karaa Yesuus Kiristoos Gooftaa keenyaa jireenya bara baraatti geessus karaa qajeelummaa mootii akka taʼuufi+

Miiljaleewwan

Ykn tarii, “nagaa qabna.”
Ykn tarii, “ni gammanna.”
Ykn tarii, “ni gammanna.”