Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Daldalli garbootaa Afriikaa fi Ameerikaa gidduu ture buʼaa guddaa kan argamsiisu ture

Bara Durii fi Yeroo Ammaatti—Garbummaa Jalaa Bilisa Baʼuu

Bara Durii fi Yeroo Ammaatti—Garbummaa Jalaa Bilisa Baʼuu

Bilesiingi * hojii rifeensa mataa miidhagsuu akka argattu waadaan ishiidhaaf galamee gara Awurooppaa deemte. Haa taʼu malee, guyyaa kudhan walitti aansuudhaan erga reebamtee fi erga maatii ishii doorsisanii booda, hojii sagaagalummaa irratti akka bobbaatu dirqamteetti.

Fakkii garboota Gibxii ishii bara durii argisiisu

Bilesiingi liqii yuuroo 40,000 * ol taʼuu fi hojjechiistuun ishii itti murteessite kaffaluuf, halkan tokkotti yuuroo 200 hanga 300tti argachuu qabdi turte. Bilesiingi, “Yeroo baayʼee miliquuf nan yaadan ture; garuu maatii koo irratti waa akka hin geessine nan sodaadhan ture. Kiyyoo keessa galeen ture” jetteetti. Seenaan Bilesiingi, haala namoonni addunyaa maratti gocha saalquunnamtii wajjin wal qabateen garbummaa jala jiranii fi miliyoona afur taʼan keessa jiran akka gaariitti kan argisiisu dha.

Gara waggaa 4,000 dura, dargaggeessi umurii waggoota kurnanii keessa turee fi Yoseef jedhamu obboloonni isaa isa gurguranii turan. Achiis mana namicha Gibxii beekamaa taʼe tokko keessatti garbummaadhaan jiraachuu jalqabe. Bilesiingi irraa haala adda taʼeen, Yoseef jalqaba irratti gooftaa isaa irraa miidhaan isa irra hin geenye. Yeroo haati manaa gooftaa isaa akka inni ishii wajjin ciisu gochuuf irra deddeebitee yaaltetti kan dide taʼus, dirqisiisee gudeeduuf akka yaaletti sobaan himatamee itti murteeffame. Achiis mana hidhaa akka galuu fi hidhaa sibiilaatiin akka hidhamu godhameera.—Uumama 39:1-20; Faarfannaa 105:17, 18.

Yoseef garbicha kan ture bara duriitti siʼa taʼu, Bilesiingi garuu garbittii kan taate jaarraa 21ffaatti dha. Taʼus, lamaan isaanii iyyuu barsiifata bara dheeraa lakkoofsisee fi namoota akka miʼaatti daldaluudhaan faayidaa dinagdee malee namaaf akka hin yaanne argisiisuun gidiraa arganiiru.

WARAANNI DALDALLI GARBOOTAA AKKA BABALʼATU GODHEERA

Waraanni karaa biyyoonni salphaatti garboota itti argatan taʼee tajaajileera. Mootiin Gibxii Tutmoos 3ffaan, Kanaʼaan irratti duulee takkaatti hidhamtoota 90,000 boojiʼee akka deebiʼe dubbatama. Namoonni Gibxiis garboota taʼanii hojii albuuda baasuu, mana qulqullummaa ijaaruu fi boʼoo baasuu akka hojjetan isaan godhaniiru.

Bulchiinsa Roomaa jalattis, waraanni garboota hedduu argamsiiseera; yeroo tokko tokko garboota argachuuf jecha waraanni ni banama ture. Jaarraa 1ffaatti jiraattota Roomaa keessaa harka walakkaa kan taʼan garboota akka turan tilmaamama. Garboonni biyya Gibxii fi Roomaa hedduun gara jabinaan garmalee akka hojjetan godhamu turan. Fakkeenyaaf, garboonni Roomaa keessatti albuuda baasuu irratti bobbaʼanii turan gara umurii waggaa 30 qofa jiraatu turan.

Yeroo dheeraa boodas garbummaan fooyyaʼuu hin dandeenye. Jaarraa 16ffaatii hanga 19ffaatti, daldalli garbootaa Afriikaa fi Ameerikaa gidduutti geggeeffame addunyaa irratti daldala buʼaa guddaa argamsiisu keessaa tokko ture. Gabaasni Yuuneeskoo, ‘Dhiironni, dubartoonni fi ijoolleen miliyoona 25 hanga 30 taʼan humnaan akka fudhatamanii fi akka gurguraman tilmaamama’ jedheera. Namoonni kumaatama dhibbaan lakkaaʼaman utuu garba Atlaantiikii ceʼaa jiranii akka duʼan dubbatama. Garbichi balaa sana irraa oolee fi Olaawudaa Eekwiyaanoo jedhamu, “Iyya dubartoonnii fi sagalee namoonni duʼaa fi jireenya gidduu jiran dhageessisaniin kan kaʼe haalli isaa baayʼee suukanneessaa waan tureef haala ture ibsuun nama rakkisa” jedhee gabaaseera.

Kan nama gaddisiisu, garbummaan seenaa gaddisiisaa kanaan dura ture qofa miti. Intarnaashinaal Leebar Orgaanaayizeeshin akka gabaasetti yeroo harʼaattis dhiironni, dubartoonnii fi ijoolleen gara miliyoona 21 taʼan toʼannaa namootaa jala kan jiran siʼa taʼu, kaffaltii xinnoodhaan ykn kaffaltii malee hojjechuudhaan akka garbootaatti tajaajilaa jiru. Garboonni ammayyaa bakka albuudni itti baafamutti, bakka hojiin humna fixuu fi fayyaa isaanii balaadhaaf saaxilu itti hojjetamutti, bakka xuubii itti oomishanitti, manneen sagaagalummaan itti raawwatamuu fi manneen dhuunfaa keessatti hojjetu. Ifatti hubachuun akka dandaʼamutti, garbummaan akkanaa kun seeraan ala taʼus dabalaa jira.

Harʼas namoonni miliyoonaan lakkaaʼaman garbummaa jala jiru

BILISA BAʼUU

Garboonni hedduun gara jabina isaan irratti raawwatame jalaa bilisa baʼuuf walʼaansoo godhaniiru. Ispaartaakas gilaadiyaatarichii fi garboonni gara 100,000 taʼan, Dh.K.D. jaarraa 1ffaatti fincila utuu hin milkaaʼin hafe Roomaa irratti kaasanii turan. Garboonni biyya Hiispaaniyoolaa odoola Kaariibiyaan keessa turan jaarraa 18ffaatti gooftota isaanii irratti fincila kaasanii turan. Hacuuccaan garboota maasii shonkooraa keessaa hojjetan irra gaʼe, waraanni waggaa 13f itti fufe biyyattii keessatti akka kaʼu godheera; kunis Heeyitiin bara 1804tti biyya ofiin of bulchitu akka taatu godheera.

Haa taʼu malee, garbummaa jalaa baʼuudhaan seenaa keessatti milkaaʼina hunda irra caalu kan argatan Israaʼeloota garbummaa Gibxii jalaa baʼani dha. Guutummaan sabichaa, tarii namoonni miliyoona sadii taʼan garbummaa Gibxii jalaa bilisa baʼaniiru. Dhuguma iyyuu bilisa baʼuun isaaniif ni mala ture. Kitaabni Qulqulluun jireenya Israaʼeloonni Gibxii keessatti dabarsan, “Hojii [“garbummaa,” NW] hundumaa hojjechiisuudhaan isaanitti in hammaatan” jechuudhaan ibsa. (Baʼuu 1:11-14) Mootota Gibxii keessaa tokko lakkoofsi Israaʼelootaa akka hin guddanne gochuuf jecha, ijoolleen reefu dhalatan akka ajjeefaman labsii baasee ture.—Baʼuu 1:8-22.

Israaʼeloota hacuuccaa isaan irratti raawwatamu jalaa bilisa kan baase Waaqayyo waan taʼeef, haalli isaan Gibxii jalaa bilisa itti baʼan adda ture. Waaqayyo, “Dhiphina isaaniis ani beeka; ani . . . isaan baasuudhaaf gad buʼeera” jedhee Museetti himeera. (Baʼuu 3:7, 8) Hanga harʼaatti, Yihudoonni bakka hundatti argaman yeroo kana yaadachuuf jecha waggaa waggaadhaan Ayyaana Faasikaa ni kabaju.—Baʼuu 12:14.

YOMMUU GARBUMMAAN YEROO DHUMAATIIF ITTI HAFU

Kitaabni Qulqulluun, ‘Waaqayyo gooftaa keenya bira jalʼinni akka hin jirre’ kan dubbatu siʼa taʼu, inni akka hin geddaramnes nuuf mirkaneessa. (2 Seenaa 19:7; Miilkiyaas 3:6) Waaqayyo, ‘warri boojiʼaman birmaduu akka baʼanii fi warri cunqurfaman bilisa akka baʼan akka labsuuf’ Yesuusiin ergeera. (Luqaas 4:18) Kana jechuun, gosa garbummaa hundumaa jalaa bilisa baasuu jechuu dhaa? Akkas jechuu miti. Yesuus kan ergame, garbummaa cubbuu fi duʼaa jalaa namoota bilisa akka baasuufi dha. Yeroo booda Yesuus, “Dhugaanis bilisa isin baasa” jedheera. (Yohaannis 8:32) Yeroo harʼaatti iyyuu, dhugaan Yesuus barsiise karaa hedduudhaan namoota bilisa baasaa jira.—Saanduqa “ Garbummaa Adda Taʼe Jalaa Bilisa Baʼe” jedhu ilaali.

Waaqayyo Yoseefii fi Bilesiingi karaa adda taʼeen garbummaa jalaa bilisa akka baʼan gargaareera. Seenaa Yoseef isa adda taʼe, Kitaaba Qulqulluu keessaa, Uumama boqonnaa 39 hanga 41 irratti argachuu ni dandeessa. Carraaqqiin Bilesiingi garbummaa jalaa baʼuuf gootes kan nama dinqisiisu dha.

Bilesiingi biyya Awurooppaa tokko keessaa erga baafamtee booda, gara biyya Ispeen deemte. Achitti Dhuga Baatota Yihowaa wajjin wal argitee Kitaaba Qulqulluu qoʼachuu jalqabde. Akkaataa jireenyaa ishii jijjiiruuf kan murteessite siʼa taʼu, hojii dhaabbataas ni argatte; akkasumas dubartiin liqii ishii irraa qabdu qarshii jiʼa jiʼaan kaffaltu akka ishiidhaaf hirʼistu amansiiste. Gaaf tokko dubartiin ishiin Bilesiingi irraa liqii qabdu ishiidhaaf ni bilbilte. Liqii ishii irraa qabdu akka ishiidhaaf dhiistu kan itti himte siʼa taʼu, dhiifama akka ishiidhaaf gootus Bilesiingiin gaafatte. Akkana gochuuf maaltu ishii kakaase laata? Ishiinis Dhugaa Baatota Yihowaa wajjin Kitaaba Qulqulluu qoʼachuu jalqabdee turte! Bilesiin, “Dhugaan karaa dinqisiisaa taʼeen garbummaa jala bilisa si baasa” jetteetti.

Yeroo Israaʼeloonni garbummaa Gibxii jalatti dararamaa turanitti, Yihowaan gaddee ture; harʼas jalʼina raawwatamu yeroo argu akkasuma isatti dhagaʼama. Dhugaa dha, garbummaa hunda hambisuuf, hawaasa ilmaan namootaa irratti jijjiirama guddaa gochuu gaafata. Taʼus, Waaqayyo jijjiirama akkanaa fiduuf waadaa galeera. “Haa taʼu malee akkuma inni abdii kennetti, samiiwwan haaraa fi lafa haaraa warra qajeelummaan keessa jiraatu ni eegganna.”—2 Pheexiros 3:13

^ KEY. 2 Maqaan ishii jijjiirameera.

^ KEY. 3 Yeroo sanatti, gatiin yuuroo doolaara Ameerikaa wajjin qixxee ture.